Walgaʼiiwwan Naannoo Dhugaa Baatonni Yihowaa Waggaa Waggaadhaan Geggeeffatan
Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼii naannoo guyyaa sadiif (naannoo tokko tokkotti guyyaa lamaaf) turu geggeeffachuuf waggaa waggaadhaan walitti qabamu. Walgaʼiiwwan keenya kunneen haasaawwanii fi viidiyoowwan barumsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan qabataniiru. Gaafannoowwanii fi hojiin argisiisawwan qajeelfama Kitaaba Qulqulluu jireenya keenya keessatti akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu argisiisu. Namni hundi affeerameera. Qodaan qarshii ittiin sassaabamus hin naanneffamu.