Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFFII 3

Kitaaba Qulqulluu kan Barreesse Eenyu?

“Museen dubbii Yihowaa hundumaa ni barreesse.”

Baʼuu 24:4

“Daaniʼel utuu siree isaa irra ciisee jiruu abjuu fi mulʼatawwan gara sammuu isaatti dhufan ni arge. Achiis abjuu sana ni barreesse; dhimmichas guutummaatti ni galmeesse.”

Daaniʼel 7:1

“Isin dubbii Waaqayyoo isa nu irraa dhageessan sana yommuu fudhattan, akka dubbii namaatti utuu hin taʼin, akka dubbii Waaqayyootti fudhattan; inni dhuguma dubbii Waaqayyoo ti.”

1 Tasalonqee 2:​13

“Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman yeroo taʼu, barsiisuuf . . . fayyadu.”

2 Ximotewos 3:​16

“Raajiin yoom iyyuu fedhii namaatiin hin dhufne; kanaa mannaa, namootatu ergaa Waaqayyo biraa dhufe hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.”

2 Pheexiros 1:​21