Isaayyaas 46:1-13

  • Waaqolii tolfamoo Baabilonii fi Waaqa Israaʼel (1-13)

    • Yihowaan waaʼee gara fuulduraa dubbate (10)

    • Allaattiin adamsee nyaatu baha biiftuu irraa ni dhufa (11)

46  Beel gad jedha,+ Neboonis ni gugguufa. Waaqolii tolfamoon isaanii akkuma baʼaa horii dadhabe irratti feʼameetti,Horii irratti, eeyyee, horii feʼumsaa irratti ni feʼamu.+   Isaan waliin ni gugguufu, gadis ni jedhu;Feʼumsa* sana oolchuu hin dandaʼan,Isaanumti* iyyuu boojiʼamanii ni fudhatamu.   “Yaa mana Yaaqoob, isin warri mana Israaʼel keessaa haftan hundi,+Isin warri ani yeroo dhalattanii jalqabee isin gargaaree fi yommuu gadameessa keessa turtanii jalqabee isin baadhe+ nana, na dhagaʼaa.   Hamma dulloomtanitti ani isuma sana;+Hamma harrii baastanittis isinan baadha. Akkuman kanaan dura godhetti, isinan baadha, isinan dandaʼa, isinan oolchas.+   Akka waan wal fakkaannuutti,+ eenyuu wajjin wal na fakkeessitu? Yookiin eenyuu wajjin wal na qixxeessitu? Yookiin eenyuu wajjin wal bira na qabdu?+   Warri boorsaa isaanii keessaa warqii harcaasan jiru;Isaan madaallii irratti meetii ni madaalu. Nama sibiila tumu ni mindeessu, innis waaqa godhee isa tolcha.+ Achiis isaaf ni sagadu, eeyyee, isa ni waaqeffatu.*+   Ol kaasanii gateettii isaanii irra kaaʼatu;+Isa baatanii iddoo isaa irra isa kaaʼu, innis achuma dhaabbata. Iddoo isaatii hin sochoʼu.+ Isaan gara isaatti ni iyyu, inni garuu deebii hin kennu;Eenyuun iyyuu dhiphina irraa oolchuu hin dandaʼu.+   Kana yaadadhaa, onnatoos taʼaa. Isin yakkamtoonni kana yaadatti qabadhaa.   Wantoota bara durii* yaadadhaa,Ani Waaqa akkan taʼe, ana malees kan biraan akka hin jirre yaadadhaa. Ani Waaqa dha, kan akka kootii tokko illee hin jiru.+ 10  Wanta gara fuulduraatti taʼu jalqaba irraa kaasee,Wantoota hamma yoonaatti hin raawwatamnes bara dheeraa dura nan dubbadha.+ ‘Murtoon* koo jabaatee ni dhaabbata,+Wanta na gammachiisu akkamii iyyuu nan raawwadha’+ nan jedha. 11  Ani baha biiftuu* irraa allaattii adamsee nyaatu,+Biyya fagoo irraas nama murtoo* koo raawwatu nan waama.+ Dubbadheera, fiixaan nan baasa. Kaayyeffadheera, nan raawwadhas.+ 12  Isin warri garaa didaa* taʼe qabdan,Isin warri qajeelummaa irraa fagoo jirtan, na dhagaʼaa. 13  Ani qajeelummaa koo fideera;Inni fagoo miti,Fayyisuun koos hin turu.+ Xiyoon keessatti fayyina nan argamsiisa, Israaʼeliifis simboo koo nan kenna.”+

Miiljaleewwan

Jechuunis, waaqolii tolfamoo horii irratti feʼaman.
Ykn., “Lubbuuwwan isaanii.”
Kal., “isa duratti ni gombifamu.”
Kal., “jalqabaa.”
Ykn., “Kaayyoon; Gorsi.”
Ykn., “baha.”
Ykn., “kaayyoo; gorsa.”
Kal., “cimaa.”