Isaayyaas 61:1-11

  • Misiraachoo labsuuf dibamuu (1-11)

    • “Waggaa gaarummaa Yihowaa” (2)

    • “Mukeetii qajeelummaa guguddaa taʼan” (3)

    • Namoonni biyya ormaa gargaarsa godhu (5)

    • “Luboota Yihowaa” (6)

61  Hafuurri Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa ana irra jira,+Sababiin isaas, Yihowaan garraamotaaf misiraachoo akkan labsu na dibeera.+ Warra garaan isaanii cabe* akkan walʼaanu,Warra boojiʼamaniif bilisa baʼuu akkan labsu,Ijji hidhamtootaa akka banamus akkan labsu na ergeera;+   Waggaa gaarummaa Yihowaa,Guyyaa Waaqni keenya haaloo itti baʼus+ akkan labsu,Warra gaddan hundumaa akkan jajjabeessu,+   Warra Xiyooniif gaddan akkan kunuunsu,Bakka daaraa shaashii,Bakka gaddaa zayitii gammachuu,Bakka hafuura gaddee uffata jajannaa akkan isaaniif kennu na ergeera. Isaanis mukeetii qajeelummaa guguddaa taʼan,Warra akka ulfina isaaf kennaniif* Yihowaan dhaabe sana jedhamanii ni waamamu.+   Isaanis diiggaawwan bara durii deebisanii ni ijaaru;Iddoowwan durii warra onanii turan deebisanii ni dhaabu,+Magaalota barbadeeffaman,Iddoowwan dhalootaa hamma dhalootaatti onanii turan deebisanii ni ijaaru.+   “Warri ormaa kaʼanii bushaayeewwan keessan ni tiksu,Namoonni biyya ormaas+ warra isiniif qotanii fi maasii wayinii keessan keessatti hojjetan ni taʼu.+   Isin garuu, luboota Yihowaa jedhamtanii ni waamamtu;+Isaanis tajaajiltoota Waaqa keenyaa jedhanii isin waamu. Isin qabeenya sabootaa ni nyaattu,+Ulfina* isaaniitiin kan kaʼes ni boontu.   Isin bakka qaanii gaʼee dachaa ni qabaattu,Isaanis bakka salphinaa qooda argatanitti ni ililchu. Eeyyee, isaan biyya isaanii keessatti gaʼee dachaa ni dhaalu.+ Gammachuun bara baraas kan isaanii ni taʼa.+   Sababiin isaas, ani Yihowaan haqa nan jaalladha;+Saamichaa fi jalʼina nan jibba.+ Amanamummaadhaan gatii isaanii isaaniif nan kenna,Isaanii wajjinis kakuu bara baraa nan gala.+   Sanyiin isaanii saboota gidduutti,Ijoolleen isaaniis namoota gidduutti kan beekaman ni taʼu.+ Namni isaan argu hundi,Isaan sanyii Yihowaan eebbise taʼuu isaanii ni hubata.”+ 10  Ani Yihowaatti baayʼee nan gammada. Guutummaan eenyummaa kootii* Waaqa kootti ni gammada.+ Sababiin isaas, inni uffata fayyinaa natti uwwiseera;+Akkuma misirricha marata mataa isa kan lubaa fakkaatu+ marateetti,Akkuma misirroo faayawwan ishiitiin of miidhagsiteettis,Inni uffata* qajeelummaa natti mareera. 11  Akkuma lafti latiiwwan biqilchitutti,Akkuma iddoon biqiltuu wanti irratti facaafame akka latu godhutti,Yihowaan Gooftaa Ol Aanaanis,Qajeelummaanii+ fi ulfinni saboota hundumaa duratti akka latu ni godha.+

Miiljaleewwan

Ykn., “gadde.”
Ykn., “isa miidhagsaniif.”
Ykn., “Qabeenya.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “qoloo.”