Isaayyaas 13:1-22

  • Murtii Baabilon irratti dabarfame (1-22)

    • Guyyaan Yihowaa dhihaateera! (6)

    • Warri Meedon Baabiloniin ni garagalchu (17)

    • Baabilon keessa matumaa namni hin jiraatu (20)

13  Murtii Baabilon irratti dabarfamee+ fi Isaayyaas+ ilmi Amooz mulʼataan arge:   “Gaara qarsaa qullaa taʼe irratti mallattoo* dhaabaa.+ Gara karrawwan guguddootaatti akka seenaniifIsaan waamaa, harka keessanis raasaa.   Warran muude* sanaaf ajaja dabarseera.+ Ani dheekkamsa koo karaa isaanii ibsuuf,Loltoota koo warra boonuudhaan ol of qaban waameera.   Dhagaʼaa, sagaleen tuuta gaarota irra jiruu,Sagaleen sagalee namoota hedduu fakkaatu ni dhagaʼama! Dhagaʼaa, iyyi mootummootaa,Iyyi saboota walitti qabamaniis+ ni dhagaʼama! Yihowaan Gooftaan Raayyaa waraanaaf loltoota walitti qabaa jira.+   Yihowaanii fi meeshaawwan waraanaa dheekkamsa isaaGuutummaa lafaa irratti badiisa fiduuf,+Biyya fagoodhaa,+Andaara samiiwwaniitii dhufaa jiru.   Guyyaan Yihowaa waan dhihaateef gadoodaa! Inni badiisa fiduuf Isa Hundumaa Dandaʼu biraa ni dhufa.+   Harki hundi kan naafatu,Garaan nama hundumaas sodaadhaan kan baqu kanaafi.+   Namoonni naʼaniiru.+ Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuutti,Gaggabaa fi dhiphachaa jiru. Fuulli isaanii dhiphinaan diimatee,Sodaa guddaadhaan wal ilaalu.   Biyyattii bakka sodaachisaa gochuuf,+Cubbamoota biyyattiis ishii keessaa balleessuuf,Kunoo, guyyaan YihowaaAarii fi dheekkamsa bobaʼuun gara jabinaan dhufaa jira. 10  Urjiileen samii fi tuutawwan isaanii*+Ifa isaanii hin kennan;Aduun yommuu baatu ni dukkanoofti,Addeessis ifa ishii hin ibsitu. 11  Lafattii hammina ishiitiif,+Hamootas balleessaa isaaniitiif isaan nan gaafadha. Koora warra of bokoksan sanaa nan balleessa,Of tuulummaa cunqursitootaas nan salphisa.+ 12  Namoonni warqii qulqulleeffame caalaa,Ilmaan namootaas warqii Ofiir+ caalaa muraasa akka taʼan nan godha.+ 13  Aarii guddaa Yihowaa Gooftaa Raayyaatiin, guyyaa dheekkamsa isaa isa bobaʼaatti,Samiiwwan akka jeeqaman,Laftis iddoo ishiitii akka raafamtu kanan godhu kanaafi.+ 14  Akkuma borofa adamsamuu fi akkuma bushaayee nama walitti isaan qabu hin qabneetti,Tokkoon tokkoon namaa gara saba ofii isaatti ni deebiʼa,Tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaatti ni baqata.+ 15  Namni argame kam iyyuu ni waraanama,Namni qabame kam iyyuus goraadeedhaan ni ajjeefama.+ 16  Ijoolleen isaanii ijuma isaanii duratti ni hurreeffamu,+Manneen isaanii ni saamamu,Haadhotiin manaa isaaniis dirqamaan ni gudeedamu. 17  Kunoo, ani namoota MeedonWarra meetii homaatti hin lakkoofne,Warqiittis hin gammanne isaan irratti nan kaasa.+ 18  Iddaawwan isaanii dargaggoota ni caccabsu;+Isaan firii gadameessaatiif garaa hin laafan,Ijoolleedhaafis hin gaddan. 19  Baabilon ishiin mootummoota hunda caalaa ulfina qabeettii taate,*+Ishiin bareedina Kaladootaa taatee fi isaan ittiin boonan,+Akkuma Sodoomii fi Gomoraa warra Waaqayyo garagalche sanaa ni taati.+ 20  Ishii keessa matumaa namni hin jiraatu,Dhaloota hundumaa keessattis bakka namoonni keessa hin jiraanne ni taati.+ Arabni dunkaana isaa achi hin dhaabu,Tiksitoonnis bushaayee isaanii achitti hin boqochiisan. 21  Uumamawwan gammoojjii achi ni ciciisu;Manneen isaaniis hurunguudhaan ni guutamu. Guchiiwwan achi ni jiraatu,+Reʼoonni bosonaas* achitti ni burraaqu. 22  Uumamawwan caraanan masaraawwan ishii keessatti,Sardiidonnis manneen mootummaa ishii warra miidhagoo keessatti ni iyyu. Yeroon ishii dhihaateera, guyyoonni ishiis hin dheeratan.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “jirma mallattoo.”
Kal., “Warra naaf qulqulleeffaman.”
Kal., “Kasiilota isaanii,” Oriyoonii fi tuutawwan urjiilee naannoo isaatti argaman kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Ykn., “ishiin faaya mootummootaa taate.”
Ykn tarii, “Jinniiwwan reʼee fakkaatanis.”