Ermiyaas 50:1-46

  • Raajii Baabilon irratti dubbatame (1-46)

    • Baabilon gidduudhaa baqadhaa (8)

    • Israaʼelonni gara biyya isaaniitti deebifamu (17-19)

    • Bishaan Baabilon ni goga (38)

    • Baabilon keessa namni hin jiraatu (39, 40)

50  Dubbiin Yihowaan Baabilon+ ishii biyya Kaladootaa taate ilaalchisee karaa Ermiyaas raajichaa dubbate isa kana:   “Saboota gidduutti kana labsaa, beeksisaas. Mallattoo* dhaabaa, kana beeksisaa. Wanta tokko iyyuu hin dhoksinaa! Akkana jedhaa: ‘Baabilon qabamteetti.+ Beel qaaneffameera.+ Merodaak sodaateera. Fakkiiwwan ishii qaaneffamaniiru. Waaqoliin tolfamoon ishii warri balfamoo* taʼan sodaataniiru.’   Sababiin isaas, sabni tokko kaaba irraa ishiitti dhufeera.+ Inni biyya ishii bakka sodaachisaa ni godha;Eenyu iyyuu ishii keessa hin jiraatu. Namnis taʼe horiin achi keessaa baqateera;Isaan achii deemaniiru.”  Yihowaan akkana jedha: “Guyyaa sanattii fi yeroo sanatti namoonni Israaʼelii fi namoonni Yihudaa waliin ni dhufu.+ Yommuu deemanis ni booʼu;+ waliin taʼanii Waaqa isaanii Yihowaa ni barbaaddatu.+  Isaan daandii gara Xiyoonitti geessu ni gaafatu; fuula isaanii kallattii sanatti deebisanii,+ ‘Kottaa, kakuu bara baraa isa hin irraanfatamneen Yihowaatti haa maxxannu’ jedhu.+  Sabni koo tuuta hoolota badanii taʼeera.+ Tiksitoonni isaanii karaa irraa akka isaan goran godhaniiru.+ Isaan gara gaarotaatti isaan oofanii gaaraa fi tabba irra akka jooran godhaniiru. Isaanis iddoo boqonnaa isaanii irraanfataniiru.  Warri isaan argatan hundi isaan ni nyaatan;+ diinonni isaaniis, ‘Isaan Yihowaa irratti, iddoo boqonnaa isa qajeelaa irrattii fi Yihowaa isa abdii abbootii isaanii taʼe irratti cubbuu waan hojjetaniif, nuti itti hin gaafatamnu’ jedhan.”   “Baabilon gidduudhaa baqadhaa,Biyya Kaladootaa keessaa baʼaa,+Akkuma horiiwwan bushaayee dura buʼanii deemanii taʼaa.   Sababiin isaas, kunoo ani biyya kaabaa irraa yaaʼii saboota guddaa tokko kaaseeBaabilon irratti nan fida.+ Isaan waraanaaf tarree galanii ishiitti ni dhufu;Ishiinis achiin ni qabamti. Xiyyawwan isaanii akkuma xiyya loltuu ti,Ijoollee malee isaan hambisu;+Isaan buʼaa malee hin deebiʼan. 10  Biyyi Kaladootaa ni boojiʼamti.+ Warri ishii irraa boojuu fudhatan hundis akka gaariitti ni quufu”+ jedha Yihowaan. 11  “Sababiin isaas, isin yommuu dhaala koo saamtanitti,+Gammaddaniittu,+ ililchitaniittus. Isin akkuma goromsa marga keessa jirtuutti lafa dhidhiittaniittu,Akkuma fardeen kormaattis himimsitaniittu. 12  Haati keessan qaanofteetti.+ Ishiin isin deesse gadditeetti. Kunoo, ishiin saboota gidduudhaa hundumaa irraa gad,Lafa onaa bishaan hin qabnee fi gammoojjii taateetti.+ 13  Dheekkamsa Yihowaatiin kan kaʼe, bakka namni keessa jiraatu hin taatu;+Ishiin guutummaatti ni onti.+ Namni Baabilon bira darbu kam iyyuu sodaadhaan ishii ilaala,Dhaʼicha ishii irra gaʼe hundumaatiin kan kaʼes ni siiqsa.+ 14  Isin warri iddaa dabsitan* hundi,Waraanaaf tarree galaatii kallattii hundumaatiin Baabilonitti kottaa. Ishiin cubbuu kan hojjette Yihowaa irratti waan taʼeef,+Xiyya ishiitti darbadhaa, homaas hin hambisinaa.+ 15  Kallattii hundumaatiin iyya waraanaa ishii irratti dhageessisaa. Ishiin harka kenniteetti. Yihowaan haaloo waan baʼeef,+Utubaawwan ishii kufaniiru, dallaawwan ishiis diigamaniiru.+ Haaloo ishii irratti baʼaa. Wantuma ishiin raawwatte ishii irratti raawwadhaa.+ 16  Isa midhaan facaasu,Isa yeroo makaraatti haamtuu qabatus Baabilon keessaa balleessaa.+ Goraadee gara jabeessa taʼeen kan kaʼe, tokkoon tokkoon isaanii gara saba isaaniitti deebiʼu,Tokkoon tokkoon isaaniis gara biyya isaaniitti baqatu.+ 17  “Sabni Israaʼel hoolota bittinnaaʼani dha.+ Leenconni isaan bittinneessaniiru.+ Jalqaba mootiin Asoor isaan ni nyaate;+ achiis Nebukadnezaar* mootiin Baabilon lafee isaanii ni caccabse.+ 18  Kanaafuu, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, wantuman mootii Asoor irratti raawwadhe,+ mootii Baabilonii fi biyya isaa irrattis nan raawwadha. 19  Israaʼeliin gara iddoo dheedichaa isaatti nan deebisa;+ innis Qarmeelos irra, Baashaan+ irra, gaarota Efreemii+ fi gaarota Giiliyaad+ irra ni dheeda, ni quufas.’” 20  Yihowaan akkana jedha: “Guyyaa sanattii fi yeroo sanatti,Warra akka jiraatan ani isaaniif heyyame sanaaf dhiifama waanan godhuuf,Yakki Israaʼel ni barbaadama,Garuu homtuu hin argamu,Cubbuun Yihudaas hin argamu.”+ 21  “Biyya Meraataayimittii fi jiraattota Pheeqoditti+ ol baʼi. Isaan haa ajjeefaman, guutummaattis haa balleeffaman”* jedha Yihowaan. “Wantan si ajaje hundumaa raawwadhu. 22  Biyyattii keessatti sagaleen waraanaa,Sagaleen badiisa guddaas ni dhagaʼama. 23  Burruusni guutummaa lafaa kan kutamee fi kan cabe akkamitti!+ Baabilon saboota gidduutti wanta sodaachisaa kan taate akkamitti!+ 24  Yaa Baabilon, ani kiyyoo siif kaaʼeera, atis qabamteetta,Ati kana hin hubanne. Ati kan mormite Yihowaa waan taʼeef,Ni argamte, ni qabamtes.+ 25  Yihowaan mana kuusaa isaa baneera,Meeshaawwan waraanaa dheekkamsa isaas gad ni baasa.+ Sababiin isaas, Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan RaayyaaBiyya Kaladootaa keessatti hojii tokko qaba. 26  Iddoowwan fagoo irraa ishii irratti kottaa.+ Gootaraawwan ishii banaa.+ Akkuma tuullaa midhaaniitti ishii tuulaa. Guutummaatti ishii balleessaa.+ Ishiin nama ishiidhaaf hafu tokko illee hin qabaatin. 27  Jiboota ishii hundumaa fixaa;+Isaan qalamuuf gad haa buʼan. Guyyaan isaanii,Yeroon itti qorataman waan dhihaateef, isaaniif wayyoo! 28  Waaqni keenya Yihowaan haaloo baʼuu isaa,Inni mana qulqullummaa isaatiif haaloo baʼuu isaa+ Xiyoon keessatti labsuuf,Sagaleen namoota baqachaa jiranii,Sagaleen namoota biyya Baabilon keessaa miliqaa jiraniis ni dhagaʼama. 29  Warra xiyya darbatan,Warra iddaa dabsan* hundumaas Baabilon irratti waamaa.+ Naannoo ishii hundumaatti marsaa; eenyu iyyuu akka miliqu hin godhinaa. Akka gocha ishiitti ishiidhaaf deebisaa.+ Wantuma ishiin raawwatte ishii irratti raawwadhaa.+ Sababiin isaas, ishiin Yihowaa irratti,Isa Qulqulluu kan Israaʼel irratti gocha of tuulummaa raawwatteetti.+ 30  Kanaafuu, dargaggoonni ishii addabaabayiiwwan ishii irratti ni kukkufu,+Loltoonni ishii hundis guyyaa sanatti ni dhumu”* jedha Yihowaan. 31  Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Yaa ishii didduu taate nana,+ kunoo, ani si irratti kaʼeera,+Sababiin isaas, guyyaan kee, yeroon ati itti adabamtu ni dhufa. 32  Yaa ishii didduu taate nana, ati ni gufatta, akkasumas ni kufta,Namni ol si kaasus hin jiru.+ Magaalota keetti ibidda nan qabsiisa,Innis wanta naannoo keetti argamu hundumaa ni nyaata.” 33  Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Sabni Israaʼelii fi sabni Yihudaa cunqurfamaniiru,Warri boojuudhaan isaan fudhatan hundis isaan qabataniiru.+ Isaan gadhiisuus didaniiru.+ 34  Haa taʼu malee, inni isaan furu jabaa dha.+ Maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.+ Biyyattiidhaaf boqonnaa kennuuf,+Jiraattota Baabilon irrattis jeequmsa fiduuf,+Inni dhugumaan dhimma seeraa isaanii irratti isaaniif ni falma.”+ 35  Yihowaan akkana jedha: “Kaladoota irratti,Jiraattota Baabilon irratti, bulchitoota ishii fi namoota ishii warra ogeeyyii taʼan irratti goraadeen luqqifameera.+ 36  Warra dubbii gatii hin qabne dubbatan* irratti goraadeen luqqifameera; isaanis gocha gowwummaa ni raawwatu. Loltoota ishii irratti goraadeen luqqifameera; isaanis ni sodaatu.+ 37  Fardeen isaanii fi gaariiwwan fardaa waraanaa isaanii irratti,Uummata walitti makamee fi ishii gidduutti argamu hundumaa irratti goraadeen luqqifameera,Isaanis akkuma dubartootaa ni taʼu.+ Qabeenya ishii irratti goraadeen luqqifameera, innis ni saamama.+ 38  Bishaanota ishii irratti badiisni dhufeera, isaanis ni gogu.+ Sababiin isaas, ishiin biyya fakkiiwwan bocamanii ti,+Mulʼata isaanii isa sodaachisaa taʼeen kan kaʼes isaan gocha maraatummaa ni raawwatu. 39  Kanaafuu, uumamawwan gammoojjii bineensota caraananii wajjin ni jiraatu,Guchiiwwanis ishii keessa ni jiraatu.+ Ishiin kana booda matumaa bakka namni keessa jiraatu hin taatu,Dhaloota hundumaa keessattis bakka jireenyaa hin taatu.”+ 40  Yihowaan akkana jedha: “Akkuma yeroo Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa,+ akkasumas magaalota ollaa isaanii turan garagalchetti+ taʼe, eenyu iyyuu achi hin jiraatu, namni tokko illees achi hin buufatu.+ 41  Kunoo, sabni tokko kaaba irraa ni dhufa;Sabni guddaanii fi mootonni guguddoonis,+Andaara lafaa irraa ni kaʼu.+ 42  Isaan iddaa fi eebootti ni fayyadamu.+ Isaan gara jabeeyyii dha; gara laafinas hin argisiisan.+ Yommuu fardeen isaaniitiin gulufanitti,Sagaleen isaanii akkuma galaana huursuu ti.+ Yaa intala Baabilon, isaan waraanaaf tarree galanii akkuma nama tokkootti sitti dhufu.+ 43  Mootiin Baabilon waaʼee isaanii oduu dhagaʼeera,+Harki isaas laafeera.+ Dhiphinni isa qabata,Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuus ni dhiphata. 44  “Kunoo, qaamni tokko akka leenca tusii gobbuu Yordaanos bira jiru keessaa baʼuutti iddoo dheedichaa amansiisaa taʼe kanatti ni dhufa; ani garuu yeruma sana ishii irraa akka baqatan nan godha. Isa filatame sanas ishii irratti nan muuda.+ Kan akka kootii eenyu? Kan na mormu hoo eenyu? Tikseen na dura dhaabbachuu dandaʼu isa kami?+ 45  Kanaafuu, yaa namootaa, murtoo Yihowaan Baabilon irratti dabarsee+ fi wanta inni biyya Kaladootaa irratti fiduu yaade dhagaʼaa. Ilmooleen bushaayee sanaa harkifamanii fudhatamuun isaanii hin oolu. Inni isaaniin kan kaʼe iddoo jireenyaa isaanii ona ni godha.+ 46  Sagalee yommuu Baabilon qabamtu dhagaʼamuun kan kaʼe lafti ni kirkirti,Saboota gidduuttis iyyi ni dhagaʼama.”+

Miiljaleewwan

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
Ykn., “Jirma mallattoo.”
Kal., “irra dhaabbattan.”
Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.
Ykn., “guutummaatti isaan balleessi.”
Kal., “irra dhaabbatan.”
Kal., “cal jechisiifamu.”
Ykn., “raajota sobaa.”