Seensa
Kitaabni Qulqulluun karaa Waaqayyo barreeffamaan yaada isaa hunda keenyaaf itti ibse dha. Abbaa kitaabichaa beekuuf kitaabicha qoʼachuu qabna. (Yohaannis 17:3; 2 Ximotewos 3:16) Yihowaan kitaaba kana keessatti kaayyoo ilmaan namootaatiif, akkasumas lafa ishii iddoo jireenyaa isaanii taateef qabu ibseera.—Uumama 3:15; Mulʼata 21:3, 4.
Kitaabni akka kitaaba kanaa jireenya namootaa irratti jijjiirama fidu hin jiru. Kitaabni Qulqulluun amalawwan Yihowaa kan akka jaalalaa, araaraa fi gara laafinaa jiran argisiisuuf nu kakaasa. Namoonni abdii akka qabaatan gochuudhaan rakkina hunda irra hammaatu illee akka dandamatan isaan gargaara. Kana malees, wantoota addunyaa kanaa warra fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabnee wajjin wal hin simne saaxiluu isaa itti fufeera.—Faarfannaa 119:105; Ibroota 4:12; 1 Yohaannis 2:15-17.
Kitaabni Qulqulluun jalqaba kan barreeffame Afaan Ibrootaa, Afaan Aaraamii fi Afaan Giriikiitiin yeroo taʼu, guutuun isaa ykn gartokkoon isaa afaanota 3,000 oliin hiikameera. Kitaabni akka kitaaba kanaatti afaanota hedduudhaan hiikamee fi raabsame hin jiru. Kunis wanta eegamu dha. Raajiin Kitaaba Qulqulluu, “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa [ergaan Kitaaba Qulqulluu inni guddaan] guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa” jedha.—Maatewos 24:14.
Ergaan Kitaaba Qulqulluu baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa ni hubanna; kanaafuu, kaayyoon keenya yaada isa jalqabaa kallattiidhaan hiikuu qofa utuu hin taʼin, hiikkaa ifaa fi dubbisuuf salphaa taʼe qopheessuu dha. Mata dureewwan Kutaa Dabalataa, “Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu Hiikuuf Gargaaran,” “Wantoota Hiikkaa Kana Adda Godhan,” akkasumas “Kitaabni Qulqulluun Nu Bira kan Gaʼe Akkamitti?” jedhan malawwan hiikkaan keenya ifa akka taʼu gochuuf itti fayyadamne tokko tokko ibsu.
Namoonni Yihowaa jaallatanii fi isa waaqeffatan hiikkaa Dubbii Waaqayyoo sirrii fi salphaatti hubatamu qabaachuu barbaadu. (1 Ximotewos 2:4) Kana galmaan gaʼuuf jecha hamma dandaʼame hiikkaa kana afaanota hedduudhaan qopheessuuf carraaqqii gochaa jirra; Afaan Oromootiin kan qopheessines kanumaafi. Carraaqqii ‘cimsitee Waaqayyoon barbaaddee argachuuf’ gootu irratti hiikkaan Kitaaba Qulqulluu kun akka si gargaaru ni abdanna, akkasumas ni kadhanna.—Hojii Ergamootaa 17:27.
Koree Hiikkaa Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa