Isaayyaas 62:1-12
-
Maqaa haaraa Xiyooniif kenname (1-12)
62 Qajeelummaan ishii akkuma ifa guddaatti hamma ifutti,+Fayyinni ishiis akkuma gucaatti hamma bobaʼutti,+Ani Xiyooniif jedhee calluma hin jedhu,+Yerusaalemiif jedhees calluma jedhee hin taaʼu.
2 “Yaa dubartii nana, saboonni qajeelummaa kee,+Mootonni hundis ulfina kee ni argu.+
Atis maqaa haaraa,Isa afaan Yihowaatiin siif moggaafamuun ni waamamta.+
3 Ati harka Yihowaa keessatti gonfoo miidhaginaa,Barruu Waaqa keetii keessattis marata mataa mootii ni taata.
4 Ati kana booda dubartii dhiifamte jedhamtee hin waamamtu,+Biyyi kees kana booda ona jedhamtee hin waamamtu.+
Kanaa mannaa, ati Ishii Ani Itti Gammadu jedhamtee waamamta,+Biyyi kees Ishii Heermute jedhamtee waamamti.
Sababiin isaas, Yihowaan sitti ni gammada,Biyyi kees akkuma dubartii heerumtee ni taati.
5 Akkuma dargaggeessi durba fuudhutti,Ilmaan kees si fuudhu.
Akkuma misirrichi misirrittiitti gammadutti,Waaqni kees sitti gammada.+
6 Yaa Yerusaalem, ani dallaawwan kee irratti waardiyyoota muudeera.
Isaan guyyaa guutuu fi halkan guutuu yeroo hundumaa calluma jechuu hin qaban.
Isin warri waaʼee Yihowaa dubbattan,Hin boqotinaa,
7 Hamma inni Yerusaalemiin cimsee dhaabutti,Eeyyee, hamma inni namoonni lafa irra jiraatan hundi akka ishii jajatan godhutti boqonnaa tokko iyyuu isaaf hin kenninaa.”+
8 Yihowaan harka isaa isa mirgaa, irree isaa isa jabaas kaasee akkana jedhee kakateera:
“Kana booda nyaata akka isaaniif taʼuuf midhaan kee diinotaaf hin kennu,Namoonni biyya ormaas daadhii wayinii kee isa haaraa isa itti dhamaate hin dhugan.+
9 Haa taʼu malee, warri midhaanicha sassaaban isa nyaatanii Yihowaa ni jajatu;Warri firii wayinii walitti qabanis mooraa koo isa qulqulluu keessatti daadhii wayinii ni dhugu.”+
10 Darbaa, karricha keessa darbaa.
Sabichaaf daandii qopheessaa.+
Ijaaraa, daandii guddaa ijaaraa.
Dhagoota isa irraa kaasaa.+
Uummatichaaf mallattoo* tokko dhaabaa.+
11 Kunoo, Yihowaan hamma andaara lafaatti akkana jedhee labseera:
“Intala Xiyooniin,‘Kunoo, fayyinni kee ni dhufa.+
Kunoo, badhaasni isaa isa bira jira,Gatiin inni kaffalus isa dura jira’ jedhaa.”+
12 Isaan saba qulqulluu, isa Yihowaan fure+ jedhamanii waamamu,Atis Ishii Barbaadamtu, Magaalaa hin Dhiifamne jedhamtee waamamta.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “jirma mallattoo.”