Isaayyaas 28:1-29
28 Gonfoo* machooftuuwwan Efreem+ ishii na argaa na argaa jettuuf,*Akkasumas, abaaboo coolligaa faaya miidhaginaa ishii taʼe,Isa mataa lafa gabbataa sululichaa kan warra daadhii wayiniitiin moʼamanii taʼe irra jiruuf wayyoo!
2 Kunoo, Yihowaan nama cimaa fi jabaa taʼe tokko qaba.
Innis akkuma bokkaa cabbii bubbee fi kakawwee qabuutti, akkuma obomboleettii badiisa geessisuutti,Akkuma bubbee kakawwee qabuu fi lolaa cimaa geessisuutti,Humnaan gara lafaatti ishii ni darbata.
3 Gonfoowwan na argaa na argaa jedhanii* fi kan namoota Efreem warra machooftuu sanaa taʼan
Faana jalatti ni dhidhiitamu.+
4 Abaaboo coolligaan faaya miidhaginaa ishii taʼe,Inni mataa lafa gabbataa sululichaa irra jiru,Akkuma harbuu isa duraa isa bonni gaʼuu isaa dura argamuu ni taʼa.
Namni tokko yommuu isa argutti, akkuma harka isaa keessa galeen isa ni liqimsa.
5 Guyyaa sanatti Yihowaan Gooftaan Raayyaa saba isaa keessaa warra hafaniif gonfoo ulfinaa fi gonfoo abaaboo miidhagaa ni taʼa.+
6 Inni isa murtiidhaaf taaʼu sanaaf hafuura haqaa, warra diinonni karricha akka hin haleelle dhowwan sanaafis madda jabinaa ni taʼa.+
7 Namoonni kunis daadhii wayiniitiin kan kaʼe karaa irraa ni goru,Dhugaatiin alkoolii isaaniis isaan gatantarsa.
Lubnii fi raajiin dhugaatii alkooliitiin kan kaʼe karaa irraa ni goru;Daadhiin wayinii isaan burjaajessa,Dhugaatii alkoolii isaaniitiin kan kaʼes ni gatantaru;Mulʼanni isaanii karaa irraa isaan jalʼisa,Murtii irrattis ni gufatu.+
8 Maaddiin isaanii hooqqisa jibbisiisaadhaan guutameera,Bakki hooqqisa sana irraa walaba taʼes hin jiru.
9 Inni beekumsa kan kennu eenyuufi?
Ergicha kan ibsu hoo eenyuufi?
Warra reefuu aannan dhiisaniif,Warra reefuu harma guʼaniifii?
10 Sababiin isaas, inni “ajaja irratti ajaja, ajaja irratti ajaja,Dambii irratti dambii, dambii irratti dambii,*+Asitti muraasa, achitti muraasa” dha.
11 Kanaafuu, inni namoota yommuu dubbatan giingaʼanittii* fi afaan biyya ormaatti fayyadamee saba kanatti ni dubbata.+
12 Inni yeroo tokko, “Kun bakka boqonnaa ti. Inni dadhabe haa boqotu; kun bakka aara galfii ti” jedhee ture, isaan garuu dhagaʼuu didan.+
13 Kanaafuu, dubbiin Yihowaa,“Ajaja irratti ajaja, ajaja irratti ajaja,Dambii irratti dambii, dambii irratti dambii,*+Asitti muraasa, achitti muraasa” isaanitti taʼa;Kanaan kan kaʼes, isaan yommuu deemanGufatanii duubatti ni kufu,Ni cabu, kiyyoo keessa ni galu, ni qabamus.+
14 Isin warri of jajjan,Isin bulchitoonni saba Yerusaalem dubbii Yihowaa dhagaʼaa;
15 Sababiin isaas, isin akkana jettu:
“Nuti Duʼaa wajjin kakuu galleerra,+Awwaalaa* wajjinis walii galtee gooneerra.*
Soba dahoo waan godhanneef,Dhara keessas waan dhokanneef,+Lolaa cimaan yommuu darbuttiNu bira hin gaʼu.”
16 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
“Kunoo, ani Xiyoon keessa dhagaa qorame+ tokko buʼuura godhee nan kaaʼa;Inni dhagaa golee gatii guddaa qabuu+ fi buʼuura+ amansiisaa taʼe dha.
Namni isatti amanu kam iyyuu hin rifatu.+
17 Anis haqni wadaroo safaraa,+Qajeelummaanis tumbii* akka taʼu nan godha.+
Cabbiin dahoo sobaa haxaaʼee ni balleessa,Bishaanonnis iddoo dhokannaa ni liqimsu.
18 Kakuun Duʼaa wajjin galtan ni diigama,Walii galteen Awwaalaa* wajjin gootanis jabaatee hin dhaabbatu.+
Lolaa cimaan yommuu darbuttisIsin ni balleessa.
19 Inni yeroo darbu hundumaatti,Haxaaʼee isin balleessa;+Sababiin isaas, inni ganama ganama,Akkasumas guyyaa fi halkan ni darba.
Ergaa sana akka hubatan kan isaan godhu naasuu qofa dha.”*
20 Akka irratti hin diriirfanneef sireen sun baayʼee gabaabaa dha,Akka ofitti hin marreefis huccuun sun baayʼee dhiphoo dha.
21 Sababiin isaas, Yihowaan gocha isaa, eeyyee, gocha isaa isa keessummaa taʼe,Hojii isaa, eeyyee, hojii isaa isa baramaa hin taane raawwachuuf,+Akkuma Gaara Peraaziim irratti kaʼetti,Akkuma sulula* isa Gibeʼon biratti argamu keessatti kaʼettis ni kaʼa.+
22 Hidhaan keessan caalaatti akka isinitti hin jabeeffamneef,Amma hin qoosinaa,+Sababiin isaas, ani guutummaa biyyattii* irratti badiisni akka dhufu murteeffamuu isaaGooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaa Gooftaa Raayyaa irraa dhagaʼeera.+
23 Gurra keessan as qabaatii sagalee koo dhagaʼaa;Wantan dubbadhuuf xiyyeeffannaa kennaa, dhaggeeffadhaas.
24 Namni qotu tokko guyyaa guutuu qotaa oolaa? Sanyii hoo hin facaasuu?
Utuu wal irraa hin kutin lafa isaa laaffisuu fi bulleessuu irratti qofa xiyyeeffataa?+
25 Lafa sana erga laaffisee booda,Abasuuda gurraachaa fi kamuunii irratti hin facaasuu?
Qamadii, bisingaa fi garbuus iddoo iddoo isaaniitti hin facaasuu?
Omborii*+ hoo qarqara isaatti naannessee hin facaasuu?
26 Inni karaa sirrii taʼeen isa ni barsiisa;*Eeyyee, Waaqni isaa isa ni leenjisa.+
27 Abasuudni gurraachi konkolaataa* ittiin midhaan siribsiisaniin hin caccabsamu,+Geengoon gaariis kamuunii irra hin oofamu.
Kanaa mannaa, abasuudni gurraachi uleedhaan,Kamuuniinis mukaan cagadama.
28 Namni tokko yeroo midhaan dhaʼu, daabboo tolchuuf akka taʼutti midhaan sana ni bulleessaa?
Lakki, inni utuu wal irraa hin kutin midhaan sana hin dhaʼu;+Yommuu fardeen isaatiin geengoo gaarii isaa irra oofuttis,Midhaan sana hin caccabsu.+
29 Kunis Yihowaa Gooftaa Raayyaa,Isa gorsi* isaa dinqisiisaa taʼe,Isa gochawwan isaa guguddoo taʼan* irraa dhufa.+
Miiljaleewwan
^ Kun magaalaa guddoo kan taate Samaariyaa kan argisiisu taʼuu hin oolu.
^ Ykn., “of tuultuu taateef; of jajjuu taateef.”
^ Ykn., “of tuultuu taʼanii; of jajjuu taʼanii.”
^ Ykn., “Ulee safaraa irratti ulee safaraa, ulee safaraa irratti ulee safaraa.”
^ Kal., “hidhii giingaʼuttii.”
^ Ykn., “Ulee safaraa irratti ulee safaraa, ulee safaraa irratti ulee safaraa.”
^ Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn tarii, “mulʼanni tokko akka argamu gooneerra.”
^ Ykn., “wuhaa likkii.”
^ Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn tarii, “Isaan yommuu hubatan, naasuu cimaatu itti dhagaʼama.”
^ Ykn., “dirree gad buʼaa.”
^ Ykn., “lafaa.”
^ Ykn., “Aajjaa.”
^ Ykn., “ni adaba.”
^ Saanqaa midhaan ittiin dhaʼuuf looniin harkifamu argisiisa.
^ Ykn., “kaayyoon.”
^ Ykn., “ogummaan isaa guddaa taʼe.”