Isaayyaas 19:1-25

  • Murtii Gibxii irratti dabarfame (1-15)

  • Gibxiin Yihowaa ni beekti (16-25)

    • Gibxii keessa Yihowaadhaaf iddoon aarsaa ni jiraata (19)

19  Murtii Gibxii irratti dabarfame:+ Kunoo, Yihowaan duumessa saffisa qabuun gulufaa gara Gibxii dhufaa jira. Waaqoliin Gibxii warri gatii hin qabne isa duratti ni hollatu,+Garaan Gibxiis ishii keessatti ni baqa.   “Ani warra Gibxii warra Gibxii irratti nan kaasa,Isaanis wal waraanu,Tokkoon tokkoon namaa obboleessa isaa fi ollaa isaa irratti,Magaalaan magaalaa irratti, mootummaanis mootummaa irratti waraana ni bana.   Hafuurri Gibxii ishii keessatti ni jeeqama,Anis karoorawwan ishii nan fashaleessa.+ Isaan gara waaqolii gatii hin qabnetti,Gara warra dawweessanitti, gara eker dubbistootaa fi gara raagdotaatti ni garagalu.+   Biyya Gibxii gooftaa gara jabeessa taʼetti dabarsee nan kenna,Mootiin hamaanis isaan ni bulcha”+ jedha Gooftaa dhugaan, Yihowaan Gooftaan Raayyaa.   Bishaan galaanichaa ni goga,Lagichis ni waxalama, ni gogas.+   Lageen ni ajaaʼu;Boʼoowwan Abbayyaa warri Gibxii keessa jiranis ni hirʼatu, ni waxalamus. Shomboqqoowwanii fi caffeewwan ni tortoru.+   Biqiltoonni Laga Abbayyaa biratti, qarqara Abbayyaatti argaman,Akkasumas lafti qarqara Abbayyaatti argamuu fi sanyiin irratti facaafame+ hundi ni goga.+ Inni bubbeedhaan ni fudhatama, sana boodas hin jiraatu.   Warri qurxummii kiyyeessan ni gaddu,Warri kiyyoo qurxummii Abbayyaa keessatti darbatan gaddanii ni booʼu,Warri saaphana isaanii bishaanicha irratti diriirsanis ni xiqqaatu.   Warri muka talbaa+ irraa uffata hojjetan,Warri muka nama wayyaa dhaʼuu irratti uffata adii tolchanis ni qaaneffamu. 10  Namoonni ishii warri uffata dhaʼan ni caccabu;Warri mindeeffamanii hojjetan hundis ni gaddu.* 11  Bulchitoonni Zoʼaan+ gowwoota dha. Gorsitoonni Faraʼoon warri hunda caalaa ogeeyyii taʼan gorsa sirrii hin taane kennu.+ Isin akkamitti Faraʼooniin,“Ani sanyii ogeeyyii ti,Ani sanyii mootota durii ti” jettu? 12  Maarree namoonni kee warri ogeeyyiin eessa jiru?+ Isaan Gibxii ilaalchisee wanta Yihowaan Gooftaan Raayyaa murteesse beeku yoo taʼe sitti haa himan. 13  Bulchitoonni Zoʼaan gocha gowwummaa raawwataniiru;Bulchitoonni Noof*+ gowwoomfamaniiru;Ajajjoonni gosootaa ishiis Gibxii karaa irraa jalʼisaniiru. 14  Yihowaan hafuura burjaajaʼuu ishii irratti dhangalaaseera;+Akkuma namni machaaʼe hooqqisa isaa keessa gatantaruttiIsaan wanta Gibxiin gootu hundumaatiin karaa irraa ishii jalʼisaniiru. 15  Gibxiin mataadhaafis taʼe eegeedhaaf, dameedhaafis taʼe caffeedhaaf,*Wanta gootu tokko illee hin qabaattu. 16  Guyyaa sanatti warri Gibxii harka isa sodaachisaa Yihowaan Gooftaan Raayyaa isaan irratti kaasuun kan kaʼe akkuma dubartootaa ni taʼu, ni hollatu, ni sodaatus.+ 17  Biyyi Yihudaas Gibxii ni sodaachisti. Murtoo Yihowaan Gooftaan Raayyaa isaan irratti dabarseen kan kaʼe, yommuu maqaan ishii dhaʼamu illee ni sodaatu.+ 18  Guyyaa sanatti biyya Gibxii keessatti magaalonni afaan Kanaʼaan+ dubbatanii fi Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif amanamoo taʼuuf kakatan shan ni jiraatu. Magaalaan tokko Magaalaa Diiguu jedhamtee ni waamamti. 19  Guyyaa sanatti biyya Gibxii gidduutti Yihowaadhaaf iddoon aarsaa tokko ni jiraata; daangaa ishii irrattis Yihowaadhaaf siidaan tokko ni dhaabama. 20  Innis biyya Gibxii keessatti Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif mallattoo fi ragaa ni taʼa; isaan warra isaan cunqursaniin kan kaʼe gara Yihowaatti ni iyyatu; innis fayyisaa guddicha isa isaan fayyisu isaaniif ni erga. 21  Yihowaan warra Gibxii biratti kan beekame ni taʼa, warri Gibxiis guyyaa sanatti Yihowaa ni beeku; isaan aarsaawwan ni dhiheessu, kennaawwan ni kennu, Yihowaadhaaf wareega ni wareegu, wareega sanas ni raawwatu. 22  Yihowaan Gibxii ni rukuta;+ ishii ni rukuta, ni fayyisas; isaan gara Yihowaatti ni deebiʼu, innis kadhannaa isaaniitiif deebii ni kenna, isaan ni fayyisas. 23  Guyyaa sanatti daandii guddaan Gibxii irraa gara Asooritti geessu tokko ni jiraata.+ Yeroo sanatti Asoor gara Gibxii, Gibxiinis gara Asoor ni dhufti; Gibxiin Asoorii wajjin Waaqayyoon ni tajaajilti. 24  Guyyaa sanatti Israaʼel sadaffaa taatee Gibxii fi Asoorii wajjin+ lafaaf eebba ni taati; 25  sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa, “Gibxiin ishiin saba koo taate, Asoor ishiin hojii harka kootii taate, Israaʼel ishiin dhaala koo taates haa eebbifaman”+ jedhee ishii ni eebbisa.

Miiljaleewwan

Ykn., “lubbuun isaanii ni gadda.”
Ykn., “Memfiis.”
Ykn tarii, “damee muka meexxiitiifis taʼe shomboqqoodhaaf.”