Uumama 2:1-25
2 Samii fi lafti, wantoonni isaan keessa jiran hundis* uumamanii kan xumuraman akka kanaan ture.+
2 Waaqayyos guyyaa torbaffaatti hojii hojjechaa ture ni xumure; hojii isaa isa hojjechaa ture hundumaa irraas guyyaa torbaffaatti boqochuu jalqabe.+
3 Achiis Waaqayyo guyyaa torbaffaa ni eebbise, ni qulqulleesses; sababiin isaas, Waaqayyo hojii uumamaa raawwachaa ture hundumaa irraa, wanta hojjechuuf kaayyeffate hundumaa irraas boqochuu kan jalqabe guyyaa kanatti ture.
4 Yeroo samii fi lafti uumamanitti, jechuunis guyyaa Yihowaan* lafaa fi samii uumetti wanti raawwatame kana dha.+
5 Yihowaan lafa irratti bokkaan akka roobu waan hin gooneef, namni lafa misoomsus waan hin turreef, tusiin* lafa irratti hin argamu ture; biqiltuunis marguu hin jalqabne ture.
6 Haa taʼu malee, hurki* lafa irraa ol kaʼee guutummaa lafichaa ni obaasa ture.
7 Achiis Yihowaan biyyoo+ lafaa irraa nama tolchee hafuura jireenyaa funyaan isaatti baafate;+ innis nama* jiraataa taʼe.+
8 Kana malees, Yihowaan kallattii bahaatiin Eedan keessatti iddoo biqiltuu ni dhaabe;+ namicha tolche sanas achi keessa kaaʼe.+
9 Yihowaan muka ilaaluuf nama hawwatuu fi nyaachuuf gaarii taʼe hundumaa lafa irratti ni biqilche; kana malees iddoo biqiltuu sana gidduutti muka jireenyaa,+ akkasumas muka gaarii fi hamaa beeksisu+ ni biqilche.
10 Iddoo biqiltuu sana obaasuufis lagni tokko Eedan keessaa ni yaaʼa ture; innis sana booda hihiramee laga afur* taʼe.
11 Maqaan laga isa tokkoffaa Fiishoon jedhama; innis guutummaa biyya Hawiilaa isa warqiin keessatti argamutti marsa.
12 Warqiin biyya sanaa gaarii dha. Hapheen urgaaʼuu fi dhagaan oniiksiis* achitti ni argama.
13 Maqaan laga isa lammaffaa Giyoon jedhama; innis guutummaa biyya Kuushitti marsa.
14 Maqaan laga isa sadaffaa Hidikeel*+ jedhama; innis gara kallattii bahaa Asooritti+ kan yaaʼu dha. Lagni arfaffaan immoo Efraaxis+ jedhama.
15 Yihowaan akka inni iddoo biqiltuu Eedan misoomsuu fi kunuunsuuf namicha fuudhee achi keessa kaaʼe.+
16 Kana malees, Yihowaan akkana jedhee namicha ajaje: “Muka iddoo biqiltuu sana keessa jiru hundumaa irraa hamma quuftutti ni nyaatta.+
17 Haa taʼu malee, muka gaarii fi hamaa beeksisu irraa hin nyaatin; sababiin isaas, guyyaa isa irraa nyaattutti dhugumaan ni duuta.”+
18 Achiis Yihowaan, “Namichi kophaa taʼuun isaa gaarii miti. Guutuu akka isa gootuuf ani kan isa gargaartu isaaf nan tolcha” jedhe.+
19 Yihowaan bineensota bosonaa hundumaa fi uumamawwan samii irra barrisan hundumaa biyyoo lafaa irraa uumee ture; achiis namichi tokkoon tokkoon isaanii maal jedhee akka waamu ilaaluuf gara isaatti isaan fide; maqaan namichi tokkoon tokkoon uumamawwan jiraatoo sanaaf moggaases maqaa isaanii ni taʼe.+
20 Kanaafuu, namichi beeladoota hundumaa, uumamawwan samii keessa barrisan hundumaa fi bineensota bosonaa hundumaatiif maqaa ni moggaase; haa taʼu malee, namni guutuu akka taʼu kan isa gargaartu hin qabu ture.
21 Kanaafuu, Yihowaan hirribni cimaan namicha akka fudhatu godhe; utuma inni rafaa jiruus lafee cinaachaa isaa keessaa tokko fudhatee iddoo isaa fooniin duuche.
22 Yihowaanis lafee cinaachaa isa namicha irraa fuudhe sana dubartii godhee tolche; achiis gara namichaatti ishii fide.+
23 Yeroo kanatti namichi akkana jedhe:
“Tun lafee lafeewwan kootii ti,Foon foon kootii tis.
Ishiin dhiira irraa waan argamteef,Dubartii jedhamtee waamamti.”+
24 Kanaafuu, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana;* isaan foon tokko taʼu.+
25 Namichii fi haati manaa isaa lamaan isaanii iyyuu qullaa isaanii turan;+ taʼus hin qaanaʼan turan.
Miiljaleewwan
^ Kal., “raayyaawwan isaanii hundi.”
^ Maqaan Waaqayyoo inni dhuunfaa יהוה (YHWH) jedhu yeroo jalqabaatiif kan argamu bakka kanatti dha. Kutaa Dabalataa A4 ilaali.
^ Jechuunis, muka gaggabaabaa gobbatee biqile.
^ Ykn., “hurriin.”
^ Ykn., “lubbuu.” Afaan Ibrootaatiin nefesh kan jedhu yeroo taʼu, kallattiidhaan, “uumama hafuura baafatu” jechuu dha. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kal., “mataa afur.”
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “Xegros.”
^ Ykn., “haadha manaa isaa wajjin ni jiraata.”