Isaayyaas 15:1-9

  • Murtii Moʼaab irratti dabarfame (1-9)

15  Murtii Moʼaab irratti dabarfame:+ Ishiin halkan tokkotti waan balleeffamteef,Aar+ ishiin Moʼaab cal jechisiifamteetti. Ishiin halkan tokkotti waan balleeffamteef,Qiir+ ishiin Moʼaab cal jechisiifamteetti.   Inni booʼuuf, gara Manichaattii* fi gara Diboonitti,+Gara iddoowwan ol kaʼootti ol baʼeera. Moʼaab Neboo+ fi Medebaadhaaf+ ni gadooddi. Mataan hundi haadameera,+ areedni hundis murameera.+   Isaan daandiiwwan ishii irratti uffata gaddaa uffataniiru. Hundi isaanii baaxiiwwan isaanii irrattii fi addabaabayiiwwan isaanii keessatti ni gadoodu;Booʼaas gad ni buʼu.+   Heshboonii fi Eleʼaaleen+ ni iyyu;Sagaleen isaaniis hamma Yaahaazitti+ dhagaʼama. Namoonni Moʼaab warri meeshaa waraanaa hidhatan iyyaa kan jiran kanaafi. Inni* romʼaa jira.   Garaan koo Moʼaabiif ni booʼa. Baqattoonni ishii hamma Zoʼaarii+ fi hamma Eglaat Sheliishiyaatti+ baqataniiru. Isaan yommuu ol baʼan irraan gadee Luhiit irratti ni booʼu;Balaa gaʼeen kan kaʼes daandii gara Horonaayimitti geessu irratti ni iyyu.+   Sababiin isaas, bishaanonni Nimriim goganiiru;Margi lalisaan gogeera,Margi badeera, wanti lalisaa taʼe tokko illee hin hafne.   Isaan wanta gootaraawwan isaanii keessattii fi qabeenya isaanii irraa hafe fudhatanii deemaa kan jiran kanaafi;Isaan sulula* alaltuu ceʼaa jiru.   Iyyi sun guutummaa naannoo Moʼaab keessatti ni dhagaʼama.+ Gadooduun sun hamma Eglaayimitti ni dhagaʼama;Gadooduun sun hamma Beʼeer Eeliimitti ni dhagaʼama.   Sababiin isaas, bishaanonni Dimoon dhiigaan guutamaniiru,Wantan Dimooniif qopheesse kan biraas qaba: Namoota Moʼaab warra miliqaniif,Warra biyyattii keessatti hafaniifis leenca qopheesseera.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Mana Qulqullummaattii.”
Ykn., “Lubbuun isaa.”
Ykn., “laga gogaa.”