Isaayyaas 60:1-22

  • Ulfinni Yihowaa Xiyoon irratti ni ifa (1-22)

    • Akka gugee gara manʼee ishiitti barristuu (8)

    • Bakka sibiila diimaa warqii (17)

    • Inni xinnaan kuma ni taʼa (22)

60  “Yaa dubartii nana, ifni kee waan dhufeef, kaʼi,+ ifa kee ibsi. Ulfinni Yihowaa si irratti ni ifa.+  2  Kunoo, dukkanni lafa ni uwwisa,Dukkanni cimaanis saboota ni haguuga;Si irratti garuu Yihowaan ni ibsa,Ulfinni isaas si irratti ni mulʼata.  3  Saboonni gara ifa keetti,+Mootonnis+ gara simboo* kee isa calaqqisutti ni dhufu.+  4  Ol jedhiitii guutummaa naannoo kee ilaali! Hundi isaanii walitti qabamaniiru; gara kees dhufaa jiru. Ilmaan kee fagoo irraa dhufaa jiru,+Ijoolleen durbaa kees mudhiitti baatamanii dhufaa jiru.+  5  Yeroo sanatti ati kana argitee ni gammadda,+Onneen kee ni dhaʼata, baayʼees ni gammada,Sababiin isaas, qabeenyi galaanaa gara keetti ni fidama;Badhaadhinni sabootaas gara kee ni dhufa.+  6  Tuutni gaalotaa,Ilmooleen gaalaa kormaan warri kan Miidiyaanii fi kan Eefaa+ taʼan biyya kee ni uwwisu.* Warri Sheebaadhaa dhufan hundi,Warqii fi ixaana adii baatanii ni dhufu. Ulfina Yihowaas ni labsu.+  7  Bushaayeewwan Qeedaar+ hundi gara keetti walitti qabamu. Korbeeyyiin hoolaa Nebaayot+ si tajaajilu. Isaanis iddoo aarsaa koo irratti aarsaa fudhatama qabu ni taʼu,+Anis mana koo isa ulfina qabeessa taʼe* nan miidhagsa.+  8  Warri akka duumessaatti,Akka gugee gara manʼee ishiitti* barristuuttis barrisaa jiran kun eenyu faʼi?  9  Odolawwan na abdatu;+Dooniiwwan Tarshiish,Gara maqaa Waaqa kee Yihowaattii fi gara Isa Qulqulluu kan IsraaʼelittiIlmaan kee meetii isaanii fi warqii isaanii wajjinFagoodhaa fiduuf dura buʼanii* ni dhufu;+Sababiin isaas, inni ulfina* siif ni kenna.+ 10  Namoonni biyya ormaa dallaawwan kee ni ijaaru,Mootonni isaaniis si tajaajilu,+Sababiin isaas, dheekkamsa kootiin si rukuteen ture,Garuu, gaarummaa kootiin garaa siif nan laafa.+ 11  Karrawwan kee yeroo hundumaa kan banaman ni taʼu;+Badhaadhina sabootaa gara keetti fiduuf,Guyyaas taʼe halkan hin cufaman,Mootonni isaaniis dursa ni fudhatu.+ 12  Sabnis taʼe mootummaan si hin tajaajille kam iyyuu ni bada,Saboonnis guutummaatti ni balleeffamu.+ 13  Ulfinni Libaanon,+Muka birbirsaa, muka aashii fi muka gosa gaattiraa wajjinIddoo qulqulluu koo miidhagsuuf gara kee ni dhufa;+Anis iddoo miilli koo dhaabbatuuf ulfina nan kenna.+ 14  Ilmaan warra si cunqursan sanaa dhufanii si duratti ni sagadu;Warri si salphisan hundis miila kee jalatti ni sagadu,Xiyoon ishii magaalaa Isa Qulqulluu kan Israaʼel,Magaalaa Yihowaa jedhanii si waamu.+ 15  Ati kan dhiifamte, kan jibbamtee fi eenyu iyyuu kan keessa hin darbine taʼuu mannaa,+Wanta bara baraaf ittiin boonan akka taatu,Dhaloota hundumaa keessattis gammachuudhaaf sababa akka taatu nan godha.+ 16  Atis dhugumaan aannan sabootaa ni dhugda,+Harma moototaas ni hoota;+Dhugumaan ani Yihowaan Fayyisaa kee akkan taʼe,Inni Humna Qabeessi kan Yaaqoob isa si furu taʼuu isaas ni beekta.+ 17  Bakka sibiila diimaa warqii,Bakka sibiilaa meetii,Bakka mukaa sibiila diimaa,Bakka dhagaas sibiila nan fida;Nagaa ilaaltuu ol aanaa kee,Qajeelummaas isa si hojjechiisu godhee nan muuda.+ 18  Kana booda biyya kee keessatti jeequmsiYookiin daangaawwan kee keessatti badiisnii fi diigamuun hin dhagaʼamu.+ Atis dallaawwan kee Fayyina,+ karrawwan kees Jajannaa jettee ni waamta. 19  Yihowaan ifa bara baraa,+Waaqni kee miidhagina kee waan siif taʼuuf,+Kana booda guyyaa aduun ifa siif hin kennitu,Halkanis addeessi ifa siif hin kennitu. 20  Yihowaan ifa bara baraa waan siif taʼuuf,+Guyyoonni gaddaa kees waan xumuramaniif,+Kana booda aduun kee hin lixxu,Addeessi kees hirʼachaa hin deemtu. 21  Namoonni kee hundi qajeelota ni taʼu;Bara baraafis biyyattii ni dhaalu. Isaan latii ani dhaabe,Hojii harka kootii+ isan ittiin of miidhagsu dha.+ 22  Inni xinnaan kuma,Inni hundumaa irra xinnaatus saba jabaa ni taʼa. Ani Yihowaan yeroo isaatti kana nan saffisiisa.”

Miiljaleewwan

^ Ykn., “ifa barraaqaa.”
^ Kal., “si uwwisu.”
^ Ykn., “mana miidhaginaa koo.”
^ Ykn., “afaan manʼee simbiraatti.”
^ Ykn., “miidhagina.”
^ Ykn., “akkuma isa jalqabaatti.”