Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

 A2

Wantoota Hiikkaa Kana Adda Godhan

Afaan Ingiliffaatiin Kitaabni Qulqulluun Afaan Giriikii Hiika Addunyaa Haaraa bara 1950tti kan baʼe yeroo taʼu, guutummaan Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa immoo bara 1961tti maxxanfame. Yeroo sanaa kaasee Kitaaba Qulqulluu afaan isa jalqabaa irraa sirriitti hiikamee fi dubbisuuf salphaa taʼe kana irraa namoonni miliyoona kudhaniin lakkaaʼaman afaanota 210 oliin fayyadamaa jiru.

Haa taʼu malee, waggoottan shantamman darbanitti afaanonni jijjiiramaniiru. Koreen Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa yeroo harʼaatti argamu garaa namoota yeroo ammaatti dubbisanii tuquuf jijjiirama gochuun barbaachisaa akka taʼe hubateera. Kanaan kan kaʼes, hiikkaa kana keessatti, wantoota armaan gadii irratti hundaaʼuudhaan akkaataa barreeffamaa fi jechoota garaa garaatti fayyadamneerra:

  • Jechootaa fi ibsawwan ammayyaa hubatamuu dandaʼan. Jechoonni fi ibsawwan Kitaabota Qulqulluu Afaan Oromoo kaan irratti argaman tokko tokko bakka buufamaniiru. Fakkeenyaaf, “bira gaʼuu” kan jedhu yeroo ammaatti ergaa dogoggoraa dabarsuu waan dandaʼuuf, “saalqunnamtii raawwachuu” jedhameera. (Uumama 4:1) Kana malees, “haadha hiyyeessaa” kan jedhu ergaa dogoggoraa dabarsuu waan dandaʼuuf, “dubartii abbaan manaa irraa duʼe” jedhameera. (Baʼuu 22:22) Akkasumas “jaamaa” kan jedhu “qaroo dhabeessa,” “nama duudaa” kan jedhu “nama gurri duude” (Isaayyaas 35:5), “toosisuu” kan jedhu “jajjabeessuu” (1 Tasalonqee 5:14), “weennoo” kan jedhu immoo “hinaaffaa” jedhameera.​—1 Ximotewos 6:4.

  • Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu ifa godhaman. Jechootaa fi gaaleewwan Kitaabota Qulqulluu Afaan Oromoo kaan keessatti argaman tokko tokko irratti fooyyaʼiinsi godhameera. Fakkeenyaaf, Uumama 45:18 irratti “cooma lafichaa” inni jedhu “kutaa biyyattii isa hunda caalu” jedhameera. Gaaleen “iddoo lafa jalaa” jedhu hiika jecha Afaan Ibrootaa “Siiʼol” jedhuu fi jecha Afaan Giriikii “Haadis” jedhuu sirriitti waan hin dabarsineef “Awwaala” jedhamee hiikameera. (Uumama 37:35; Hojii Ergamootaa 2:27) Kana malees, “saanduqa kakuu” inni jedhu “taabota kakuu” jedhameera. (Keessa Deebii 31:26) Kutaawwan godoo qulqulluu fi mana qulqullummaa keessa jiran lamaan warri “iddoo isa qulqullaaʼaa” fi “iddoo isa hundumaa irra qulqullaaʼaa” jedhaman, “Kutaa Qulqulluu” fi “Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe” jedhamaniiru. (Baʼuu 26:33) “Utubaa qulqullaaʼaa” kan jedhu utubaawwan waaqeffannaa waaqolii tolfamootiif oolanis qulqulluu akka taʼan argisiisuu waan dandaʼuuf, “utubaa waaqeffannaa” jedhameera.​—Baʼuu 34:13.

Wantoota dabalataa hiikkaa kana adda godhan:

Maxxansi Kitaaba Qulqulluu kun miiljaleewwan garaa garaa qaba. Walumaa galatti miiljaleewwan kun kutaawwan armaan gadiitti hiramu:

  • “Ykn.” Karaa kan biraa yaada Afaan Ibrootaa, Afaan Aaraam ykn Afaan Giriikii tokko itti hiikuun dandaʼamuu fi ergaa wal fakkaatu qabu.​—Uumama 1:2, miiljalee “humni Waaqayyoo inni hojii irra jirus” bira jiru; Iyyaasuu 1:8, “sagalee kee gad qabii isa dubbisi.”

  • “Ykn tarii” Karaa kan biraa yaadichi itti hiikamuu dandaʼu dha; taʼus ergaa adda taʼe qaba.​—Uumama 21:6, “anaa wajjin ni kolfa”; Zakkaariyaas 14:21, “namni biyya Kanaʼaan.”

  • “Kal.” Hiikkaa Afaan Ibrootaa, Afaan Aaraam ykn Afaan Giriikii irraa jechaa jechatti hiikame ykn hiika buʼuuraa jechi afaan jalqaba ittiin barreeffame dabarsu.​—Uumama 30:22, “ni kenne”; Baʼuu 32:9, “didaa.”

  • Hiika jechootaa fi odeeffannoo dabalataa Hiika maqootaa (Uumama 3:⁠17, “Addaam”; Baʼuu 15⁠:23, “Maaraa”); ibsa madaalliiwwanii fi safartuuwwanii (Uumama 6:​15, “dhundhuma”); ibsa bamaqootaa (Uumama 38:5, “inni”); odeeffannoowwan Kutaa Dabalataa fi Ibsa Jechootaa irratti kennaman.​—Uumama 37:⁠35, “Awwaala”; Maatewos 5:​22, “Gahaannam.”

Kutaan jalqabaa Kitaaba kanaa “Dubbii Waaqayyoo Irraa Baradhu” jedhu barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman kan qabate dha. Kitaaba Mulʼataatti aansee immoo “Gabatee Maqaawwan Kitaabota Kitaaba Qulqulluu,” “Baafata Jechoota Kitaaba Qulqulluu” fi “Ibsa Jechoota Kitaaba Qulqulluu” ni argamu. Ibsi Jechootaa, namni dubbisu jechoonni tokko tokko akka Kitaaba Qulqulluu keessatti itti hojjetamanitti hiika akkamii akka qaban akka hubatu isa gargaara. Kutaa Dabalataa A jalatti mata dureewwan armaan gadii ni argamu: “Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu Hiikuuf Gargaaran,” “ Wantoota Hiikkaa Kana Adda Godhan,” “Kitaabni Qulqulluun Nu Bira kan Gaʼe Akkamitti?” “Maqaa Waaqayyoo Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa Keessatti,” “Maqaa Waaqayyoo Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii Keessatti,” “Chaartii: Raajotaa fi Mootota Yihudaa fi Israaʼel” akkasumas, “Wantoota Guguddaa Jireenya Yesuus isa Lafa Irraatti Raawwataman.” Kutaa Dabalataa B jalatti immoo kaartaawwan, chaartiiwwanii fi odeeffannoowwan barattoota Kitaaba Qulqulluu gad fageenyaan qorataniif qophaaʼan jiru.

Jalqaba tokkoon tokkoon kitaabota Kitaaba Qulqulluu irratti immoo, qabiyyeen kitaabichaa boqonnaa fi lakkoofsota isaanii qabate ni argama; kun immoo namni dubbisu kitaabicha ilaalchisee yaada walii galaa akka argatu isa gargaara. Toorri walakkaa fuula hundumaa irratti argamu immoo caqasoota Kitaaba Qulqulluu caqasa sanaa wajjin wal qabatan kaan kan qabate dha.