Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFFII 5

Dhaamsi Kitaaba Qulqulluu Maali Dha?

“Anis sii fi dubartittii gidduutti, sanyii kee fi sanyii ishii gidduuttis diinummaan akka jiraatu nan godha. Inni mataa kee ni buruqsa, ati immoo koomee isaa ni madeessita.”

Uumama 3:​15

“Ati sagalee koo waan dhageesseef, saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin ofii isaaniitiif eebba ni argatu.”

Uumama 22:⁠18

“Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu.”

Maatewos 6:​10

“Waaqayyo inni nagaa kennu ofii isaatii dhiheenyatti Seexana miila keessan jalatti ni buruqsa.”

Roomaa 16:⁠20

“Yommuu wantoonni hundi isaaf bitaman, Waaqayyo hundumaatiif waan hundumaa akka taʼuuf, yeroo sanatti Ilmi mataan isaa isa wantoonni hundi akka isaaf bitaman godhe sanaaf ni bitama.”

1 Qorontos 15:⁠28

“Waadaan kun kan galame Abrahaamii fi sanyii isaatiif ture . . . ; innis Kiristoosi. Kana malees, isin kan Kiristoos yoo taatan, dhuguma sanyii [Abrahaami].”

Galaatiyaa 3:​16, 29

“Mootummaan addunyaa, Mootummaa Gooftaa keenyaa fi Mootummaa Kiristoos ni taʼe; inni baraa hamma bara baraatti mootii taʼee ni bulcha.”

Mulʼata 11:⁠15

“Kanaafuu, jawwee guddaan sun, jechuunis bofti inni jalqabaa, inni Diyaabilosii fi Seexana jedhamu, inni guutummaa lafaa dogoggorsu sun gad darbatame; inni gara lafaatti gad darbatame; maleekonni isaas isaa wajjin gad darbataman.”

Mulʼata 12:9

“Inni jawwicha, jechuunis bofa isa jalqabaa isa Diyaabilosii fi Seexana taʼe qabee waggaa 1,000f hidhe.”

Mulʼata 20:2