Isaayyaas 32:1-20

  • Mootii fi bulchitoonni haqa dhugaadhaaf ni bulchu (1-8)

  • Dubartoonni dantaa hin qabne ni akeekkachiifaman (9-14)

  • Eebba yommuu hafuurri dhangalaʼu argamu (15-20)

32  Kunoo, mootiin+ qajeelummaadhaan ni bulcha,+Bulchitoonnis haqaan ni geggeessu.   Tokkoon tokkoon isaaniis bakka bubbee jalaa itti dhokatan,*Bakka bokkaa yandoo jalaa dahoo itti argatan* ni taʼu;Biyya bishaan hin qabne keessatti akkuma yaaʼaawwan bishaanii,+Biyya waxalame keessattis akkuma gaaddisa qarsaa guddaa ni taʼu.   Yeroo sanatti ijji warra arganii hin dunuunfatu,Gurri warra dhagaʼaniis xiyyeeffannaadhaan ni dhaggeeffata.   Garaan namoota jarjaranii beekumsa irratti ni xiinxala,Arrabni giingaʼus akka gaariittii fi qulqulleessee ni dubbata.+   Kana booda namni hubannaa hin qabne arjaa hin jedhamu,Namni seera hin qabnes guddaa hin jedhamu;   Namni hubannaa hin qabne, gantummaa babalʼisuu* fi wanta sirrii hin taane Yihowaa irratti dubbachuuf,Isa beelaʼe* garaa duwwaa gadhiisuuf,Isa dheebotes wanta dhugamu dhowwachuuf,Wallaalummaa ni dubbata,Garaan isaas wantoota miidhaa geessisan ni qopheessa.+   Malli namni seera hin qabne qopheessu hamaa dha;+Hiyyeessi wanta sirrii taʼe yommuu dubbatutti illee,Inni sobatti fayyadamee isa cunqurfame balleessuuf,+Gocha qaanessaa taʼe ni babalʼisa.   Namni arjaan garuu arjummaa jaallata,Arjummaa argisiisuuf* carraaqqii gochuu isaas itti fufa.   “Isin dubartoonni yaaddoo hin qabne, kaʼaatii sagalee koo dhaggeeffadhaa! Isin ijoolleen durbaa dantaa hin qabne,+ wantan dubbadhu dhagaʼaa! 10  Yeroon makaraa firii wayinii yommuu xumuramutti firiin tokko illee waan hin sassaabamneef,Isin warri dantaa hin qabne waggaan tokko akkuma dhumeen ni raafamtu.+ 11  Isin dubartoonni yaaddoo hin qabne, jeeqamaa! Isin warri dantaa hin qabne, raafamaa! Uffata of irraa baasaa,Uffata gaddaas marxifadhaa.+ 12  Maasiiwwan babbareedoo fi muka wayinii firii hedduu godhatuuf,Gaddaan qoma keessan rurrukutaa. 13  Sababiin isaas, lafti saba kootii qoree fi sokorruudhaan ni uwwifama;Wantoonni kun manneen gammachuu hundumaa,Eeyyee, magaalaa gammachuu ni uwwisu.+ 14  Masaraan cimaan dhiifameera;Magaalaan waccus onteetti.+ Ofeelii+ fi masaraan eegumsaa yeroo hundumaatiif lafa onaa taʼaniiru,Bakka harroonni bosonaa keessa burraaqan,Bakka bushaayeewwan keessa dheedanis taʼaniiru;+ 15  Kunis, hamma hafuurri gubbaadhaa nu irratti dhangalaʼutti,+Hamma lafti onaan maasii fuduraa taʼutti,Akkasumas hamma maasiin fuduraa akka bosonaatti ilaalamutti dha.+ 16  Achiis haqni lafa onaa keessa,Qajeelummaanis maasii fuduraa keessa ni jiraata.+ 17  Buʼaan qajeelummaa dhugaa, nagaa,+Firiin qajeelummaa dhugaas, tasgabbii fi boqonnaa dhaabbataa ni taʼa.+ 18  Sabni koo iddoo dhaabbataa nagaa qabu keessa,Iddoowwan jireenyaa amansiisoo fi iddoowwan boqonnaa tasgabbii qaban keessa ni jiraata.+ 19  Haa taʼu malee, cabbiin bosonicha ni mancaasa,Magaalattiinis guutummaatti ni diigamti. 20  Isin warri bishaanota hundumaa qarqaratti sanyii facaastan,Warri qotiyyoo fi harree gadhiistanis* gammadoo dha.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “dahoo itti argatan.”
Ykn., “kooluu itti galan.”
Ykn., “dantaa dhabuudhaan tarkaanfii fudhachuu.”
Ykn., “Lubbuu isa beelaʼee.”
Ykn., “Karaa ulfina qabuun.”
Ykn., “hiiktanis.”