Isaayyaas 17:1-14

  • Murtii Damaasqoo irratti dabarfame (1-11)

  • Yihowaan saboota ni ifata (12-14)

17  Murtii Damaasqoo irratti dabarfame:+ “Kunoo, Damaasqoon magaalaa taʼuun ishii ni hafa,Ishiin tuullaa diiggaa ni taati.+   Magaalonni Aroʼer+ ni onu;Isaan bakka bushaayeewwan keessa ciisan ni taʼu,Kan isaan sodaachisus hin jiraatu.   Efreem+ keessaa magaalonni dallaa dhagaa qaban ni badu,Damaasqoo keessaas mootummaan ni bada;+Sooriyaa keessaa warri hafanAkkuma ulfina Israaʼelotaa* ni taʼu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.   “Guyyaa sanatti ulfinni Yaaqoob ni xiqqaata,Qaamni isaa inni fayya buleessa taʼes* ni huqqata.   Inni akkuma yeroo namni midhaan dhaabbatee jiru walitti qabutti taʼu ni taʼa,Akkuma namni tokko yeroo Sulula* Refaayim+ keessatti qaarmii midhaanii funaanu godhuttisIrreen isaa mataa midhaanii walitti ni qaba.   Akkuma yeroo mukti ejersaa* rukutamu taʼutti,Qaarmii qofatu hafa;Damee hunda caalaa dheeraa taʼe irratti firii ejersaa bilchaate lama yookiin sadii qofatu hafa,Dameewwan isaa warra firii godhatan irrattis firii afur yookiin shan qofatu hafa”+ jedha Yihowaan Waaqni Israaʼel.  Guyyaa sanatti namni gara isa isa tolche sanaa ni ilaala, ijji isaas xiyyeeffannaadhaan gara Isa Qulqulluu kan Israaʼel ni ilaala.  Inni gara iddoowwan aarsaa+ warra hojii harka isaa taʼanii hin ilaalu;+ gara utubaawwan waaqeffannaa* yookiin gara miʼawwan ixaana itti aarsan warra qubni isaa tolchees xiyyeeffannaadhaan hin ilaalu.   Guyyaa sanatti magaalonni isaa warri dallaa dhagaa qaban akkuma lafa gogaa bosona keessa jiruu,+Akkuma damee Israaʼelota duratti dhiifamees ni taʼu;Inni lafa onaa ni taʼa. 10  Sababiin isaas, ati Waaqa isa fayyisaa kee taʼe irraanfatteetta;+Qarsaa+ dahoo keetiis utuu hin yaadatin hafteetta. Biqiltoota mimmiidhagoo* kan dhaabde,Damee ormaas* isa gidduutti kan dhaabde kanaafi. 11  Guyyaa, of eeggannoodhaan biqiltuu keetti dallaa ni ijaarta,Ganamas, sanyiin kee akka latu ni goota,Oomishni sun garuu guyyaa dhukkubaattii fi guyyaa waraansa hin fayyineetti ni bada.+ 12  Ilaa, jeequmsi namoota hedduu,Warra akkuma galaanotaatti jeeqamanii ni dhagaʼama! Wacni sabootaa,Warri sagaleen isaanii akkuma huursaa bishaanota jajjaboo taʼee ni dhagaʼama! 13  Saboonni sagalee akkuma huursaa bishaanota hedduu taʼee ni dhageessisu. Inni isaan ni ifata, isaanis gara bakka fagootti ni baqatu;Akkuma habaqii gaarota irra jiruu fi bubbeen ariʼuu,Akkuma sokorruu bubbeen gaggaragalchaa fudhatuus ni taʼu. 14  Galgala jeequmsi jira. Bariʼuu isaa duras isaan achitti hin argaman. Qoodni warra nu saamanii,Carraan warra qabeenya keenya humnaan fudhataniis kana dha.

Miiljaleewwan

Kal., “ilmaan Israaʼel.”
Kal., “coomni foon isaatiis.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn., “nama gammachiisan.”
Ykn., “waaqa ormaas.”