Isaayyaas 1:1-31

  • Abbaa fi ilmaan isaa warra finciltoota taʼan (1-9)

  • Yihowaan waaqeffannaa fakkeessaadhaan dhihaatu ni jibba (10-17)

  • “Rakkina nu gidduutti uumameef furmaata haa kenninu” (18-20)

  • Xiyoon deebitee magaalaa amanamtuu taati (21-31)

1  Mulʼata Isaayyaas*+ ilmi Amooz bara Ooziyaa,+ Yootaam,+ Akaazii+ fi Hisqiyaas+ warra mootota Yihudaa turanitti+ Yihudaa fi Yerusaalemiin ilaalchisee arge:   Yaa samiiwwan, dhagaʼaa, yaa lafaa, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu,+Sababiin isaas, Yihowaan akkana jedhee dubbateera: “Ani ijoollee nan kunuunse, nan guddises,+Isaan garuu na irratti fincila kaasan.+   Qotiyyoon abbaa isaa,Harreenis gongaa* gooftaa isaa akka gaariitti beeka;Israaʼel garuu na* hin beeku,+Sabni koo hubannaa hin qabu.”   Saba cubbamaadhaaf,+Uummata dogoggorri isaa itti ulfaateef,Sanyii namoota hamootiif, ijoollee mancaʼoo taʼaniif wayyoo! Isaan Yihowaa dhiisaniiru;+Isa Qulqulluu kan Israaʼel tuffataniiru;Isa irraas garagalaniiru.   Qaama keessan irraa bakki rukutamuu dandeessan hin jiru; maarree finciluu keessan kan itti fuftan maaliifi?+ Guutummaan mataa dhibameera,Guutummaan garaas dhukkubsateera.+   Faana miilaatii kaasee hamma mataatti, bakki fayyaa taʼe tokko illee hin jiru. Madaaʼeera, dirmammaaʼeera, madaa afaan baneen guutameera,Taʼus hin walʼaanamne,* hin hidhamne, zayitiis hin dibamne.+   Biyyi keessan onteetti. Magaalonni keessan ibiddaan gubamaniiru. Namoonni biyya ormaa ijuma keessan duratti biyya keessan ni nyaatu.+ Biyyi keessan akkuma lafa onaa namoota biyya ormaatiin garagalfamee taateetti.+   Intalli Xiyoon akkuma daasii maasii wayinii keessa jiruutti,Akkuma godoo maasii buqqee dheedhii nyaatamuu keessa jiruutti,Akkuma magaalaa marfamteettis kan dhiifamte taateetti.+   Yihowaan Gooftaan Raayyaa namoota oolan muraasa utuu nuuf hin hambisne taʼee,Silaa akkuma Sodoom taana,Gomoraas ni fakkaanna turre.+ 10  Isin abbootiin irree* Sodoom,+ dubbii Yihowaa dhagaʼaa. Isin namoonni Gomoraa,+ seera* Waaqa keenyaa xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa. 11  Yihowaan akkana jedha: “Baayʼinni aarsaawwan keessanii maal na fayyada?+ Ani aarsaawwan korbeeyyii hoolaa,+ cooma horiiwwan keessan warra gabbatoos+ quufeera,Dhiigni+ jibootaa,+ dhiigni hoolota xobbaallaa fi dhiigni reʼootaa+ na hin gammachiisu. 12  Na duratti dhihaachuuf yommuu dhuftan,+Mooraa koo akka dhidhiittan+Eenyutu isin gaafate? 13  Aarsaawwan midhaanii warra gatii hin qabne fiduu keessan dhiisaa. Ixaanni keessan na biratti jibbisiisaa dha.+ Isin guyyoota baatiiwwan haaraa+ fi sanbatawwan+ ni kabajju, walgaʼiiwwanis+ ni qopheessitu. Taʼus, utuma walgaʼiiwwan qulqulluu qopheessitanii mora+ raawwattan kam iyyuu obsaan bira darbuu hin dandaʼu. 14  Ani* guyyoota baatiiwwan haaraa keessanii fi ayyaanota keessan jibbeera. Isaan baʼaa natti taʼaniiru;Isaan baachuunis na nuffisiiseera. 15  Harka keessan yommuu diriirsitan,Ija koo isin duraa nan dhoksa.+ Kadhannaa yoo baayʼistan iyyuu,+Ani isin hin dhagaʼu;+Harki keessan dhiigaan guutameera.+ 16  Dhiqadhaa, of qulqulleessaa;+Gochawwan hamminaa keessan na duraa balleessaa;Wanta hamaa raawwachuu keessan dhiisaa.+ 17  Wanta gaarii raawwachuu baradhaa, haqa barbaadaa,+Isa nama cunqursu sirreessaa,Mirga mucaa abbaa hin qabneetiif* falmaa,Dubartii abbaan manaa irraa duʼeefis falmaa.”+ 18  Yihowaan akkana jedha: “Kottaa, rakkina nu gidduutti uumameef furmaata haa kenninu.+ Cubbuun keessan diimaa dhiiga fakkaatu yoo taʼe illee,Akkuma cabbii adii ni taʼa;+Akka uffata bifa bildiimaatti yoo diimate illee,Akkuma suufii ni addaata. 19  Fedhii yoo qabaattan, yoo dhageessanis,Wantoota gaggaarii biyyattii keessaa argaman ni nyaattu.+ 20  Yoo diddanii fi yoo finciltan garuu,Goraadeen isin nyaata;+Sababiin isaas, kana kan dubbate afaan Yihowaa ti.” 21  Magaalaan amanamtuu turte+ akkam sagaagaltuu taate!+ Ishii keessa haqni guutee ture;+Qajeelummaan ishii keessa jiraata ture,+Amma garuu warra nama ajjeesantu ishii keessa jiraata.+ 22  Meetiin kee kosii taʼeera,+Dhugaatiin alkoolii* kees bishaaniin qalʼifameera. 23  Bulchitoonni kee mata jabeeyyii fi michuu hattootaa ti.+ Tokkoon tokkoon isaanii mattaʼaa jaallatu, kennaa duukaas ni fiigu.+ Ijoollee abbaa hin qabneef* haqaan hin murteessan,Dhimmi seeraa dubartii abbaan manaa irra duʼees matumaa isaan bira hin gaʼu.+ 24  Kanaafuu, Yihowaan Gooftaan Raayyaa inni Gooftaa dhugaa taʼe,Inni Humna Qabeessi kan Israaʼel akkana jedha: “Kunoo, ani hamajaajota koo of duraa haxaaʼee nan balleessa,Diinota koo irrattis haaloo nan baʼa.+ 25  Harka koo si irratti nan kaasa,Kosii kee guutummaatti baqsee nan balleessa,Xurii kee hundumaas si irraa nan balleessa.+ 26  Akka isa jalqabaatti abbootii murtii,Akka isa duraattis gorsitoota siif nan kenna.+ Atis kana booda Magaalaa Qajeelummaa, Magaalaa Amanamtuu jedhamta.+ 27  Xiyoon haqaan ni furamti,+Namoonni ishii warri deebiʼanis qajeelummaadhaan ni furamu. 28  Warri fincilanii fi cubbamoonni waliin ni caccabu,+Warri Yihowaa dhiisanis ni dhumu.+ 29  Sababiin isaas, isin mukeetii guguddoo hawwitan sanaan kan kaʼe ni qaaneffamtu,+Iddoowwan biqiltuu* filattan sanaan kan kaʼes ni salphifamtu.+ 30  Isin akkuma muka guddaa baalli isaa irraa harcaʼee,+Akkuma iddoo biqiltuu bishaan hin qabnees ni taatu. 31  Namni jabaan citaa,Hojiin isaas qaanqee ni taʼa;Lamaan isaanii iyyuu waliin ni gubatu,Kan isaan dhaamsus hin jiraatu.”

Miiljaleewwan

“Fayyina Yihowaa” jechuu dha.
Jechuunis, bidiruu horiin keessaa nyaatu.
Ykn., “gooftaa isaa.”
Kal., “hin malaafamne.”
Ykn., “bulchitoonni.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “warri jalaa duʼaniif.”
Ykn., “Farsoon qamadii.”
Ykn., “warri jalaa duʼaniif.”
Kun mukeetii fi iddoowwan biqiltuu waaqeffannaa waaqolii tolfamoo wajjin wal qabatan kan argisiisu fakkaata.