Isaayyaas 12:1-6

  • Faarfannaa galataa (1-6)

    • ‘Yaah Yihowaan cimina koo ti’ (2)

12  Guyyaa sanatti ati dhugumaan akkana jetta: “Yaa Yihowaa, sin galateeffadha,Ati natti dheekkamtee kan turte taʼus,Dheekkamsi kee suutuma suuta qabbanaaʼeera, atis na jajjabeessiteetta.+   Kunoo, Waaqayyo fayyisaa koo ti.+ Ani amanannaa qaba, homaas hin sodaadhu;+Sababiin isaas, Yaah* Yihowaan cimina koo fi jabina koo ti,Inni fayyisaa koo naaf taʼeera.”+   Isin gammachuudhaan,Burqaawwan fayyinaa keessaa bishaan ni waraabdu.+   Guyyaa sanattis akkana jettu: “Yihowaadhaaf galata galchaa, maqaa isaas waammadhaa,Gochawwan isaa saboota gidduutti beeksisaa!+ Maqaan isaa ol qabamuu isaas labsaa.+   Inni wantoota dinqisiisoo+ waan raawwateef, Yihowaadhaaf faarfannaa galataa faarfadhaa.*+ Kun guutummaa lafaa irratti haa beeksifamu.   Inni Qulqulluun kan Israaʼel inni gidduu keessanitti argamu guddaa waan taʼeef,Isin jiraattonni* Xiyoon iyyaa, ililchaas.”

Miiljaleewwan

Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “muuziqaa qopheessaa.”
Kal., “Ati ishiin jiraattuu Xiyoon taate,” guutummaan sabichaa dubartii takkatti fakkeeffamee ti.