Isaayyaas 35:1-10
35 Lafti onaanii fi lafti waxalamaan ni gammadu,+Gammoojjiin ni gammada, akkuma saafronittis* ni daraara.+
2 Shakkii tokko malee ni daraara;+Inni ni gammada, ni ililchas.
Ulfinni Libaanon,+Simboon Qarmeelosii+ fi simboon Shaaron+ isaaf ni kennama.
Isaan ulfina Yihowaa, simboo Waaqa keenyaas ni argu.
3 Harka laafe jabeessaa,Jilba hollatus cimsaa.+
4 Warra garaan isaanii dhiphatuunis akkana jedhaa:
“Jabaadhaa. Hin sodaatinaa.
Kunoo, Waaqni keessan haaloo baʼuuf ni dhufa,Waaqayyo adabuuf ni dhufa.+
Inni dhufee isin ni oolcha.”+
5 Yeroo sanatti ijji warra qaro dhabeeyyii ni banama,+Gurri duudes ni dhagaʼa.+
6 Yeroo sanatti naafti akkuma gadamsaatti ni utaala,+Arrabni nama dubbachuu hin dandeenyees ni ililcha.+
Sababiin isaas, lafa onaa keessatti bishaanonni ni burqu,Gammoojjii keessattis lageen ni yaaʼu.
7 Lafti waxalamaan bishaan kuufamaa biqiltuudhaan guutame,Lafti dheebotaanis burqaawwan bishaanii ni taʼa.+
Holqa sardiidonni itti boqotan keessa+Margi lalisaan, shomboqqoonii fi dhallaadduun ni jiraata.
8 Daandii guddaan tokkos achitti ni argama,+Eeyyee, inni Daandii Qulqullummaa ni jedhama.
Xuraaʼaa kan taʼe isa irra hin deemu.+
Inni isa karicha irra deemuuf kan ramadame dha;Gowwaa kan taʼe tokko illee isatti hin goru.
9 Leenci achitti hin argamu,Bineensonni bosonaa hamoo taʼanis isatti hin seenan.
Isaan achitti hin argaman;+Warra boojuudhaa deebifaman qofatu achi irra deema.+
10 Warri Yihowaan fure ililchaa deebiʼanii gara Xiyoon ni dhufu.+
Isaan gammachuu dhuma hin qabne ni gonfatu.+
Ni gammadu, ni ililchus,Gaddii fi aaduunis achii ni baqatu.+
Miiljaleewwan
^ Akaakuu abaaboo ti.