Kitaaba Qulqulluu
Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa hiika sirrii fi dubbisuuf salphaa taʼedha. Guutummaatti ykn gartokkeensaa afaanota 344 qophaaʼeera. Hanga ammaatti koppiin 257,854,271 maxxanfameera. Hiika kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu Mataasaanii Qabuu?” jedhuu fi “Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Hiika Sirriidhaa?” jedhu ilaali.
Afaanota tokko tokkoon Kitaabota Qulqulluu namoonni baayʼinaan itti fayyadaman kan biroo maxxansuuf heyyama arganneerra.

