Wangeela Maarqos 8:1-38
-
Yesuus namoota 4,000 nyaachise (1-9)
-
Mallattoo akka isaanitti argisiisu gaafatan (10-13)
-
Raacitii Fariisotaa fi Heroodis (14-21)
-
Beetasaayidaatti namichi qaro dhabeessi ni fayye (22-26)
-
Pheexiros Kiristoosiin beeke (27-30)
-
Yesuus akka duʼu raajiin ni dubbatame (31-33)
-
Barattoota dhugaa taʼuu (34-38)
8 Yeroo sanatti ammas namoonni hedduun walitti ni qabaman; isaan wanta nyaatan hin qaban turan. Kanaafuu, inni barattoota isaa waamee akkana isaaniin jedhe:
2 “Namoonni kun guyyaa sadiif anaa wajjin turaniiru; wanta nyaatan waan hin qabneef ani isaaniif nan gadda.+
3 Hagabuu isaanii gara mana isaaniitti yoon isaan geggeesse, dadhabanii karaa irratti kukkufu; isaan keessaa tokko tokko fagoodhaa dhufan.”
4 Barattoonni isaa garuu, “Iddoo namni hin jirre kanaa, nyaanni nama kana hunda quubsu eessaa argamuu dandaʼa?” isaan jedhan.
5 Innis, “Daabboo meeqa qabdu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Torba”+ jedhan.
6 Achiis namoonni sun lafa irra akka tataaʼan ajaje. Sana booda daabboo torban sana fuudhee galateeffatee, caccabsee barattoonni isaa namootaaf akka hiraniif isaanitti kenne; isaanis namoota sanaaf ni hiran.+
7 Qurxummiiwwan xixinnoo muraasas qabu turan; isaaniinis erga eebbisee booda barattoonni isaa akka hiran itti hime.
8 Isaanis nyaatanii quufan; achiis hambaa irraa hafe guuboo guguddaa torba guutuu walitti qaban.+
9 Dhiironni achi turanis gara 4,000 turan. Sana boodas isaan geggeesse.
10 Yeruma sana barattoota isaa wajjin bidiruu yaabbatee gara naannoo Daalmaanutaa dhaqe.+
11 Iddoo kanatti Fariisonni isa qoruuf dhufanii samii irraa mallattoo akka isaanitti argisiisu gaafachuudhaan isa falmuu jalqaban.+
12 Kanaafuu, baayʼee gaddee hafuura baafatee, “Dhaloonni kun maaliif mallattoo barbaada?+ Dhuguman isiniin jedha, dhaloota kanaaf mallattoon tokko iyyuu hin kennamu”+ jedhe.
13 Sana booda isaan dhiisee ammas bidiruu yaabbatee galaanicha gamatti ceʼe.
14 Haa taʼu malee, barattoonni daabboo qabachuu waan irraanfataniif, daabboo tokkittii malee bidiruu sana keessaa homaa hin qaban turan.+
15 Yesuusis, “Of eeggadhaa; raacitii Fariisotaa fi raacitii Heroodis irraa of eegaa”+ jedhee ifatti isaan akeekkachiise.
16 Kanaafuu, isaan daabboo utuu hin qabatin hafuu isaanii ilaalchisee wal falmuu jalqaban.
17 Innis kana hubatee akkana isaaniin jedhe: “Daabboo utuu hin qabatin hafuu keessan ilaalchisee maaliif wal falmitu? Wantin isinitti himaa jiru isiniif hin gallee? Isin ammas hin hubannee? Garaan keessan amma iyyuu hubachuu hin dandeenyee?
18 ‘Utuu ija qabdanii hin argitanii? Utuu gurra qabdanii hin dhageessanii?’ Hin yaadattanii ree?
19 Yommuu ani daabboo shan+ dhiirota 5,000f caccabsetti hambaa irraa hafe guuboo meeqa guutuu sassaabdan?” Isaanis, “Kudha lama”+ isaan jedhan.
20 “Yommuun daabboo torba dhiirota 4,000f caccabsetti hoo hambaa irraa hafe guuboo guguddaa guutuu meeqa sassaabdan?” Isaanis, “Torba”+ isaan jedhan.
21 Achiis inni, “Maarree isin amma iyyuu hin hubannee?” isaaniin jedhe.
22 Boodas gara Beetasaayidaa dhufan. Iddoo kanatti namoonni nama qaro dhabeessa taʼe tokko gara isaa fidanii akka inni isa qaqqabu isa kadhatan.+
23 Innis namicha qaro dhabeessa sana harka isaa qabee ganda sana keessaa baase. Ija isaa irratti erga tufee+ boodas, harka isaa isa irra kaaʼee, “Wanti sitti mulʼatu jiraa?” jedhee isa gaafate.
24 Namichis ol jedhee ilaalee, “Namoonni natti mulʼatu; garuu muka deemaa jiru fakkaatu” jedhe.
25 Ammas harka isaa ija namichaa irra kaaʼe; namichis akka gaariitti ilaaluu jalqabe. Qaroon isaa waan isaaf deebiʼeef, wanta hunda adda baasee ilaaluu dandaʼe.
26 Sana booda, “Gara ganda sanaatti hin seenin” jedhee gara mana isaatti isa erge.
27 Yesuusii fi barattoonni isaa gara gandeen Qisaariyaa Filiphisiyus deemuu jalqaban; utuu deemaa jiraniis karaa irratti, “Namoonni eenyu anaan jedhu?”+ jedhee isaan gaafate.
28 Isaanis, “Yohaannis Cuuphaa,+ kaan garuu Eeliyaas,+ warri kaan immoo raajota keessaa tokko dha jedhu” isaan jedhan.
29 Innis, “Isin hoo eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate. Pheexirosis, “Ati Kiristoosi”+ jedhee isaaf deebise.
30 Achiis waaʼee isaa eenyutti iyyuu akka hin himne cimsee isaan ajaje.+
31 Akkasumas, Ilmi namaa rakkinni hedduun akka isa irra gaʼu, maanguddoonni, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa akka isa tuffatan, akka ajjeefamuu+ fi guyyaa sadii booda duʼaa akka kaʼu isaan barsiisuu jalqabe.+
32 Inni wanta kana ifatti dubbate. Pheexiros garuu kophaatti isa baasee isatti dheekkamuu jalqabe.+
33 Yeroo kanatti garagalee gara barattoota isaa ilaalee Pheexirosiin, “Seexana nana, duuba koo deemi! Ati yaada namaa malee kan Waaqayyoo hin yaaddu”+ jedhee ifate.
34 Yeroo kanatti namoota sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana isaaniin jedhe: “Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu; muka dhiphinaa isaa* baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.+
35 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni anaa fi misiraachichaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu garuu lubbuu isaa ni oolfata.+
36 Namni tokko guutummaa addunyaa kan isaa godhatee lubbuu isaa yoo dhabe maal isa fayyada?+
37 Namni tokko bakka lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?+
38 Dhaloota ejjaa* fi cubbamaa taʼe kana keessatti nama anaa fi dubbii kootti qaanaʼu hundatti, Ilmi namaa ulfina Abbaa isaatiin maleekota qulqulluu wajjin yommuu dhufu+ innis isatti ni qaanaʼa.”+