Uumama 5:1-32

  • Addaam irraa jalqabee hamma Nohitti (1-32)

    • Addaam ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa dhalche (4)

    • Heenok Waaqayyoo wajjin deddeebiʼe (21-24)

5  Kitaabni waaʼee seenaa Addaam dubbatu isa kana. Waaqayyo guyyaa Addaamiin uumetti, akka fakkaattii Waaqayyootti isa tolche.+  Dhiiraa fi dubartii godhees isaan ni uume.+ Guyyaa isaan uumamanitti+ inni isaan ni eebbise; akkasumas Nama* jedhee maqaa isaaniif moggaase.  Addaam waggaa 130 erga jiraatee booda, akka fakkaattii isaattii fi akka bifa isaatti ilma ni dhalche; maqaa isaas Seet jedhee moggaase.+  Addaam Seetiin erga dhalchee booda waggaa 800 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche.  Kanaafuu, Addaam walumaa galatti waggaa 930 jiraate; achiis ni duʼe.+  Seet waggaa 105 erga jiraatee booda Eenoshiin+ ni dhalche.  Seet Eenoshiin erga dhalchee booda waggaa 807 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche.  Kanaafuu, Seet walumaa galatti waggaa 912 jiraate; achiis ni duʼe.  Eenosh waggaa 90 erga jiraatee booda Qaayinaaniin ni dhalche. 10  Eenosh Qaayinaaniin erga dhalchee booda waggaa 815 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 11  Kanaafuu, Eenosh walumaa galatti waggaa 905 jiraate; achiis ni duʼe. 12  Qaayinaan waggaa 70 erga jiraatee booda Mahaalaaleliin+ ni dhalche. 13  Qaayinaan Mahaalaaleliin erga dhalchee booda waggaa 840 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 14  Kanaafuu, Qaayinaan walumaa galatti waggaa 910 jiraate; achiis ni duʼe. 15  Mahaalaalel waggaa 65 erga jiraatee booda Yaarediin+ ni dhalche. 16  Mahaalaalel Yaarediin erga dhalchee booda waggaa 830 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 17  Kanaafuu, Mahaalaalel walumaa galatti waggaa 895 jiraate; achiis ni duʼe. 18  Yaared waggaa 162 erga jiraatee booda Heenokiin+ ni dhalche. 19  Yaared Heenokiin erga dhalchee booda waggaa 800 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 20  Kanaafuu, Yaared walumaa galatti waggaa 962 jiraate; achiis ni duʼe. 21  Heenok waggaa 65 erga jiraatee booda Maatusaalaa+ ni dhalche. 22  Heenok Maatusaalaa erga dhalchee booda waggaa 300f Waaqa dhugaa* wajjin deemuu isaa itti fufe. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 23  Kanaafuu, Heenok walumaa galatti waggaa 365 jiraate. 24  Heenok Waaqa dhugaa wajjin deemuu isaa itti fufe.+ Waaqayyo waan isa fudhateefis inni sana booda hin argamne.+ 25  Maatusaalaan waggaa 187 erga jiraatee booda Laameekiin+ ni dhalche. 26  Maatusaalaan Laameekiin erga dhalchee booda waggaa 782 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 27  Kanaafuu, Maatusaalaan walumaa galatti waggaa 969 jiraate; achiis ni duʼe. 28  Laameek waggaa 182 erga jiraatee booda ilma tokko ni dhalche. 29  Innis, “Ilmi kun lafa Yihowaan abaareen kan kaʼe dadhabbii fi dhamaatii nu irra gaʼu irraa nu boqochiisuudhaan nu jajjabeessa”+ jechuudhaan maqaa isaa Noh*+ jedhee moggaase. 30  Laameek Nohiin erga dhalchee booda waggaa 595 jiraate. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni dhalche. 31  Kanaafuu, Laameek walumaa galatti waggaa 777 jiraate; achiis ni duʼe. 32  Noh umuriin isaa waggaa 500 erga taʼee booda, Seem,+ Kaamii+ fi Yaafeetiin+ ni dhalche.

Miiljaleewwan

Ykn., “Addaam.”
Kal., “Waaqayyichaa.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Tarii, “Boqonnaa; Jajjabina” jechuu dha.