Isaayyaas 3:1-26
3 Kunoo, Gooftaa dhugaan, Yihowaan Gooftaan Raayyaa,Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa gargaarsa akaakuu hundumaa,Nyaataa fi bishaan hundumaa ni balleessa;+
2 Nama jabaa fi loltuu,Abbaa murtii fi raajii,+ nama hooda dubbatuu fi maanguddoo,
3 Ajajaa 50,+ nama kabajamaa, gorsituu,Nama falfala raawwachuu irratti dandeettii guddaa qabu, nama dawweessuu irratti dandeettii qabus ni balleessa.+
4 Ijoolleen bulchitoota isaanii akka taʼan nan godha,Warri ejjennoo hin qabnes isaan ni bulchu.
5 Uummanni walii isaa,Tokkoon tokkoon namaas nama isa kan biraa ni cunqursa.+
Mucaa xinnoon maanguddoo ni miidha,Namni bakka guddaa hin qabnes nama kabajamaa ni salphisa.+
6 Tokkoon tokkoon namaa obboleessa isaa isa mana abbaa isaa keessa jiru qabatee,“Ati waaroo qabda, ajajaa keenya taʼi.
Tuullaa diiggaa kana irrattis bulchi” jedha.
7 Inni garuu guyyaa sanatti,“Ani isa madaa keessan walʼaanu* hin taʼu;Mana koo keessaa nyaatas taʼe uffata hin qabu.
Sabicha irratti ajajaa na hin godhinaa” jedhee morma.
8 Yerusaalem gufatteetti,Yihudaanis kufteetti,Sababiin isaas, isaan dubbiidhaanis taʼe gochaan Yihowaa mormaniiru;Ija isa ulfina qabeessa taʼe sanaa* durattis mata jabeeyyii taʼaniiru.+
9 Wanti fuula isaanii irraa mulʼatu isaan irratti ragaa baʼa,Isaan akkuma Sodoomitti+ cubbuu isaanii ifatti ni dubbatu;Dhoksuufis yaalii hin godhan.
Of irratti badiisa waan fidaniif, isaaniif* wayyoo!
10 Gaarii akka isaaniif taʼu qajeelotatti himaa;Isaan wanta raawwataniif badhaasa ni argatu.*+
11 Isa hamaadhaaf wayyoo!
Badiisni isa irra ni gaʼa,Sababiin isaas, wanti harki isaa raawwate isa irrattis ni raawwatama!
12 Warri saba koo hojjechiisan hamoota dha,Kan isaan bulchus dubartoota dha.
Yaa saba koo, geggeessitoonni keessan asii fi achi akka joortan ni godhu,Kallattii daandii keessaniis isin wallaalchisu.+
13 Yihowaan himata isaa dhiheeffachuuf iddoo isaa qabateera;Saboota irratti murtii dabarsuufis dhaabbateera.
14 Yihowaan maanguddootaa fi bulchitoota saba isaa irratti ni murteessa.
“Isin maasii wayinii gubdaniittu,Wanti hiyyeessa irraa hattanis mana keessan keessa jira.+
15 Isin saba koo kan caccabsitan,Fuula hiyyeeyyiis lafa irratti kan daaktan hammam onnattanii ti?”+ jedha Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
16 Yihowaan akkana jedha: “Ijoolleen durbaa Xiyoon kan of tuulan,Mataa isaanii ol qabanii* kan deeman,Ija isaaniitiin kan kolomsan, tafa isaanii asii fi achi raasaa,Sagalee albuu isaaniis dhageessisaa kan deeman taʼuu isaaniitiin kan kaʼe,
17 Yihowaan mataa ijoollee durbaa Xiyoon cittoodhaan ni rukuta,Akkasumas Yihowaan adda isaanii qullaatti ni hambisa.+
18 Guyyaa sanatti Yihowaan faayawwan isaanii hundumaa irraa ni fuudha: albuu isaanii isa miidhagaa,Faaya adda irratti hidhamuu fi faaya boca baatii haaraatiin tolfame,+
19 Lootii,* bitawoo fi haguuggii,
20 Faaya mataa, albuu fi qabattoo miidhagfame,*Miʼa dibataa* fi kudhaama,
21 Qubeellaa fi amartii funyaanii,
22 Uffata guyyaa addaatti uffatamu, uffata irraan uffatamu, waaroo fi boorsaa harkaa,
23 Daawwitii harkaa+ fi uffata quncee talbaa,*Akkasumas marata mataa fi shaashii.
24 Bakka zayitii baalsaamii,*+ foolii ajaaʼu,Bakka qabattoo, wadaroo,Bakka rifeensa miidhagfamee dhaʼamee, moluu,+Bakka uffata gatii guddaa qabuu, uffata gaddaa,+Bakka miidhaginaas godaannisatu taʼa.
25 Dhiironni keessan goraadeedhaan,Namoonni keessan warri jajjaboonis waraana irratti ni kufu.+
26 Karrawwan ishii ni booʼu, ni gaddus,+Ishiinis gadditee lafa irra ni teessi.”+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “isa isin fayyisu.”
^ Kal., “ija ulfina isaa.”
^ Ykn., “lubbuu isaaniitiif.”
^ Kal., “firii hojii isaanii ni nyaatu.”
^ Kal., “Morma (qoonqoo) isaanii dheereffatanii.”
^ Ykn., “Faaya mormaa.”
^ Ykn., “sabbata.”
^ Kal., “Mana lubbuu.”
^ Ykn., “uffata jalatti uffatamu.”
^ Zayitii urgaawaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.