Ayyaana Yaadannoo Duʼa Yesuus

Kamisa, Ebla 2, 2026

Dhugaa Baatonni Yihowaa akkuma Yesuus, “Kana . . . yaadannoo kootiif godhaa” jedhee ajaje Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus waggaatti al tokko kabaju.—Luqaas 22:19.

Atii fi maatiin kee ayyaana kanarratti akka argamtan isin affeerra.

Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman

Eenyutu irratti hirmaachuu dandaʼa?

Namni kamiyyuu ni dandaʼa. Michoota kee affeeruu fi maatii kee fudhattee dhufuu ni dandeessa.

Sagantichi saʼaatii hammamii fudhata?

Gara saʼaatii tokkoo tura.

Eessatti godhama?

Ibsa balʼaa argachuuf Dhugaa Baatota Yihowaa haasofsiisi.

Kaffaltii qabaa ykn hirmaachuun dirqamadhaa?

Lakki.

Namoonni buusii akka godhan ni gaafatamuu?

Lakki. Matumaa bakka walgaʼii keenyatti buusii hin sassaabnu.—Maatewos 10:8.

Gosa uffataa taʼe tokko uffachuun dirqamaa?

Lakki. Haataʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa karaa taatee addaa kanaaf kabaja akka qaban argisiisuun uffachuuf yaalu.

Ayyaana Yaadannoorratti maaltu raawwatama?

Jalqabaa fi xumura walgaʼii kanaarratti hirmaattonni faarfannaa ni faarfatu, achiis tajaajilaan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe tokko kadhannaa dhiheessa. Sagantaa kanarratti haasaan tokko ni dhihaata; haasaan kun duuti Yesuus hangam barbaachisaa akka taʼee fi wanta Waaqayyoo fi Kiristoos nuuf godhanirraa akkamitti fayyadamuu akka dandeenyu ibsa.

Waggoottan ittaananitti Ayyaanni Yaadannoo yoom kabajama?

2026: Kamisa, Ebla 2

2027: Wiixata, Bitootessa 22