Isaayyaas 53:1-12
53 Wanta nu irraa dhagaʼetti* kan amane eenyu?+
Irreen Yihowaa+ hoo eenyutti mulʼifame?+
2 Inni akkuma latii+ isa* dura jiruutti, akkuma hidda lafa gogaa keessaa baʼeetti ni dhufa.
Inni dhaabbii nama hawwatus taʼe simboo hin qabu;+Yommuu isa arginettis bifti isaa ofitti nu hin harkisne.*
3 Namoonni isa ni tuffatan, ni jibbanis,+Inni nama dhiphinnii fi dhukkubni itti baayʼatu* ture.
Akka waan fuulli isaa nu jalaa dhokfamee taʼee ture.*
Inni kan tuffatame ture, nutis akka waan gatii hin qabneetti isa ilaalle.+
4 Dhugumaan inni dhukkuba keenya,+Dhiphina keenyas ni baate.+
Nuti garuu akka waan dhaʼichi irra gaʼetti, akka waan Waaqayyo isa rukutettii fi akka waan miidhametti isa ilaalle.
5 Inni garuu yakka keenyaaf ni waraaname;+Balleessaa keenyaafis ni caccabsame.+
Nagaa nuuf argamsiisuuf jedhee adaba ni baate,+Madaa isaatiin kan kaʼes nuti ni fayyine.+
6 Hundi keenya akkuma hoolaa asii fi achi ni joorre,+Tokkoon tokkoon keenyas daandii mataa mataa keenyaa irra ni deemne,Yihowaanis balleessaan hunda keenyaa isa irra akka buʼu ni godhe.+
7 Inni ni cunqurfame,+ miidhaan akka irra gaʼus ni heyyame,+Taʼus, afaan isaa hin saaqqanne.
Inni akkuma hoolaatti qalmaaf ni geeffame;+Akkuma hoolaa goromtii warra rifeensa ishii muran duratti calluma jettuus ni taʼe;Afaan isaas hin saaqqanne.+
8 Murtii sirrii hin taaneen* ni fudhatame;Hidda dhalootaa* isaa tokko tokkoon beekuuf xiyyeeffannaa kan kennu eenyu?
Sababiin isaas, inni biyya warra jiraatoo keessaa balleeffameera;+Yakka saba kootiitiin kan kaʼes garafameera.*+
9 Inni balleessaa* kan hin raawwannee fiDubbii gowwoomsaan afaan isaa keessatti kan hin argamne taʼus,+Hamootaa wajjin iddoon awwaalchaa isaaf ni kenname,*+Duuti isaas sooreyyii* wajjin ni taʼe.+
10 Haa taʼu malee, isa caccabsuun fedhii Yihowaa ture,* inni akka dhukkubsatus ni heyyame.
Ati aarsaa yakkaa gootee lubbuu isaa yoo dhiheessite,+Inni sanyii isaa ni arga, umuriin isaas ni dheerata,+Karaa isaas gammachuun* Yihowaa fiixaan ni baʼa.+
11 Dhiphina isaatiin* kan kaʼe buʼaa isaa argee ni gammada.
Tajaajilaan koo+ inni qajeelaan beekumsa isaatiinNamoonni hedduun ejjennoo qajeelaa akka qabaatan ni godha,+Yakka isaaniis ni baata.+
12 Kanaan kan kaʼes, namoota hedduu gidduutti gaʼee isaaf nan kenna,Innis namoota jajjaboo wajjin boojuu ni hirata,Sababiin isaas, inni lubbuu isaa hamma duʼaatti illee dabarsee kenneera,+Yakkamtootaa wajjinis lakkaaʼameera;+Cubbuu namoota hedduu ni baate,+Yakkamtootaafis ni kadhate.+
Miiljaleewwan
^ Ykn tarii, “Wanta nuti dhageenyetti.”
^ “Isa” kan jedhu qaama haala kana ilaalu ykn Waaqa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
^ Ykn., “Akka nuti isa barbaannuuf bifa adda taʼe hin qabu.”
^ Ykn., “isaaf galu.”
^ Ykn tarii, “Akka nama namoonni fuula isaanii irraa garagalchanii ture.”
^ Kal., “Cunqursaa fi murtiidhaan.”
^ Ykn., “Akkaataa jireenyaa.”
^ Ykn., “ajjeefameera.”
^ Ykn., “jalʼina.”
^ Ykn., “iddoo awwaalchaa isaaf ni kenna.”
^ Kal., “namicha sooressa tokkoo.”
^ Ykn., “fedhiin.”
^ Ykn., “Yihowaa ni gammachiise.”
^ Ykn., “lubbuu isaatiin.”