GAAFFII 11
Namni Yeroo Duʼu Maal Taʼa?
“Hafuurri isaa ni baʼa, innis gara biyyootti ni deebiʼa; guyyuma sanatti yaanni isaa ni bada.”
“Warri lubbuudhaan jiran akka duʼan beeku; warri duʼan garuu homaa hin beekan . . . Awwaala isa itti deemtu keessa hojiin, karoorri, beekumsis taʼe ogummaan waan hin jirreef, wanta gochuu dandeessu kam iyyuu humna kee guutuudhaan raawwadhu.”
“Yesuus . . . itti dabalee, ‘Michuun keenya Alaazaar rafeera; anis isa dammaqsuuf achi nan dhaqa’ jedhe. Haa taʼu malee, Yesuus waaʼee duʼuu isaa dubbachaa ture. Isaan garuu, boqochuuf jedhee hirriba rafuu isaa kan dubbatu isaanitti fakkaatee ture. Achiis Yesuus ifatti akkana isaaniin jedhe: ‘Alaazaar duʼeera.’”