Isaayyaas 25:1-12
25 Yaa Yihowaa, ati Waaqa koo ti.
Ol sin qaba, maqaa kees nan jajadha,Sababiin isaas, ati wantoota dinqisiisoo raawwatteetta;+Bara duriitii jalqabeeWantoota kana amanamummaadhaan+ murteessiteetta.+
2 Ati magaalaa gara tuullaa dhagaatti,Magaalaa dallaa dhagaa qabdus gara tuullaa diiggaatti jijjiirteetta.
Masaraan namoota biyya ormaa kana booda magaalaa hin taʼu,Matumaas deebiʼee hin ijaaramu.
3 Uummanni cimaan ulfina kan siif kennu kanaafi;Magaalaan saboota cunqursitoota taʼaniis si sodaatti.+
4 Sababiin isaas, ati isa rakkataadhaaf dahoo taateetta;Isa hiyyeessaafis yeroo dhiphina isaatti dahoo,+Yeroo yandootti iddoo kooluu itti galan,Yeroo hoʼaattis gaaddisa taateetta.+
Dheekkamsi cunqursitootaa akkuma yandoo dallaatti rukutamuu yeroo taʼetti ati dahoo taateetta.
5 Ati akkuma hoʼa lafa gogaa keessa jiruutti,Waca namoota biyya ormaa ni qabbaneessita.
Akkuma hoʼi gaaddisa duumessaatiin qabbanaaʼutti,Faarfannaan cunqursitootaas cal jechisiifameera.
6 Yihowaan Gooftaan Raayyaa gaara kana+ irratti saboota hundumaatiif,Affeerraa nyaatawwan gaggaarii,+Daadhii wayinii baʼeessaa fiNyaatawwan gaggaarii dhuka lafeetiin guutaman,Akkasumas affeerraa daadhii wayinii baʼeessaa fi calalameen guutame ni qopheessa.
7 Inni gaara kana irratti kafana namoota hundumaa haguuge,Huccuu* saboota hundumaa irratti diriirfames ni balleessa.*
8 Inni bara baraaf duʼa ni liqimsa,*+Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan fuula hundumaa irraa imimmaan ni haqa.+
Guutummaa lafaa irraa arrabsoo saba isaa irra jiru ni balleessa,Yihowaan kana dubbateera.
9 Guyyaa sanatti isaan akkana jedhu:
“Kunoo, Waaqni keenya isa kana!+
Nuti isa abdanneerra,+Innis nu oolcha.+
Kun Yihowaa dha!
Nuti isa abdanneerra.
Fayyina karaa isaatiin argamuuf haa gammannu, haa ililchinus.”+
10 Harki Yihowaa gaara kana irra ni buufata,+Akkuma citaan tuullaa dikee irratti dhidhiitamutti,Moʼaabis iddoo ishii irratti ni dhidhiitamti.+
11 Akkuma namni bishaan daaku tokko bishaan daakuuf harka isaatiin rukututti,Innis harka isaatiin ishii ni rukuta;Harka isaa beekumsaan sochoosuudhaanisOf tuulummaa ishii ni balleessa.+
12 Inni magaalaa dallaa dhagaa qabduDallaawwan eegumsaa kee warra dhedheeroo taʼanii wajjin ni kuffisa;Lafaan dhaʼees biyyootti ishii dabala.

