Uumama 34:1-31

  • Diinaan dirqisiifamtee gudeedamte (1-12)

  • Ilmaan Yaaqoob gowwoomsanii tarkaanfii fudhatan (13-31)

34  Diinaan intalli Yaaqoob ishiin Liyaan deesse+ shamarran biyyattii wajjin yeroo dabarsuuf* gad ni baati turte.+  Sheekem ilmi Hamoor Hiiwichaa+ inni geggeessaa biyyattii taʼe yommuu ishii argu fudhatee dirqisiisee ishii gudeede.  Inni Diinaa intala Yaaqoobiin sammuu isaa keessaa baasuu hin dandeenye; jaalala shamarree sanaatiin ni qabame; karaa akka ishii jaallatu argisiisuunis ishiitti* ni dubbate.  Dhuma irratti Sheekem abbaa isaa Hamooriin,+ “Shamarree tana na fuusisi” jedhe.  Yaaqoob Sheekem intala isaa Diinaa akka salphise* yeroo dhagaʼetti, ilmaan isaa horii isaa wajjin dirree keessa turan. Kanaafuu, Yaaqoob hamma isaan deebiʼanitti calluma jedhe.  Boodas Hamoor abbaan Sheekem Yaaqoobii wajjin dubbachuuf gad baʼe.  Ilmaan Yaaqoob garuu waaʼee kanaa dhagaʼanii yeruma sana iddoo tikaatii deebiʼanii dhufan. Inni intala Yaaqoobii wajjin ciisee+ wanta raawwatamuu hin qabne raawwachuudhaan+ Israaʼeliin waan salphiseef isaan aaranii, akka malees dheekkamanii turan.  Hamooris akkana isaaniin jedhe: “Ilmi koo Sheekem intala teessan baayʼee jaallateera.* Maaloo, isatti heerumsiisaa;  gaaʼelaanis nutti firoomaa. Ijoollee durbaa keessan nuu kennaa; ijoollee durbaa keenya immoo ofii keessaniif fudhadhaa.+ 10  Nuu wajjin jiraachuu dandeessu; guutummaan biyya keenyaa isin dura jira. Biyyattii keessa jiraadhaa, ishii keessatti daldaladhaa, qabeenyas horadhaa.” 11  Achiis Sheekem abbaa ishii fi obboloota ishiitiin akkana jedhe: “Isin duratti fudhatama yoon argadhe, wanta isin na gaafattan akkamii iyyuu isiniif nan kenna. 12  Gabbaraa fi kennaa baayʼee guddaa taʼe na gaafachuu dandeessu.+ Wanta na gaafattan akkamii iyyuu isiniif kennuuf fedhii qaba. Shamarree tana qofa natti heerumsiisaa.” 13  Inni obboleettii isaanii Diinaa waan salphiseef,* ilmaan Yaaqoob Sheekemii fi abbaa isaa Hamooriin gowwoomsuuf murteessan. 14  Isaan akkana isaaniin jedhan: “Akkana gochuun wanta nu salphisu waan taʼeef, obboleettii teenya nama dhaqna hin qabanneef*+ matumaa kennuu hin dandeenyu. 15  Dhimma kana irratti walii galuu kan dandeenyu, isin akkuma keenya yoo taatanii fi dhiironni keessan hundi dhaqna yoo qabatan qofa dha.+ 16  Achiis ijoollee durbaa keenya isiniif ni kennina; ijoollee durbaa keessanis ofii keenyaaf ni fudhanna; isinii wajjin ni jiraanna; uummata tokkos ni taana. 17  Nu dhageessanii dhaqna hin qabattan taanaan garuu, intala teenya fudhannee deemna.” 18  Dubbiin isaanii kunis Hamooriinis+ taʼe Sheekem ilma Hamooriin+ ni gammachiise. 19  Dargaggeessichi intala Yaaqoob waan jaallateef, wanta isaan gaafatan hatattamaan raawwate;+ inni guutummaa mana abbaa isaa keessaa hundumaa caalaa kabajamaa ture. 20  Kanaafuu, Hamoorii fi ilmi isaa Sheekem gara karra magaalattii deemanii akkana jedhanii namoota magaalaa isaaniitti dubbatan:+ 21  “Namoonni kun nagaadhaan nuu wajjin jiraachuu barbaadu. Lafichi balʼaa waan taʼeef isaaniinis ni gaʼa; kanaafuu, isaan biyyattii keessa haa jiraatan; ishii keessattis haa daldalatan. Ijoollee durbaa isaanii fuudhuu dandeenya; ijoollee durbaa keenyas isaanitti heerumsiisuu dandeenya.+ 22  Namoonni kun nuu wajjin saba tokko taʼanii jiraachuuf kan walii galan garuu, akkuma isaan dhaqna qabatanitti dhiirri nu gidduutti argamu kam iyyuu yoo dhaqna qabate qofa dha.+ 23  Sana booda, qabeenyi isaanii, badhaadhinni isaanii fi horiin isaanii hundi kanuma keenya taʼa mitii ree? Kanaafuu, isaan nuu wajjin akka jiraataniif tole haa jennu.” 24  Warri karaa karra magaalattii baʼan hundis wanta Hamoorii fi ilmi isaa Sheekem jedhan ni dhagaʼan; dhiironni hundi, jechuunis warri karaa karra magaalattii baʼan hundi dhaqna ni qabatan. 25  Haa taʼu malee, guyyaa sadaffaatti utuma madaan isaanii hin qoorin ilmaan Yaaqoob lamaan Simiʼoonii fi Leewwiin warri obboloota Diinaa+ taʼan, goraadee isaanii fudhatanii eenyu iyyuu utuu isaan hin shakkin gara magaalattiitti seenanii dhiirota hundumaa ajjeesan.+ 26  Isaan Hamooriinii fi ilma isaa Sheekemiin goraadeedhaan ajjeesanii, mana Sheekem keessaa Diinaa fudhatanii deeman. 27  Isaan obboleettii isaanii waan salphisaniif,*+ ilmaan Yaaqoob warri kaan gara namoota ajjeefaman sanaa dhaqanii magaalattii saaman. 28  Bushaayee isaanii, horii isaanii, harroota isaanii, akkasumas wanta magaalattii keessa jiruu fi dirree keessa jiru hundumaa ni fudhatan. 29  Kana malees, qabeenya isaanii hundumaa ni fudhatan; ijoollee isaanii warra xixinnoo fi haadhotii manaa isaanii hundumaa ni boojiʼan; wanta mana keessa jiru hundumaas ni saaman. 30  Yeroo kanatti Yaaqoob Simiʼoonii fi Leewwiidhaan+ akkana jedhe: “Isin jiraattota biyya kanaa kan taʼan Kanaʼaanonnii fi Pheriizonni akka waan xiraaʼaatti akka na ilaalan gochuudhaan, rakkina guddaa anatti fiddaniittu.* Ani lakkoofsi koo xinnoo dha; isaanis na rukutuuf ana irratti walitti qabamuun isaanii hin oolu; anis taʼe manni koo guutummaatti haxaaʼamnee balleeffamna.” 31  Isaan garuu, “Eenyu iyyuu obboleettii teenya akka sagaagaltuutti lakkaaʼee wanta akkasii irratti haa raawwatuu ree?” jedhan.

Miiljaleewwan

Ykn., “ilaaluuf.”
Kal., “garaa shamarree sanaatti.”
Kal., “akka xureesse.”
Ykn., “Lubbuun ilma koo Sheekem intala keessanitti baayʼee maxxanteetti.”
Kal., “waan xureesseef.”
Kal., “nama qolofa qabuuf.”
Kal., “waan xureessaniif.”
Ykn., “akka of irraa na fageessan gootaniittu.”