Isaayyaas 18:1-7

  • Ergaa Itoophiyaa irratti labsame (1-7)

18  Biyya baalleen ilbiisaa keessaa huursuIshii naannoo lageen Itoophiyaa keessatti argamtuuf wayyoo!+   Ishiin akkana jettee ergamtoota ishii galaana irraBidiruuwwan dhallaadduutiin bishaanota gamatti ergiti: “Isin ergamtoonni saffisa qabdanGara saba namoota dhedheeroo fi gogaan isaanii lallaafu qabuutti,*Gara namoota bakka hundatti sodaatamaniitti,+Gara saba cimaa fi warra kaan moʼuutti,*Gara isa biyyi isaa lageeniin dhiqamee fudhatameetti qajeelaa.”   Isin jiraattonni biyyattii fi warri lafa irra jiraattan hundi,Wanti argitan akkuma mallattoo* gaarota irra dhaabamee ni taʼa,Sagalee akka sagalee malakata afuufamuu taʼe tokkos ni dhageessu.   Sababiin isaas, Yihowaan akkana naan jedheera: “Ani akkuma hoʼa waxalu isa ifa aduu wajjin dhufuutti,Akkuma fixeensa yeroo hoʼa makaraatti buʼuuttisTasgabbiidhaan taaʼee iddoo koo isa jabaatee hundeeffame* nan ilaala.   Sababiin isaas, yeroo makaraa dura,Yeroo daraaraan harcaʼutti, yeroo firiin wayinii bilchaatuttis,Latiiwwan isaa haamtuudhaan ni muramu,Hiddawwan mukicha irra yaaʼanis irraa ni ciramu, ni balleeffamus.   Hundi isaanii allaattiiwwan adamsanii nyaatanii fi gaarota irra jiraniif,Bineensota lafaatiifis ni dhiifamu. Allaattiiwwan adamoo isaan irratti ganna ni dabarsu,Bineensonni lafaa hundis isaan irratti yeroo makaraa ni dabarsu.   Yeroo sanatti saba namoota dhedheeroo fi gogaan isaanii lallaafu qabu* irraa,Namoota bakka hundatti sodaataman irraa,Saba cimaa fi warra kaan moʼu*Isa biyyi isaa lageeniin dhiqamee fudhatame irraa,Gara iddoo maqaan Yihowaa Gooftaa Raayyaa itti waamamutti, jechuunis gara Gaara Xiyoonitti,+Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif kennaan ni fidama.”

Miiljaleewwan

Kal., “saba dheereffamee fi cululuqfame.”
Ykn., “saba jabina guddaadhan warra kaan dhidhiitutti.”
Ykn., “jirma mallattoo.”
Ykn tarii, “jabaatee hundeeffame irraa.”
Kal., “saba dheereffamee fi cululuqfame.”
Ykn., “saba jabina guddaadhan warra kaan dhidhiitu.”