Isaayyaas 14:1-32

  • Israaʼel biyya isaa keessa ni jiraata (1, 2)

  • Arrabsoo mootii Baabilon irratti dubbatamu (3-23)

    • Urjiin ifu samii irraa ni kufa (12)

  • Harki Yihowaa Asooricha ni caccabsa (24-27)

  • Murtii Filisxeem irratti dabarfame (28-32)

14  Yihowaan Yaaqoobitti gara laafina ni argisiisa;+ deebiʼees Israaʼeliin ni filata.+ Inni biyya isaanii keessa isaan qubachiisa;*+ namoonni biyya ormaas isaanii wajjin ni taʼu, mana Yaaqoobittis ni maxxanu.+  Namoonni kunis fudhatanii gara biyya ofii isaaniitti isaan geessu; manni Israaʼel biyya Yihowaa keessatti tajaajiltoota dhiiraa fi tajaajiltoota durbaa godhanii isaan ni dhaalu;+ warra isaan boojiʼanii turan sana ni boojiʼu; warra dirqisiisanii isaan hojjechiisaa turanis* toʼannaa jala ni galfatu.  Guyyaa Yihowaan dhiphina, jeequmsaa fi garbummaa cimaa si irratti feʼamee ture irraa boqonnaa siif kennutti,+  akkana jettee mootii Baabilon irratti mammaakta:* “Inni warra kaan dirqisiisee hojjechiisaa ture* dhumni isaa akkamitti gaʼe! Gochi cunqursaan sun akkamitti dhaabbate!+   Yihowaan ulee hamootaa,Ulee bulchitootaa,+   Isa irra deddeebiʼee gara jabinaan saboota rukutu,+Isa ariʼatama wal irraa hin cinneen aariidhaan saboota toʼannaa isaa jala galchu sana cabseera.+   Guutummaan lafaa amma boqotteetti, jeequmsa irraas bilisa taateetti. Namoonni gammachuudhaan ni ililchu.+   Mukeetiin birbirsaa illeeGaattiraawwan Libaanonii wajjin taʼuudhaan wanta si irra gaʼetti ni gammadu. Isaan, ‘Ati erga kuftee jalqabee,Namni muka muru nutti dhufee hin beeku’ jedhu.   Awwaalli* lafa jalatti argamu illeeYeroo dhuftu si argachuuf kakaʼeera. Sababii keetiin inni warra duʼaan moʼaman,Geggeessitoota lafaa warra cunqursitoota* taʼan hundumaa ni dammaqsa. Mootota sabootaa hundumaa teessoo isaanii irraa ni kaasa. 10  Hundi isaanii akkana jedhanii sitti dubbatu: ‘Atis akkuma keenya dadhabaa taatee? Atis akkuma keenya taatee? 11  Of tuulummaan kee,Sagaleen meeshaawwan muuziqaa kee warra ribuu qabaniis+ gara Awwaalaatti* gad buufamaniiru. Raammoon akka sireetti siif afameera,Wanti irraan uffattus isuma dha.’ 12  Yaa urjii ibsitu nana, yaa ilma barraaqaa,Ati akkamitti samii irraa kufte! Ati inni saboota injifatte,Akkamitti muramtee lafa irra ciiste!+ 13  Ati garaa keetti akkana jettee turte: ‘Ani gara samiiwwaniitti ol nan baʼa.+ Teessoo koo urjiilee Waaqayyoo gararraatti ol nan kaasa,+Gaara walgaʼii isaKallattii kaabaatiin fagaatee argamu irras nan taaʼa.+ 14  Fiixee duumessootaa gubbaatti ol nan baʼa;Isa Hundaa Oliis nan fakkaadha.’ 15  Garuu ati gara Awwaalaatti,*Gara boolla fagaatee argamutti gad ni buuta. 16  Warri si arganis xiyyeeffannaadhaan si ilaalu;Sitti dhihaatanii si qorachuudhaanis akkana jedhu: ‘Kun namicha lafa sochoosaa ture,Isa mootummoota romʼisiisaa ture,+ 17  Isa addunyaa akkuma lafa onaa godhe,Magaalota isaa garagalche,+Warra hidhes gara mana isaaniitti deebisuu dide sana mitii?’+ 18  Mootonni sabootaa kaan hundi,Eeyyee, hundi isaaniiTokkoon tokkoon isaanii iddoo awwaalchaa* ofii isaanii keessa ulfinaan ni ciciisu. 19  Ati garuu akkuma latii* jibbameetti,Awwaala utuu hin argatin gatameetta;Reeffi kee reeffawwan goraadeedhaan waraanamaniiGara dhagoota boollaatti gad buʼaniin marameera;Ati akka reeffa faana jalatti dhidhiitamee taateetta. 20  Ati biyya kee waan balleessiteef,Uummata kees waan ajjeesteef,Awwaala keessatti isaanii wajjin hin taatu. Maqaan sanyii warra hammina hojjetaniis lammata hin dhaʼamu. 21  Isaan kaʼanii lafa akka hin qabanneef,Biyyattiis magaalota isaaniitiin akka hin guunneef,Yakka abbootii isaaniitiin kan kaʼe,Iddoo ilmaan isaa itti qalaman qopheessaa.” 22  “Ani isaan irratti nan kaʼa”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. “Ani maqaas taʼe nama hafe, sanyiis taʼe dhaloota fuulduraa Baabilon keessaa haxaaʼee nan balleessa”+ jedha Yihowaan. 23  “Ani biyya dhaddee fi naannoo caffee ishii nan godha; harataa badiisaatiinis ishii nan haxaaʼa”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. 24  Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedhee kakateera: “Akkuman yaade ni taʼa,Akkuman murteessettis ni raawwatama. 25  Ani biyya koo keessatti Asooricha nan caccabsa,Gaarota koo irrattis isa nan dhidhiita.+ Waanjoon isaa isaan irraa,Baʼaan isaas gateettii isaanii irraa ni kaafama.”+ 26  Wanti guutummaa lafaa irratti murteeffame,*Harki guutummaa sabootaa irratti diriirfames* isa kana. 27  Yihowaan Gooftaan Raayyaa murteesseera,Eenyutu fashaleessuu dandaʼa?+ Harki isaa diriirfameera,Eenyutu duubatti deebisuu dandaʼa?+ 28  Bara Akaaz Mootichi duʼetti,+ murtiin akkana jedhu ni kenname: 29  Yaa Filisxeem, uleen isa si rukutu sanaa waanuma cabeef,Si keessaa namni tokko illee hin gammadin. Sababiin isaas, hidda bofaa+ sana irraa bofti summii qabu ni baʼa,+Sanyiin isaas bofa barrisuu fi ibidda baasu* ni taʼa. 30  Ijoolleen angafaa namoota rakkatoo taʼanii utuma nyaachaa jiranii,Hiyyeeyyiinis utuma tasgabbiidhaan ciisaa jiranii,Hidda kee beelaan nan ajjeesa,Wanti si irraa hafus ni ajjeefama.+ 31  Yaa karra nana, gadoodi! Yaa magaalaa nana, iyyi! Yaa Filisxeem, garaan hunda keessanii ni sodaata! Sababiin isaas, kallattii kaabaa irraa aarri tokko dhufaa jira,Toora isaa keessaa boodatti kan hafus hin jiru.” 32  Ergamtoota sabichaatiif maal jedhanii deebisuu qabu? Yihowaan buʼuura Xiyoon kaaʼuu isaa,+Saba isaa keessaas warri rakkatoon ishiitti kooluu galuu isaanii isaanitti ni himu.

Miiljaleewwan

Ykn., “keessatti boqonnaa isaaniif kenna.”
Ykn., “warra isaan hojjechiisanis.”
Ykn., “ni qoosta.”
Ykn., “Inni isaan hojjechiisaa ture.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “korbeeyyii reʼee.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “mana.”
Ykn., “damee.”
Kal., “Gorsi guutummaa lafaa irratti gorsame.”
Ykn., “rukutuuf qophaaʼes.”
Ykn., “bofa summii qabuu fi saffisaan loʼu.”