Isaayyaas 22:1-25

  • Murtii Sulula Mulʼataa ilaalchisee dabarfame (1-14)

  • Shebnaan inni bulchaa taʼe Eliyaaqiimiin bakka buufame (15-25)

    • Fannoo fakkeenya taʼe (23-25)

22  Murtii Sulula Mulʼataa* ilaalchisee dabarfame:+ Ati gara baaxiiwwaniitti kan ol baate maaliifi?   Yaa magaalaa ishii wacaa fi gammachuu guddaadhaan guutamte nana,Ati jeequmsaan guutamteetta. Namoonni kee warri ajjeefaman kan ajjeefaman goraadeedhaan miti,Kan duʼanis waraana irratti miti.+   Namoonni kee warri abbootii irree taʼan hundi walumaan baqataniiru.+ Isaan iddaa tokko malee mana hidhaatti galfamaniiru. Gara biyya fagootti baqatanii kan turan yoo taʼe iyyuu,Warri argaman hundi mana hidhaatti galfamaniiru.+   Anis akkana kanan jedhe kanaafi: “Ija kee na irraa kaasi,Ani hirqinfadheen booʼa.+ Badiisa intala* saba kootii irra gaʼeefNa jajjabeessuuf hin yaalinaa.+   Sababiin isaas, guyyichi guyyaa burjaajaʼuu, guyyaa moʼamuu fi guyyaa naasuu,+Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaa Gooftaa Raayyaa biraaSulula Mulʼataatti dhufe dha. Dallichi ni diigama,+Iyyis gara gaarichaatti ol ni baʼa.   Eelaam+ korojoo xiyyaa walitti qabdee,Gaariiwwan fardaa namoonni irra jiranii fi fardeenii* wajjin ni dhufti,Qiiris+ gaachana ni baasti.*   Sululawwan* kee warri hunda caalaa filatamoo taʼan,Gaariiwwan fardaa waraanaatiin ni guutamu,Fardeenis* karricha biratti iddoo isaanii ni qabatu,   Golgaan* Yihudaas irraa ni kaafama. “Guyyaa sanatti ati gara mana kuusaa meeshaa waraanaa Mana Bosonaa sanaa ni ilaalta;+  baqaqaawwan hedduu dallaa Magaalaa Daawitis ni argitu.+ Bishaanota bishaan kuufamaa isa gadiis walitti ni qabdu.+ 10  Manneen Yerusaalem ni lakkooftu, dallicha cimsuufis manneen ni jigsitu. 11  Bishaan kuufamaa isa bara durii sanaaf, dallaawwan lamaan gidduutti meeshaa bishaan itti kuusan ni tolchitu; taʼus, Uumaa ishii isa Guddaa hin ilaaltan, isa bara dheeraa dura ishii tolche sana hin argitan. 12  Guyyaa sanatti Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa,Booʼichaa fi gadda,+Mataa haadamee fi uffata gaddaa uffachuu ni waama. 13  Garuu, ayyaana kabajuu fi gammachuu,Loonii fi hoolaa qaluu,Foon nyaachuu fi daadhii wayinii dhuguutu taʼaa jira.+ ‘Boru waan duunuuf, haa nyaannu, haa dhugnu.’”+ 14  Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedhee gurra kootti natti hime: “‘Hamma isin duutanitti balleessaan kun isiniif hin dhiifamu’+ jedha Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa.” 15  Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Gara bulchaa kanaa, gara Shebnaa+ isa manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe sanaa dhaqiitii akkana isaan jedhi: 16  ‘Bakka kanatti ofii keetiif iddoo awwaalchaa qopheeffachuuf mirga maalii qabda? Akkana akka gootu hoo eenyutu siif heyyame?’ Inni iddoo ol kaʼaa tokko irratti iddoo awwaalchaa qopheeffachaa jira; qarsaa tokko keessatti ofii isaatiif iddoo boqonnaa* qopheeffachaa jira. 17  ‘Yaa namicha nana, kunoo, Yihowaan humnaan gad si darbata; jabeessees si qaba. 18  Inni dhugumaan cimsee si maree akkuma kubbaatti gara lafa balʼaatti si darbata. Achitti ni duuta, gaariiwwan fardaa kee warri ulfina qabeeyyiin achitti ni hafu; kunis mana gooftaa keetiitiif salphina dha. 19  Ani iddoo kee irraa sin kaasa, aangoo kee irraas sin ariʼa. 20  “‘Guyyaa sanatti Eliyaaqiim+ ilma Hilqiyaa isa tajaajilaa koo taʼe nan waama; 21  uffata kee isatti nan uwwisa, sabbata kee mudhii isaatti cimsee nan hidha,+ aangoo* kees harka isaatti dabarsee nan kenna. Innis jiraattota Yerusaalemii fi mana Yihudaatiif abbaa ni taʼa. 22  Furtuu mana Daawitis+ gateettii isaa irra nan kaaʼa. Balbala inni banu namni tokko illee hin cufu; balbala inni cufus namni tokko illee hin banu. 23  Ani akka fannootti iddoo dhaabbataa irratti isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa. 24  Isaanis ulfina* mana abbaa isaa hundumaa, sanyiiwwanii fi ijoollee,* miʼawwan xixinnoo hundumaa, saaniiwwan golboo, akkasumas hubboowwan* guguddoo hundumaa isa irratti ni fannisu. 25  “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Guyyaa sanatti fannoon iddoo dhaabbataa irra dhaabame sun ni buqqifama,+ muramees ni kufa; baʼaan isa irratti fannifames kufee ni caccaba; sababiin isaas, Yihowaan kana dubbateera.’”

Miiljaleewwan

Kun Yerusaalemiin kan argisiisu taʼuu hin oolu.
As irratti Yerusaalem nameeffamtee kan ibsamte yeroo taʼu, yaanni bifa walalootiin barreeffame kun gaddaa fi gara laafina kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “abbootii fardeenii.”
Ykn., “ni qopheessiti.”
Ykn., “Dirreewwan gad buʼoon.”
Ykn., “Abbootiin fardeeniis.”
Ykn., “Eegumsi.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Kal., “iddoo jireenyaa.”
Ykn., “bulchiinsa.”
Kal., “ulfaatina.”
Ykn., “latiiwwan.”
Ykn., “okkoteewwan.”