Afaan Oromoo
Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluu Mataasaanii Qabuu?
https://cms-imgp.jw-cdn.org/img/p/502014131/univ/art/502014131_univ_sqr_xl.jpg
ijwfq mataduree 34

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluu Mataasaanii Qabuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluu Mataasaanii Qabuu?

 Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼatan, hiikawwan addaddaatti fayyadamaa turaniiru. Afaanota Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa ittiin qophaaʼee jirutti garuu kitaaba kanatti fayyadamna. Sababnisaas Kitaaba kun maqaa Waaqayyootti ni fayyadama, akkasumas sirriitti kan hiikamee fi ifadha.

  •   Maqaa Waaqayyootti ni fayyadama. Namoonni Kitaaba Qulqulluu maxxansan tokko tokko, qaama kitaabicha barreessiseef ulfina utuu hin kennin hafaniiru. Fakkeenyaaf, hiikni Kitaaba Qulqulluu tokko, maqaa namoota 70 ol taʼanii fi kitaabicha qopheessuurratti hirmaatanii caqaseera. Haataʼu malee, kitaabni kun maqaa qaama Kitaaba Qulqulluu barreessisee, jechuunis maqaa Yihowaa iddoo tokkottiyyuu hin galchine!

     Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraan garuu, bakka maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaarratti argamu hundatti galcheera; maqaa namoota hojii hiikkaa isaarratti hirmaatanii garuu utuu hin caqasin hafeera.

  •   Sirriitti kan hiikame. Ergaa Kitaabni Qulqulluun inni jalqabaa qabatee jiru sirriitti kan dabarsan hiikawwan Kitaaba Qulqulluu hunda miti. Fakkeenyaaf, hiikni Kitaaba Qulqulluu tokko, Maatewos 7:13, “Balbala dhiphoodhaan ol seenaa, sababnisaas balballi siʼool balʼaa, daandiin isatti geessus rakkina kan hin qabnedha” jechuudhaan hiikeera. Kitaabni Qulqulluun inni jalqabaa garuu bakka kanatti jecha “siʼool” jedhutti utuu hin taʼin jecha ‘badiisa’ jedhutti fayyadame. Haataʼu malee, namoonni Kitaaba Qulqulluu hiikan namoonni hamoon ibidda siʼool keessatti gubatu jedhanii waan amananiif, bakka kanatti jecha “siʼool” jedhu galchaniiru. Kitaabni Qulqulluun garuu yaada kana hin deggeru. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa yaada kana, ‘Karra isa dhiphaadhaan ol seenaa, sababiin isaas karri badiisatti ol galchu balʼaa, daandiin isaas guddaa dha’ jechuudhaan hiikeera.

  •   Ifa kan taʼe. Hiikni gaariin, sirriitti kan hiikame qofa utuu hin taʼin ifa, jechuunis hubachuuf salphaa kan taʼe taʼuu qaba. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Yesuus Maatewos 5:3 irratti yaada kallattiidhaan yeroo hiikamu, “Namoonni hafuuraan hiyyeeyyii taʼan gammadoodha” jedhutti fayyadameera. Afaan Oromoo isa ammayyaatiin yaada kana hubachuun ulfaataa waan taʼeef, Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa, “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha” jechuudhaan haala salphaatti namaa galuu dandaʼuun hiikeera.

 Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa maqaa Waaqayyootti kan fayyadamu, sirriitti kan hiikamee fi ifa kan taʼe taʼuusaa caalaayyuu kaffaltii malee kan raabsamu taʼuunsaa adda isa godha. Kanaan kan kaʼes, namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi Kitaaba Qulqulluu bitachuu hin dandeenyellee afaan dhalootaasaaniitiin argatanii dubbisuu dandaʼaniiru.