Isaayyaas 16:1-14

  • Murtiin Moʼaab irratti dabarfame itti fufe (1-14)

16  Seelaa irraa, karaa lafa onaa keessaGara gaara intala Xiyoonitti,Bulchaa biyyattiitiif korbeessa hoolaa tokko ergaa.   Akkuma simbirroo manʼee ishii keessaa ariʼamteetti,+Ijoolleen durbaa Moʼaabis malkaawwan Arnoon+ keessatti akkanuma ni taʼu.   “Gorsa kennaa, murtoos dabarsaa. Guyyaa saafaatti gaaddisni kee akkuma halkanii cimaa akka taʼu godhi. Warra bittinnaaʼan dhoksi, warra baqatanis dabarsitee hin kennin.   Yaa Moʼaab, namoonni koo warri bittinnaaʼan si keessa haa jiraatan. Atis isa badiisa geessisu+ sanaan kan kaʼe, isaaniif bakka dhokannaa taʼi. Inni cunqursu ni balleeffama,Badiisni sun ni dhaabbata,Namoonni warra kaan dhidhiitanis lafa irraa ni badu.   Achiis teessoon tokko jaalala amanamaadhaan jabaatee ni dhaabbata. Inni dunkaana Daawit keessatti teessoo sana irra taaʼus amanamaa ni taʼa;+Haqaan murtii ni kenna, saffisaanis qajeelummaa ni raawwachiisa.”+   Waaʼee of tuulummaa Moʼaab dhageenyeerra, inni baayʼee of tuultuu dha;+Waaʼee of tuulummaa isaa, waaʼee koora isaa fi waaʼee aarii isaa isa guddaa dhageenyeerra;+Taʼus dubbiin isaa inni duwwaa taʼe faayidaa hin qabaatu.   Kanaafuu, Moʼaab Moʼaabiif ni gadooda;Hundi isaanii iyyuu ni gadoodu.+ Warri rukutaman bixxilleewwan zabiibii Qiir Haresetiif+ ni aadu.   Maasiiwwan wayinii Heshboon+ goganiiru,Mukti wayinii Sibmaas+ coolligeera,Bulchitoonni sabootaa dameewwan ishii warra diimatan* dhidhiitaniiru;Isaan Yaazeer+ bira gaʼanii turan;Lafa onaa keessattis babalʼatanii turan. Latiiwwan isaa babalʼatanii galaanicha bira gaʼanii turan.   Akkuman Yaazeeriif booʼutti, muka wayinii Sibmaatiif kanan booʼu kanaafi. Iyyi yeroo firii bonaa keessanii fi yeroo makaraa keessaniitti dhagaʼamu waan xumurameef,*Yaa Heshboon, yaa Eleʼaalee,+ ani imimmaan kootiin isin nan jiisa. 10  Gammachuunii fi ililchuun maasii fuduraa sana irraa fudhatameera,Faarfannaan gammachuu yookiin iyyi maasiiwwan wayinii keessa hin jiru.+ Iyyi sun akka dhaabbatu waanan godheef,Inni dhidhiitu sun bakka wayiniin itti cuunfamu keessatti sana booda wayinii hin dhidhiitu.+ 11  Akkuma baganaa rukutamuutti,Keessi koo Moʼaabiif,+Garaan koos Qiir Haresetiif kan raafamu kanaafi.+ 12  Moʼaab yeroo iddoo ol kaʼaa irratti of dadhabsuu fi kadhachuuf gara iddoo qulqulluu isaa dhaqutti illee buʼaa argatu hin qabaatu.+ 13  Wanti Yihowaan Moʼaabiin ilaalchisee dursee dubbate kana dha. 14  Ammas Yihowaan akkana jedha: “Waggaa sadii keessatti, akkuma bara nama mindeeffamee hojjetuutti,* ulfinni Moʼaab jeequmsa guddaa akaakuu hundumaatiin ni salphifama; warri hafanis baayʼee muraasaa fi humna kan hin qabne ni taʼu.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “firii wayinii diimaa hedduu qabatan.”
Ykn tarii, “Iyyi waraanaa firii bonaa keessanii fi makara keessan irratti waan gad buʼeef.”
Ykn., “akkuma namni qacaramee hojjetu godhutti, of eeggannoodhaan lakkaaʼamee”; jechuunis, wagguma sadii keessatti.