Uumama 32:1-32
32 Sana booda Yaaqoob karaa isaa qajeele; maleekonni Waaqayyoos isa argatan.
2 Yaaqoob akkuma isaan argeen, “Kun buufata Waaqayyoo ti!” jedhe. Kanaafuu, maqaa iddoo sanaa Mahaanaayim* jedhee moggaase.
3 Achiis Yaaqoob gara obbolleessa isaa Esaawu isa biyya Seʼiir+ ishii naannoo* Edoom+ taate keessatti argamuutti of dura ergamtoota ni erge;
4 akkana jedhees isaan ajaje: “Esaawu gooftaa kootiin akkana jedhaa: ‘Tajaajilaan kee Yaaqoob akkana jedha: “Ani hamma ammaatti yeroo dheeraadhaaf Laabaanii wajjin jiraadheera.*+
5 Ani qotiyyoowwan, harroota, hoolota, tajaajiltoota dhiiraa fi durbaa argadheera;+ si duratti fudhatama argachuufis ergaa kana gara si gooftaa kootti ergeera.”’”
6 Boodas ergamtoonni sun gara Yaaqoobitti deebiʼanii, “Obboleessa kee Esaawuun arganneerra; innis si simachuuf dhufaa jira; namoonni 400s isaa wajjin jiru” isaan jedhan.+
7 Yeroo kanatti Yaaqoob baayʼee sodaate; ni dhiphates.+ Kanaafuu, namoota isaa wajjin turan, akkasumas bushaayeewwan, loonii fi gaalota isaa buufata lamatti hire.
8 Achiis, “Esaawu buufata tokko yoo rukute, buufanni inni kaan ooluu dandaʼa” jedhe.
9 Sana booda Yaaqoob akkana jedhe: “Waaqa abbaa kootii Abrahaamii fi Waaqa abbaa kootii Yisihaaq kan taate yaa Yihowaa, ati, ‘Gara biyya keettii fi gara firoottan keetti deebiʼi; anis sin eebbisa’ naan jetteetta;+
10 Ani jaalala amanamaa fi amanamummaa isa ati tajaajilaa keetti argisiiste kana hundumaa argachuuf gaʼumsa hin qabu;+ Yordaanos kana kanan ceʼe ulee koo qofa qabadheeni; kunoo, amma garuu ani buufata lama taʼeera.+
11 Ammas harka obboleessa koo Esaawu jalaa akka na oolchitun si kadhadha;+ inni dhufee ana, haadhotii kanaa fi ijoollee isaanii akka hin miine sodaadheera.+
12 Atis, ‘Ani dhugumaan sin eebbisa; sanyii kees akka cirracha galaanaa isa baayʼina isaatiin kan kaʼe lakkaaʼamuu hin dandeenyee nan godha’ naan jetteetta.”+
13 Halkan sanas achuma bule. Achiis qabeenya isaa keessaa muraasa fudhatee obboleessa isaa Esaawuuf kennaa godhee erguuf qopheesse:+
14 isaanis, reʼoota goromtii 200, reʼoota korbeeyyii 20, hoolota goromtii 200, hoolota xobbaallaa 20,
15 gaalota ilmoolee isaanii hoosisan 30, saawwan 40, qotiyyoowwan 10, harroota dhaltuu 20 fi wadala harree 10 turan.+
16 Achiis qoqqoodee tajaajiltoota isaatti erga isaan kennee booda, “Ana dura ceʼaa; tuuta tokko tuuta isa kan biraa irraa fageessaatii oofaa” isaaniin jedhe.
17 Tajaajilaa isaa isa jalqabaatiinis akkana jedhe: “Tarii obboleessi koo Esaawu si argatee, ‘Ati kan eenyuu ti? Eessa dhaqxa? Horiin si dura jiran kun kan eeyuu ti?’ yoo siin jedhe,
18 ati immoo, ‘Kan tajaajilaa kee Yaaqoobi. Kanneen kun kennaa gooftaa koo Esaawuuf ergamani dha;+ kunoo, innumti iyyuu nu duuba jira’ jettee isaaf deebista.”
19 Inni tajaajilaa isaa isa lammaffaa, isa sadaffaa fi warra horii oofan sana hundumaa akkana jedhee ajaje: “Esaawuun yommuu argattan, akkuma kana jettanii isaaf deebistu.
20 Kana malees, ‘Kunoo, tajaajilaan kee Yaaqoobis nu duuba jira’ isaan jedhaa.” Inni akkana kan godhe, ‘Of dura kennaa isaaf erguudhaan yoon isa sossobadhe,+ sana booda yommuun isa argutti gaarummaadhaan na simachuu dandaʼa’ jedhee waan yaadeef ture.
21 Kanaafuu, kennaan sun isa dura ni ceʼe; inni garuu halkan sana buufaticha keessa bule.
22 Boodas halkanuma sana kaʼee haadhotii manaa isaa lamaan,+ tajaajiltoota durbaa isaa lamaanii+ fi ilmaan isaa 11n fuudhatee malkaa Yaaboq ceʼe.+
23 Akka kanaan, isaaniin fuudhatee lagicha* gamatti ceesise; wanta qabu hundumaas ni ceesise.
24 Dhuma irrattis Yaaqoob kophaa isaa hafe. Achiis namichi tokko hamma lafti bariʼutti isaa wajjin waldhaansoo gochuu jalqabe.+
25 Innis akka isa hin moone yommuu hubatu, buusaa luqqeettuu isaa tuqe; yeroo isaa wajjin waldhaansoo gochaa turettis buusaan luqqeettuu Yaaqoob buqqaʼee ture.+
26 Sana booda inni, “Lafti waan bariʼeef, amma nan deema” jedhe. Yaaqoobis, “Hamma na eebbistutti si hin gadhiisu” isaan jedhe.+
27 Kanaafuu inni, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate; innis, “Yaaqoob” jedhee isaaf deebise.
28 Achiis inni, “Ati Waaqayyoo fi namootaa wajjin waldhaansoo qabdee+ dhuma irratti waan mooteef, kana booda maqaan kee Israaʼel* jedhama malee Yaaqoob hin jedhamu”+ isaan jedhe.
29 Yaaqoobis deebisee, “Maaloo, maqaa kee natti himi” jedhee isa gaafate. Inni garuu, “Maqaa koo maaliif na gaafatta?” isaan jedhe.+ Sana booda inni achitti isa eebbise.
30 Kanaafuu Yaaqoob, “Ani Waaqayyoon fuulleetti argeera; lubbuun koo garuu naaf oolteetti”+ jechuudhaan, maqaa iddoo sanaa Pheniʼel*+ jedhee moggaase.
31 Akkuma Phenuʼel* bira darbeenis aduun isa irratti ni baate; taʼus, inni sababii luqqeettuu isaatiin ni okkola ture.+
32 Ilmaan Israaʼel hamma harʼaatti ribuu tafaa isa buusaa luqqeettuu irratti argamu kan hin nyaanne kanaafi; sababiin isaas, namichi buusaa luqqeettuu Yaaqoob isa ribuu tafa isaa irratti argamu tuqee ture.
Miiljaleewwan
^ “Buufata Lama” jechuu dha.
^ Kal., “dirree.”
^ Ykn., “nama biyya ormaa taʼee jiraadheera.”
^ Ykn., “sululicha; laga isa gogaa.”
^ “Waaqayyoo Wajjin Waldhaansoo kan Qabatu (kan Dandamatu)” ykn “Waaqayyo Waldhaansoo ni Qabata” jechuu dha.
^ “Fuula Waaqayyoo” jechuu dha.
^ Ykn., “Pheniʼel.”