Isaayyaas 31:1-9

  • Gargaarsi dhugaan nama irraa utuu hin taʼin Waaqa irraa argama (1-9)

    • Fardeen Gibxii fooni (3)

31  Warra gargaarsa argachuuf gara Gibxiitti gad buʼaniif,+Warra fardeenitti abdataniif,+Warra gaariiwwan fardaa hedduu taʼanitti,Fardeen waraanaa* ciccimoo taʼanittis amanamaniif wayyoo. Haa taʼu malee, isaan Isa Qulqulluu kan Israaʼel hin eeggatan,Akkasumas Yihowaa hin barbaaddatan.   Inni garuu ogeessa dha, badiisas ni fida,Wanta dubbate raawwachuu irraas duubatti hin jedhu. Inni mana warra hammina raawwatanii irratti,Warra namoota balleessaa raawwatan gargaaran irrattis ni kaʼa.+   Warri Gibxii garuu namoota malee Waaqa miti;Fardeen isaaniis fooni malee hafuura miti.+ Yommuu Yihowaan harka isaa diriirsutti,Inni gargaarsa kennu kam iyyuu ni gufataInni gargaarsa argatu kam iyyuus ni kufa,Hundi isaanii takkaatti ni badu.   Sababiin isaas, Yihowaan akkana naan jedheera: “Akkuma leenci, leenci saafelli cimaa taʼe wanta adamsee qabate irratti gururiʼutti,Yommuu guutummaan tuuta tiksitootaa isa irratti wal waamanSagalee isaaniitiin kan kaʼe akkuma hin jeeqamnetti,Waca isaaniitiin kan kaʼes akkuma hin sodaannetti,Yihowaan Gooftaan RaayyaasGaara Xiyoonii fi tabba ishii irratti waraana banuuf gad ni buʼa.   Akkuma allaattiiwwan saffisaan gad buʼaniitti, Yihowaan Gooftaan Raayyaas Yerusaalemiin ni golbooba.+ Inni ishii ni golbooba, ishii ni fayyisa. Ishii ni baraara, ishii ni oolchas.”  “Yaa saba Israaʼel, gara isa qaanii malee irratti finciltan sanaatti deebiʼaa.+  Guyyaa sanatti tokkoon tokkoon namaa waaqolii isaa warra gatii hin qabnee fi meetii irraa tolfaman, akkasumas waaqolii isaa warra gatii hin qabnee fi warqii irraa tolfaman, warra cubbuudhaan kakaatanii harkuma keessaniin tolchitan sana ni tuffata.   Asoorichi goraadeedhaan ni kufa, garuu goraadee namaatiin miti;Goraadeen isa ni nyaata, garuu goraadee namaa miti.+ Inni goraadeedhaan kan kaʼe ni baqata,Dargaggoonni isaas hojii dirqamaa ni hojjetu.   Kattaan isaa sodaa guddaadhaan ni darba,Bulchitoonni isaas jirma mallattootiin kan kaʼe ni jeeqamu” jedha YihowaanInni ibsaan* isaa Xiyoon keessa, iddoon ibiddaa isaas Yerusaalem keessa jiru.

Miiljaleewwan

Ykn., “Abbootii fardeenii.”
Ykn., “ibiddi.”