Uumama 48:1-22
48 Wantoota kana booda Yoseef, “Kunoo, abbaan kee dadhabaa jira” jedhamee itti himame. Yeroo kanatti ilmaan isaa lamaan Minaasee fi Efreemiin fudhatee gara abbaa isaa dhaqe.+
2 Yaaqoobis, “Kunoo, ilmi kee Yoseef gara kee dhufeera” jedhamee itti himame. Kanaafuu, Israaʼel jajjabaatee ol jedhee siree isaa irra taaʼe.
3 Achiis Yaaqoob Yoseefiin akkana jedhe:
“Waaqni Hundumaa Dandaʼu biyya Kanaʼaan keessatti Luuzitti natti mulʼatee na eebbise.+
4 Inni, ‘Ani akka hortu gochaan jira; hedduus sin godha; gumii sabootaa akka taatu nan godha;+ lafa kanas sanyii kee warra si booda dhufaniif dhaala dhaabbataa godhee nan kenna’ naan jedhe.+
5 Amma ilmaan kee warri ani gara Gibxii gara keetti dhufuu koo dura biyya Gibxii keessatti siif dhalatan kan koo ti.+ Akkuma Ruubenii fi Simiʼoon kan koo taʼan, Efreemii fi Minaaseenis kan koo ni taʼu.+
6 Ijoolleen isaanitti aansee siif dhalatan garuu kan kee ni taʼu. Isaan dhaala+ isaanii keessatti maqaa obboloota isaaniitiin ni waamamu.
7 Yeroo ani Phaadaanii dhufaa turetti, Efraataa gaʼuu koo dura karaa dheeraan utuu nu hafee jiruu Raahel biyya Kanaʼaan keessatti ana biratti duute.+ Anis karaa gara Efraataa,+ jechuunis gara Beetaliheemitti+ geessu irratti ishii nan awwaale.”
8 Achiis Israaʼel ilmaan Yoseef ilaalee, “Ijoolleen kun eenyu faʼi?” jedhee isa gaafate.
9 Yoseefis, “Isaan ijoollee koo warra Waaqayyo biyya kana keessatti naaf kenne dha”+ jedhee abbaa isaatiif deebise. Yeroo kanatti inni, “Maaloo, akkan isaan eebbisuuf natti isaan fidi”+ isaan jedhe.
10 Israaʼelis dullumaan kan kaʼe ijji isaa waan dadhabeef arguu hin dandeenye. Kanaafuu, Yoseef gara isaatti isaan siqse; achiis isaan dhungate; isaan hammates.
11 Israaʼelis Yoseefiin, “Ani matumaa ija kee nan arga jedhee hin yaanne;+ Waaqayyo garuu kunoo sanyii kees akkan argu na godheera” jedhe.
12 Yoseefis jilba Israaʼel biraa erga isaan kaasee booda lafatti gombifamee sagade.
13 Achiis Yoseef lamaan isaanii fuudhee, Efreemiin+ gara harka mirgaa isaatiin Israaʼel irraa gara bitaa akka taʼu godhee, Minaasee+ immoo gara harka bitaa isaatiin Israaʼel irraa gara mirgaa akka taʼu godhee abbaa isaatti isaan dhiheesse.
14 Haa taʼu malee, Efreem quxisuu yoo taʼe iyyuu Israaʼel harka isaa mirgaa diriirsee mataa isaa irra kaaʼe; harka isaa isa bitaa immoo mataa Minaasee irra kaaʼe. Minaaseen angafa+ yoo taʼe iyyuu, inni taʼe jedhee harka isaa akkasitti isaan irra kaaʼe.
15 Achiis akkana jedhee Yoseefiin eebbise:+
“Waaqni dhugaan inni abbootiin koo Abrahaamii fi Yisihaaq isa duratti deddeebiʼan,+Waaqni dhugaan inni umurii koo guutuu hamma harʼaatti na tiksaa jiru,+
16 Maleekaan inni rakkina hundumaa keessaa na baase+ sun ilmaan kana haa eebbisu.+
Isaanis maqaa kootiin, maqaa abbootii koo Abrahaamii fi Yisihaaqiin haa waamaman;Lafa irrattis lakkoofsi isaanii dabalaa haa deemu.”+
17 Yoseefis abbaan isaa harka isaa mirgaa mataa Efreem irra akkuma kaaʼetti akka jiru yommuu argu ni gadde; kanaafuu, harka abbaa isaa mataa Efreem irraa fuudhee mataa Minaasee irra kaaʼuuf yaalii godhe.
18 Yoseef abbaa isaatiin, “Yaa abbaa koo, angafni+ isa kana waan taʼeef, akkana taʼuu hin qabu. Harka kee mirgaa mataa isaa irra kaaʼi” jedhe.
19 Abbaan isaa garuu didee, “Beekeera yaa ilma koo, beekeera. Innis saba ni taʼa; innis guddaa ni taʼa. Haa taʼu malee, obboleessi isaa inni quxisuun isa caalaa guddaa ni taʼa;+ sanyiin isaas sabootaa wajjin guutummaatti qixxee ni taʼa”+ isaan jedhe.
20 Kanaafuu, inni guyyaa sanatti akkana jedhee isaan eebbisuu isaa itti fufe:+
“Ilmaan Israaʼel yeroo eebbisanitti akkana jedhanii maqaa keessan haa dhaʼan:‘Waaqayyo akka Efreemii fi akka Minaasee si haa godhu.’”
Akka kanaan inni Efreemiin Minaasee dura gochuu isaa itti fufe.
21 Achiis Israaʼel Yoseefiin akkana jedhe: “Kunoo, ani duʼuufan jedha;+ Waaqayyo garuu dhugumaan yeroo hundumaa isinii wajjin ni taʼa; gara biyya abbootii keessaniittis isin deebisa.+
22 Ani garuu, lafa isan goraadee fi iddaa kootiin harka Amoorotaa irraa fudhadhe sana obboloota kee caalaa gaʼee* tokko siifan kenna.”
Miiljaleewwan
^ Ykn., “randa lafaa.” Kal., “gateettii.”