Isaayyaas 23:1-18

  • Murtii Xiiros irratti dabarfame (1-18)

23  Murtii waaʼee Xiiros dabarfame:+ Isin dooniiwwan Tarshiish+ gadoodaa! Buufanni doonii balleeffameera; isatti galuun hin dandaʼamu. Biyya Kiitim+ keessaa isaaniif ibsameera.   Isin yaa jiraattota biyya qarqara galaanaa, calluma jedhaa. Daldaltoonni Siidoon+ irraa dhufan warri galaanicha ceʼan qabeenyaan si guutaniiru.   Midhaan* Shihoor,*+Oomishni Abbayyaa, jechuunis galiin ishii,Bishaanota hedduu irra imalee buʼaa sabootaa ni fide.+   Yaa Siidoon ishii dahoo galaanichaa taate nana, qaanaʼi,Sababiin isaas galaanichi,“Ani hin ciniinsifanne, hin deenyes,Dargaggootas taʼe shamarran* hin guddisne”+ jedheera.   Namoonni akkuma yeroo waaʼee Gibxii dhagaʼanitti taʼan,+Oduu waaʼee Xiiros ibsu yommuu dhagaʼanittis ni dhiphatu.+   Gara Tarshiishitti ceʼaa! Isin jiraattonni qarqara galaanaa gadoodaa!   Magaalaan keessan ishiin yeroo dheeraa dura, bara duriitii jalqabee gammadaa turte kana dhaa? Achi akka jiraattuuf miilli ishii gara biyya fagootti ishii geessa ture.   Xiiros ishii gonfoowwan kennitu,Ishii daldaltoonni ishii bulchitoota turan,Namoonni ishii warri waa gurguranis guutummaa lafaa irratti kabajamoo turan irrattiInni murtoo kana dabarse eenyu?+   Yihowaa Gooftaa Raayyaatu murtoo kana dabarse;Kanas kan godhe, miidhagina ishii isa ittiin boontu hundumaa gatii dhabsiisuuf,Warra guutummaa lafaa irratti ulfina argatanii turan hundumaas salphisuufi.+ 10  Yaa intala Tarshiish, akkuma Laga Abbayyaatti biyya kee keessa yaaʼii darbi. Kana booda bakki dooniin itti hojjetamu* hin jiraatu.+ 11  Inni galaanicha irratti harka isaa diriirseera;Mootummootas sochooseera. Yihowaan dahoowwan Fiinqee akka balleeffaman ajajeera.+ 12  Innis, “Yaa intala Siidoon ishii durba taate, ishii cunqurfamte nana,Kana booda hin gammaddu.+ Kaʼiitii gara Kiitimitti+ ceʼi. Achitti illee boqonnaa hin argattu” jedha. 13  Biyya Kaladootaa+ ilaalaa. Iddoo bineensonni keessa jiraatan kan ishii godhanAsoorota+ utuu hin taʼin, Kaladoota dha. Isaan masaraawwan waraanaa isaanii ijaaraniiru,Masaraawwan ishii warra ciccimoo immoo qullaatti hambisaniiru,+Tuullaa diiggaas ishii godhaniiru. 14  Isin dooniiwwan Tarshiish,Dahoon keessan waan balleeffameef gadoodaa.+ 15  Guyyaa sanatti Xiiros akkuma bara jireenyaa* mootii tokkootti waggaa 70f kan irraanfatamte ni taati.+ Xumura waggaa 70 sanaatti, Xiiros akkuma sagaagaltuu faarfannaa armaan gadii irratti ibsamtee ni taati: 16  “Yaa sagaagaltuu irraanfatamte nana, baganaa qabadhuutii magaalattii keessa naannaʼi. Isaan akka si yaadataniif,Baganaa kee akka gaariitti taphadhu,Faarfannaawwan hedduus faarfadhu.” 17  Xumura waggaa 70 sanaatti, Yihowaan xiyyeeffannaa isaa gara Xiirositti ni deebisa; ishiinis gara gatii ishiitti deebitee mootummoota addunyaa warra lafa irratti argaman hundumaa wajjin ni sagaagalti. 18  Haa taʼu malee, buʼaan ishii fi gatiin ishii Yihowaadhaaf qulqulluu ni taʼa. Isaan hamma quufanitti akka nyaatanii fi uffata miidhagaa akka uffataniif, gatiin ishii warra Yihowaa dura jiraataniif taʼa malee, walitti hin qabamu yookiin hin kuufamu.+

Miiljaleewwan

Kal., “Sanyiin.”
Jechuunis, laga Laga Abbayyaa irraa yaaʼu.
Kal., “durboota.”
Ykn tarii, “buufanni.”
Kal., “guyyoota.”