Afaan Oromoo
Ayyaana Yaadannoo Duʼa Yesuus
https://cms-imgp.jw-cdn.org/img/p/500900026/univ/art/500900026_univ_sqr_xl.jpg

Ayyaana Yaadannoo Duʼa Yesuus

Wiixata, Bitootessa 22, 2027 (Bitootessa 13, 2019)

Dhugaa Baatonni Yihowaa akkuma Yesuus, “Kana . . . yaadannoo kootiif godhaa” jedhee ajaje Ayyaana Yaadannoo duʼa isaa waggaatti al tokko ni kabaju.—Luqaas 22:19.

Atii fi maatiin kee ayyaana kanarratti akka argamtan isin affeerra.

Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman

Eenyufaatu irratti hirmaachuu dandaʼa?

Namni kamiyyuu ni dandaʼa. Michoota kee fi maatii kee fiddee dhufuu ni dandeessa.

Sagantichi saʼaatii hammamii fudhata?

Gara saʼaatii tokkoo fudhata.

Eessatti godhama?

Ibsa balʼaa argachuuf Dhugaa Baatota Yihowaa haasofsiisi.

Kaffaltii qabaa ykn hirmaachuun dirqamadhaa?

Lakki.

Namoonni buusii akka godhan ni gaafatamuu?

Lakki. Bakka walgaʼii keenyatti qodaa buusii hin naannessinu.—Maatewos 10:8.

Gosa uffataa taʼe tokko uffachuun dirqamaa?

Lakki. Taʼus, Dhugaa Baatonni Yihowaa uffata taatee addaa kanaaf kabaja akka qaban argisiisu uffachuuf yaalu.

Ayyaana Yaadannoorratti maaltu raawwatama?

Sagantaa kanarratti haasaan tokko ni dhihaata; haasaan kun, duuti Yesuus hangam barbaachisaa akka taʼee fi wanta Waaqayyoo fi Kiristoos nuuf godhanirraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa. Sagantichi kan jalqabuu fi kan xumuramu faarfannaa fi kadhannaadhaani.

Gara fuulduraatti Ayyaanni Yaadannoo yoom kabajama?

2027: Wiixata, Bitootessa 22

2028: Dilbata, Ebla 9

2029: Kamisa, Bitootessa 29