Wangeela Maarqos 9:1-50

  • Yesuus ni jijjiirame (1-13)

  • Mucaan jinniidhaan qabame ni fayye (14-29)

    • Nama amantii qabuuf wanti hundi ni dandaʼama (23)

  • Yesuus akka duʼu ammas raajiin ni dubbatame (30-32)

  • Barattoonni eenyu akka caalu wal falman (33-37)

  • Namni nu hin mormine kam iyyuu nu cinaa jira (38-41)

  • Wantoota gufachiisan (42-48)

  • “Keessa keessanitti soogidda qabaadhaa” (49, 50)

9  Itti fufees, “Dhuguman isiniin jedha, namoota as dhaabbatan keessaa jalqaba hanga Mootummaan Waaqayyoo humnaan dhufee arganitti matumaa kan hin duune tokko tokko jiru”+ isaaniin jedhe.  Yesuus guyyaa jaʼa booda Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisiin kophaa isaanii fudhatee gaara dheeraa tokkotti ol baʼe. Achiis inni isaan duratti ni jijjiirame;+  uffanni isaas uffata namni lafa irra jiru tokko miiccee addeessuu dandaʼu caalaa baayʼee adii taʼee calaqqise.  Eeliyaasii fi Museenis isaanitti mulʼatan; isaan Yesuusii wajjin dubbachaa turan.  Achiis Pheexiros Yesuusiin, “Rabbii, iddoo kana taʼuun keenya nuuf gaarii dha. Kanaafuu dunkaana sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokko immoo Eeliyaasiif haa dhaabnu” jedhe.  Isaan baayʼee sodaatanii waan turaniif, inni wanta dubbatu hin beeku ture.  Achiis duumessi tokko dhufee isaan haguuge; duumessicha keessaas sagaleen+ tokko, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa dha.+ Isa dhagaʼaa”+ jedhe.  Yommuu akka tasaa naannoo isaanii ilaalanis, Yesuus malee eenyu iyyuu isaanii wajjin hin turre.  Gaaricha irraa utuu buʼaa jiraniis, hanga Ilmi namaa duʼaa kaafamutti wanta argan eenyutti iyyuu akka hin dubbanne cimsee isaan ajaje.+ 10  Isaan wanta inni jedhe yaadatti kan qabatan* taʼus, duʼaa kaʼuun kun maal jechuu akka taʼe waliin mariʼatan. 11  Sana booda isaan, “Barsiisonni seeraa, Eeliyaas+ dursee dhufuu qaba kan jedhan maaliifi?”+ jedhanii isa gaafatan. 12  Innis akkana isaaniin jedhe: “Eeliyaas dursee dhufee waan hundumaa iddootti deebisa;+ garuu Ilmi namaa rakkinni hedduun irra gaʼuu+ fi tuffatamuu+ akka qabu kan barreeffame maaliifi? 13  Ani garuu isinitti nan hima, Eeliyaas+ dhufeera; isaan akkuma waaʼeen isaa barreeffametti wanta barbaadan isa irratti raawwataniiru.”+ 14  Isaan gara barattoota kaaniitti yommuu dhufan namoonni hedduun isaanitti marsanii argan; barsiisonni seeraas isaanii wajjin falmaa turan.+ 15  Haa taʼu malee, namoonni sun hundi akkuma isa arganiin baayʼee dinqisiifatanii nagaa isa gaafachuuf gara isaatti fiigan. 16  Innis, “Maal irratti isaanii wajjin wal falmaa jirtu?” jedhee isaan gaafate. 17  Namoota sana keessaa tokko akkana jedhee isaaf deebise: “Barsiisaa, ilmi koo hafuura arraba hidhuun waan qabameef gara keettan isa fide.+ 18  Yeroo isa qabatu hundumaatti lafatti isa kuffisa, afaan isaa hoomacha baasa, inni ilkaan isaa ni qara, humnas ni dhaba. Barattoonni kee akka keessaa baasan gaafadheen ture; isaan garuu kana gochuu hin dandeenye.” 19  Innis deebisee, “Dhaloota amantii hin qabne+ nana, hanga yoomiittan isinii wajjin tura? Hanga yoomiittanis isiniif obsa? Mucicha as natti fidaa”+ isaaniin jedhe. 20  Kanaafuu, mucicha isatti fidan; hafuurichi garuu akkuma isa argeen mucicha kuffisee dhidhiittachiise. Mucichis lafa irratti erga kufee booda, hoomacha afaanii baasaa gangalate. 21  Achiis Yesuus, “Erga akkas taʼuu jalqabee hammam taʼeera?” jedhee abbaa mucichaa gaafate. Innis akkana jedhe: “Ijoollummaa isaatii jalqabee ti; 22  isa ajjeesuuf yeroo baayʼee ibidda keessatti, akkasumas bishaan keessatti isa kuffisa. Wanti gochuu dandeessu yoo jiraate garuu garaa nuu laafiitii nu gargaari.” 23  Yesuusis, “‘Wanti gochuu dandeessu yoo jiraate’ jettee? Nama amantii qabuuf wanti hundi ni dandaʼama”+ isaan jedhe. 24  Abbaan mucichaas yeruma sana, “Nan amana! Amantii koo akkan cimsadhu na gargaari!”+ jedhee iyye. 25  Yesuus namoonni hedduun fiigaa gara isaanii dhufaa akka jiran yommuu argu hafuura xuraaʼaa sana, “Hafuura arraba namaa hiituu fi gurra namaa duuchitu nana, ani sin ajaja, isa keessaa baʼi, deebitees akka isatti hin galle!”+ jedhee ifate. 26  Hafuurichi erga iyyee fi baayʼee erga isa dhidhiittachiisee booda isa keessaa baʼe; mucichis waan duʼe fakkaate; kanaafuu, namoota sana keessaa hedduun isaanii “Inni duʼeera!” jedhan. 27  Yesuus garuu harka isaa qabee ol isa kaase; mucichis kaʼee dhaabbate. 28  Kanaafuu, erga mana tokkotti seenee booda barattoonni isaa, “Nuti isa baasuu kan dadhabne maaliifi?”+ jedhanii kophaatti isa gaafatan. 29  Innis, “Inni akkasii baʼuu kan dandaʼu kadhannaadhaan qofa dha” isaaniin jedhe. 30  Bakka sanaa baʼanii Galiilaa keessa darban; inni garuu waaʼee kanaa eenyu iyyuu akka beeku hin barbaanne. 31  Sababiin isaas, inni barattoota isaa barsiisuu barbaadee ture; inni, “Ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee ni kennama; isaanis isa ni ajjeesu;+ garuu kan ajjeefamu taʼus guyyaa sadii booda duʼaa ni kaʼa”+ jedhee isaanitti himaa ture. 32  Isaan garuu wanta inni dubbate hin hubanne; isa gaafachuus ni sodaatan. 33  Sana booda gara Qifirnaahom dhufan. Erga mana seenee boodas, “Karaa irratti waaʼee maalii wal falmaa turtan?”+ jedhee isaan gaafate. 34  Isaanis, isaan keessaa eenyu akka caalu karaa irratti wal falmaa waan turaniif ni callisan. 35  Kanaafuu, taaʼee warra Kudha Lamaan ofitti waamee, “Namni dura taʼuu barbaadu kam iyyuu, hundumaa boodaa fi tajaajilaa hundumaa haa taʼu”+ isaaniin jedhe. 36  Achiis mucaa xinnoo tokko fuudhee gidduu isaanii dhaabe; isa hammatees akkana isaaniin jedhe: 37  “Namni ijoollee xixinnoo+ akkanaa keessaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu anaanis ni simata; namni anaan simatu kam iyyuu immoo ana qofa utuu hin taʼin isa na erge sanas ni simata.”+ 38  Yohaannisis, “Barsiisaa, namni tokko maqaa keetiin utuu jinniiwwan baasuu isa argine; inni nama nu duukaa buʼu waan hin taaneef isa dhowwuuf yaalle”+ isaan jedhe. 39  Yesuus garuu akkana jedhe: “Namni maqaa kootiin dinqii hojjetee yeruma sana waaʼee koo wanta hamaa dubbachuu dandaʼu tokko illee waan hin jirreef, isa dhowwuuf hin yaalinaa. 40  Sababiin isaas, namni nu hin mormine kam iyyuu nu cinaa jira.+ 41  Dhuguman isiniin jedha, isin kan Kiristoos taʼuu keessaniin kan kaʼe namni bishaan kubbaayyaa tokko isiniif kennu+ kam iyyuu matumaa gatii isaa hin dhabu.+ 42  Haa taʼu malee, namni warra xixinnoo amantii qaban kana keessaa tokko gufachiisu kam iyyuu, dhagaan daakuu* morma isaatti hidhamee galaana keessatti yoo darbatame isaaf wayya.+ 43  “Harki kee yoo si gufachiise of irraa kuti. Harka lama qabaattee Gahaannam* isa ibiddi isaa dhaamuu hin dandeenyetti gatamuu mannaa, qaamni kee hirʼatee jireenya argachuu sii wayya.+ 44 * —— 45  Miilli kee yoo si gufachiise of irraa kuti. Miila lama qabaattee Gahaannamitti*+ gatamuu mannaa, naafa taatee jireenya argachuu sii wayya. 46 * —— 47  Akkasumas, ijji kee yoo si gufachiise baasii gati.+ Ija lama qabaattee Gahaannamitti* gatamuu mannaa, ija tokko qabaattee Mootummaa Waaqayyootti galuu sii wayya;+ 48  Gahaannam* keessatti raammoon isaa hin duʼu, ibiddi isaas hin dhaamu.+ 49  “Sababiin isaas, akkuma soogiddi firfirsamutti nama hundumaa irratti ibiddi firfirsamuu qaba.+ 50  Soogiddi gaarii dha; soogiddummaa isaa yoo dhabe garuu maaliin isa miʼeessitu?+ Keessa keessanitti soogidda qabaadhaa;+ walii wajjin nagaa qabaadhaa.”+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “eenyutti iyyuu kan hin himne.”
Ykn., “dhagaan daakuu harreedhaan naanneffamu.”