Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFFII 1

Waaqayyo Eenyu?

“Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii taʼuu kee namoonni haa beekan.”

Faarfannaa 83:⁠18

“Yihowaan Waaqa taʼuu isaa beekaa. Kan nu tolche isa dha, nutis kan isaa ti.”

Faarfannaa 100:3

“Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana; ulfina koo eenyuuf iyyuu hin kennu, galata koos fakkiiwwan bocamaniif hin kennu.”

Isaayyaas 42:8

“Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya.”

Roomaa 10:⁠13

“Manni hundi nama taʼe tokkoon akka ijaaramu beekamaa dha; inni wantoota hundumaa tolche garuu Waaqayyo dha.”

Ibroota 3:4

“Ija keessan gara samiitti ol kaasaatii ilaalaa. Wantoota kana kan uume eenyu? Raayyaa isaanii lakkoofsaan kan gad baasu isa dha; inni hunda isaanii maqaa maqaadhaan ni waama. Jabina isaa isa guddaa fi humna isaa isa sodaachisaa taʼeen kan kaʼe, isaan keessaa tokko illee hin hirʼatu.”

Isaayyaas 40:⁠26