Isaayyaas 24:1-23

  • Yihowaan biyyattii ni onsa (1-23)

    • Yihowaan Xiyoon keessatti Mootii dha (23)

24  Kunoo, Yihowaan biyyattii* duwwaa fi ona gochaa jira.+ Ishii ni gombisa,*+ jiraattota ishiis ni bittinneessa.+   Tokkoon tokkoon namaa irra jechuunis,Uummatichaa fi lubicha irra,Tajaajilaa fi gooftaa isaa irra,Tajaajiltuu fi giiftii ishii irra,Isa bituu fi isa gurguru irra,Isa ergisuu fi isa ergifatu irra,Isa liqeessuu fi isa liqeeffatu irra wantuma wal fakkaatutu gaʼa.+   Biyyattiin guutummaatti duwwaa ni taati;Yihowaan kana waan dubbateef,Biyyattiin guutummaatti ni saamamti.+   Biyyattiin gaddaa* jirti,+ badaa jirtis. Lafti oomisha kennitu coolligaa fi dhumaa jirti. Namoonni biyyattii warri beekamoo taʼan xiqqaachaa jiru.   Jiraattonni biyyattii,Seerawwan irra darbuudhaan,+Dambiiwwan jijjiiruudhaan,+Akkasumas kakuu dhaabbataa* cabsuudhaan+ biyyattii faalaniiru.+   Abaarsi biyyattii kan nyaatu,+Jiraattonni ishiis yakkamtoota kan taʼan kanaafi. Jiraattonni biyyattii kan xiqqaatan,Namoonni baayʼee muraasa taʼanis kan hafan kanaafi.+   Daadhiin wayinii haaraan ni gadda,* mukti wayiniis ni coolliga,+Warri garaa isaaniitti gammadan hundis aadaa jiru.+   Gammachuun dibbee badeera;Sagaleen warra wacanii xumurameera;Sagaleen gammachuu baganaa dhaabbateera.+   Isaan bakka sirbi hin jirretti daadhii wayinii dhugu,Dhugaatiin alkooliis warra dhuganitti ni hadhaaʼa. 10  Magaalaan onte sun diigamteetti;+Eenyu illee itti seenuu akka hin dandeenyetti, tokkoon tokkoon manaa cufameera. 11  Isaan daadhii wayinii argachuuf daandiiwwan irratti ni iyyu. Gammachuun hundi badeera;Gammachuun biyyattii irraa fagaateera.+ 12  Magaalattiin tuullaa diiggaa taateetti;Karrichis caccabee tuullaa diiggaa taʼeera.+ 13  Biyyattii keessatti, sabicha gidduutti akkana taʼa: Sabichi akkuma firii isa yeroo mukti ejersaa rukutamee harcaafamutti+ hafuu,Akkuma qaarmii isa yeroo wayiniin sassaabamee xumuramutti hafuus ni taʼa.+ 14  Isaan sagalee isaanii ol ni kaasu,Ni ililchus. Isaan galaanicha* irraa ulfina Yihowaa ni labsu.+ 15  Isaan naannoo ifaa* keessatti Yihowaadhaaf ulfina kan kennan kanaafi;+Odolawwan galaanichaa keessatti maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif ulfina ni kennu.+ 16  Nuti andaara lafaa irraa faarfannaa,“Isa Qajeelaa taʼe sanaaf ulfinni* haa taʼu!”+ jedhu ni dhageenya. Ani garuu akkana nan jedhe: “Ani bututeera, ani bututeera! Anaaf wayyoo! Gantoonni gantummaa raawwataniiru;Gantoonni, gantummaadhaan gantummaa raawwataniiru.”+ 17  Yaa isa biyyattii keessa jiraattu nana, naasuun, boollii fi kiyyoon si eeggata.+ 18  Namni sagalee naasisu jalaa baqatu kam iyyuu boolla keessatti kufa,Namni boolla keessaa baʼu kam iyyuu kiyyoodhaan ni qabama.+ Sababiin isaas, karrawwan bishaanii ol gubbaa jiran ni banamu,Buʼuurawwan lafaas ni kirkiru. 19  Lafti ni dhoote;Lafti ni kirkirte;Lafti akka malee ni hollatte.+ 20  Lafti akkuma nama machaaʼeetti ni gatantarti,Akkuma godoo bubbeedhaan raafamuuttis asii fi achi ni raafamti. Yakki ishii akka malee ishiitti ulfaateera,+Lammata akka hin kaanettis ni kufti. 21  Guyyaa sanatti Yihowaan xiyyeeffannaa isaa gara raayyaa isa ol gubbaa jiruutti,Gara mootota lafaa warra lafa irratti argamaniittis ni deebisa. 22  Akkuma hidhamtoonni boolla keessatti walitti qabamanitti,Isaanis walitti ni qabamu,Mana hidhaa keessattis isaan irratti ni cufama;Guyyoota hedduu boodas xiyyeeffannaan isaaniif ni kennama. 23  Addeessi guutuun ni qaanofti,Aduun iftus ni salphatti,+Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa Gaara Xiyoon+ irrattii fi Yerusaalem keessatti Mootii taʼeera,+Maanguddoota saba isaa* durattis ulfina qabeessa taʼeera.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Fuula ishii ni micciira.”
Ykn., “lafattii.”
Ykn tarii, “gogaa.”
Ykn., “durii.”
Ykn tarii, “ni goga.”
Ykn., “dhiha.”
Ykn., “baha.”
Ykn., “miidhaginni.”
Kal., “Maanguddoota isaa.”