Isaayyaas 36:1-22
36 Hisqiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 14ffaa isaatti, Senaaheriib mootiin Asoor+ gara magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa dhufee isaan qabate.+
2 Achiis mootiin Asoor Raabshaaqicha*+ raayyaa waraanaa guddaa tokkoo wajjin Laakiish+ irraa gara Hisqiyaas Mootichaa isa Yerusaalem keessa jirutti ni erge. Isaanis boʼoo bishaan kuufamaa isa olii+ bira, jechuunis daandii guddaa isa gara maasii namicha uffata miiccuutti+ geessu bira dhaabbatan.
3 Achiis Eliyaaqiim+ ilmi Hilqiyaa inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan+ inni barreessaa taʼee fi Yoʼaan ilmi Asaaf inni barreessaa seenaa taʼe isatti gad ni baʼan.
4 Kanaafuu, Raabshaaqichi akkana isaaniin jedhe: “Maaloo, Hisqiyaasiin akkana jedhaa: ‘Mootii isa guddaa kan taʼe mootiin Asoor akkana jedha: “Amanannaa akkanaa akka qabaattu kan si godhe maali dha?+
5 Ati, ‘Ani tooftaa fi humna waraanaaf na barbaachisu qaba’ jetta; kun garuu dubbii gatii hin qabne dha. Ana irratti fincila kaasuuf kan onnatte, eenyutti amanattee ti?+
6 Kunoo, ati deggersa Gibxii ishii shomboqqoo caccabaa taatee fi namni tokko yoo itti hirkate barruu isaa waraantu sanaatti amanatteetta. Faraʼoon mootiin Gibxii warra isatti amanatan hundumaatiif akkanuma dha.+
7 Isin, ‘Nuti Waaqa keenya Yihowaatti amananna’ yoo naan jettan garuu, Hisqiyaas Yihudaa fi Yerusaalemiin, ‘Isin sagaduu kan qabdan iddoo aarsaa kana duratti dha’+ jedhee, iddoowwan ol kaʼoo fi iddoowwan aarsaa isaa diigeera mitii?”’+
8 Kanaafuu, maaloo, amma gooftaa koo mootii Asoorii wajjin wal morkadhu:+ Ati namoota farda gulufan argachuu yoo dandeesse, ani fardeen 2,000 siifan kenna.
9 Ati gaariiwwan fardaa fi abbootii fardeenii argachuuf Gibxiitti amanattee utuu jirtuu, tajaajiltoota gooftaa kootii keessaa bulchaa isa hunda irra gad aanu tokko illee akkamitti of irraa deebisuu dandeessa?
10 Ishii balleessuuf gara biyya kanaatti kanan ol baʼe heyyama Yihowaa malee sitti fakkaataa? Yihowaan iyyuu, ‘Gara biyya kanaatti ol baʼiitii ishii balleessi’ naan jedheera.”
11 Yeroo kanatti Eliyaaqiim, Shebnaanii+ fi Yoʼaan Raabshaaqichaan,+ “Nuti afaanicha waan dandeenyuuf, maaloo, Afaan Aaraamiin*+ nu tajaajiltoota keetti dubbadhu malee, afaan Yihudootaa isa namoonni dallicha irra jiran dhagaʼaniin nutti hin dubbatin” jedhan.+
12 Raabshaaqichi garuu, “Gooftaan koo kan na erge, wanta kana gooftaa keettii fi sitti qofa akkan himuufii? Namoota dallicha irra taaʼan, warra isinii wajjin bobbaa isaanii nyaachuu fi fincaan isaanii dhuguuf jiran sanattis akkan dubbadhuuf mitii?” jedhe.
13 Achiis Raabshaaqichi dhaabbatee sagalee isaa ol kaasee afaan Yihudootaatiin+ akkana jedhe: “Dubbii mootii Asoor, mooticha isa guddaa dhagaʼaa.+
14 Mootichi akkana jedha: ‘Hisqiyaas isin oolchuu waan hin dandeenyeef, inni isin hin gowwoomsin.+
15 Akkasumas Hisqiyaas, “Yihowaan dhugumaan nu oolcha; magaalaan kunis harka mootii Asooritti hin kennamtu” jedhee Yihowaatti akka amanattan isin hin godhin.+
16 Hisqiyaasiin hin dhagaʼinaa; mootiin Asoor akkana jedha: “Anaa wajjin nagaa uumaa; harka keessanis kennadhaa;* tokkoon tokkoon keessan muka wayinii ofii keessanii fi muka harbuu ofii keessanii irraa ni nyaattu; boolla bishaanii ofii keessanii keessaas ni dhugdu;
17 kunis, hamma ani dhufee biyya ishii akka biyya keessanii taatetti,+ biyya midhaanii fi biyya daadhii wayinii haaraatti, biyya daabboo fi biyya maasii wayiniitti isin geessutti ni taʼa.
18 Hisqiyaas, ‘Yihowaan nu oolcha’ jedhee isin hin dogoggorsin. Waaqolii sabootaa keessaa biyya isaa harka mootii Asoor jalaa kan oolche jiraa?+
19 Waaqoliin Hamaatii fi Arpaad+ meerre? Waaqoliin Sefaarwaayim+ hoo meerre? Isaan Samaariyaa harka koo jalaa oolchaniiruu?+
20 Waaqolii biyyoota kanaa hunda keessaa biyya isaa harka koo jalaa oolchuu kan dandaʼe eenyu? Maarree, Yihowaan akkamitti Yerusaalemiin harka koo jalaa oolchuu dandaʼa?”’”+
21 Mootichi, “Deebii isaaf hin kenninaa” jedhee ajajee waan tureef, isaan calluma jedhan; waan tokko illee isaaf hin deebisne.+
22 Haa taʼu malee, Eliyaaqiim ilmi Hilqiyaa inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan+ inni barreessaa taʼee fi Yoʼaan ilmi Asaaf inni barreessaa seenaa taʼe uffata isaanii tarsaasanii gara Hisqiyaas dhufanii wanta Raabshaaqichi jedhe isatti himan.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “ajajaa warra dhugaatii dhiheessanii.”
^ Ykn., “mana mootummaa.”
^ Ykn., “Afaan Sooriyaatiin.”
^ Kal., “Anaa wajjin eebbisaa, gara koottis baʼaa.”
^ Ykn., “mana mootummaa.”