Ermiyaas 2:1-37
2 Dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:
2 “Dhaqiitii akkana jedhii Yerusaalemitti dubbadhu: ‘Yihowaan akkana jedha:
“Jaalala* ijoollummaa keetti naaf qabdu,+Jaalala yeroo naaf kaadhimatamtee turtetti natti argisiiste,+Lafa onaa keessatti, lafa sanyiin irratti hin facaafamne keessattis,Akkamitti na duukaa buʼaa akka turte akka gaariitti nan yaadadha.+
3 Israaʼel Yihowaadhaaf qulqulluu ture,+ oomisha isaa keessaas firii isa jalqabaa ture.”’
‘Kan isa nyaatu kam iyyuu yakkamaa taʼa ture.
Badiisni isaanitti ni dhufa ture’ jedha Yihowaan.”+
4 Yaa mana Yaaqoob,Isin maatiiwwan mana Israaʼel hundis, dubbii Yihowaa dhagaʼaa.
5 Yihowaan akkana jedha:
“Abbootiin keessan baayʼee kan na irraa fagaatan,Waaqolii tolfamoo gatii hin qabne duukaa buʼanii+ ofii isaaniitiifis gatii kan hin qabne kan taʼan,+Balleessaa akkamii na irratti argatanii ti?+
6 Isaan, ‘Yihowaan eessa jira?
Inni biyya Gibxiitii nu baase,+Inni lafa onaa keessatti,Biyya gammoojjii+ fi boolli itti baayʼatu keessatti,Biyya ongee+ fi dukkana cimaa keessatti,Biyya namni keessa hin deemne,Akkasumas namni keessa hin jiraanne keessatti nu geggeesse sun eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne.
7 Anis firii ishii fi wantoota gaggaarii ishii keessa jiran akka nyaattaniif,+Gara biyya maasii fuduraa qabdutti isin nan fide.
Isin garuu seentanii biyya koo xureessitan;Dhaala koos wanta jibbisiisaa gootan.+
8 Luboonni, ‘Yihowaan eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne.+
Warri Seericha barsiisan na hin beekne,Tiksitoonni na irratti fincilan,+Raajonni maqaa Baʼaaliin raajii dubbatan,+Warra faayidaa argamsiisuu hin dandeenye duukaas ni buʼan.
9 ‘Kanaafuu, ani kana caalaa isin nan morma,+Ilmaan ilmaan keessaniis nan morma’ jedha Yihowaan.
10 ‘Haa taʼu malee, gara qarqarawwan galaanaa* Kiitimitti+ ceʼaatii ilaalaa.
Eeyyee, gara Qeedaaritti+ dhaamsa ergaa, of eeggannoodhaanis itti yaadaa;Wanti kana fakkaatu raawwatamuu fi dhiisuu isaas ilaalaa.
11 Sabni warra waaqolii hin taaneen waaqolii isaa jijjiiree beeku jiraa?
Sabni koo garuu wanta faayidaa hin qabneen ulfina koo jijjiireera.+
12 Yaa samiiwwan, ajaaʼibsiifannaadhaan wanta kana ilaalaa;Naasuu guddaadhaanis holladhaa’ jedha Yihowaan.
13 ‘Sababiin isaas, sabni koo wantoota hamoo taʼan lama raawwateera:
Isaan ana isa madda bishaan jireenyaa taʼe dhiisaniiru,+Ofii isaaniitiifis boollawwan bishaanii,Boollawwan bishaanii urataa taʼan warra bishaan qabachuu hin dandeenye qotataniiru.’*
14 ‘Israaʼel tajaajilaa yookiin garbicha mana keessatti dhalate dhaa?
Saamichaaf dabarfamee kan kenname maaliifi ree?
15 Leenconni saafelli isa irratti ni baroodan;+Isa irratti ni iyyan.
Biyya isaas iddoo sodaachisaa ni godhan.
Namni tokko illee achi akka hin jiraanneef, magaalonni isaa ibiddaan ni gubaman.
16 Namoonni Noofii*+ fi Xaafnes+ gubbee mataa keetii ni nyaatu.
17 Utuma inni daandii irratti si geggeessaa jiruu,Ati Waaqa kee Yihowaa dhiisuudhaan,+Ofuma irratti kana hin fidnee?
18 Maarree, bishaanota Shihoor* dhuguuf
Daandii gara Gibxiitti geessu kan hawwite maaliifi?+
Bishaanota Lagichaa* dhuguufisDaandii gara Asooritti geessu kan hawwite maaliifi?+
19 Hamminni kee si sirreessuu,Amanamummaa dhabuun kees si adabsiisuu qaba.
Waaqa kee Yihowaa dhiisuunHammam hamaa fi hadhaaʼaa akka taʼe beeki, hubadhus;+Ati na hin sodaanne’+ jedha Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
20 ‘Bara dheeraa dura waanjoo* kee nan caccabse,+Funcaawwan kees nan kukkute.
Ati garuu, “Ani hin tajaajilu” jetteetta,Dhuguma iyyuu ati tabba ol kaʼaa hundumaa irrattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti+Dugda keetiin ciistee sagaagalummaa raawwatteetta.+
21 Ani akka muka wayinii diimaa isa filatame, isa sanyiin isaa guutummaatti qulqulluu taʼe godheen si dhaabe;+Maarree, ati akkamitti ana duratti damee muka wayinii biyya ormaa isa gatii hin qabne taʼuu dandeesse?’+
22 ‘Ati soodaadhaan* yoo dhiqattee fi saamunaa hedduutti yoo fayyadamte iyyuu,Yakka keetiin kan kaʼe amma iyyuu na duratti xurooftuu dha’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
23 Ati akkamitti, ‘Ani of hin xureessine.
Baʼaal duukaas hin buune’ jechuu dandeessa?
Daandii kee isa sulula keessatti argamu ilaali.
Wanta raawwattes hubadhu.
Ati akkuma gaala dhaltuu saffisa qabdu,Ishii kaayyoo malee daandiiwwan ishii irra asii fi achi fiigduu ti,
24 Akka harree bosonaa ishii lafa onaa barte,Ishii kajeellaa ishiitiin* qilleensa suuftuu ti.
Yommuu kajeellaa keessa jirtutti eenyutu ishii dhowwuu dandaʼa?
Warri ishii barbaadan hundi of dadhabsuun isaan hin barbaachisu.
Waqtii* ishiitti ishii ni argatu.
25 Fiiguu dhiisi, taʼuu baannaan miilli kee qullaatti hafa,Qoonqoon kees dheebuudhaan goga.
Ati garuu, ‘Kun abdii hin qabu!+
Hin taʼu, ani jaalala warra ormaatiin* qabameera,+Isaan duukaas nan buʼa’ jette.+
26 Hattuun tokko yeroo qabamutti akkuma qaanaʼu,Manni Israaʼel qaanaʼeera,Isaan, mootonni isaanii fi bulchitoonni isaanii,Luboonni isaanii fi raajonni isaanii qaanaʼaniiru.+
27 Isaan mukaan, ‘Ati abbaa koo ti,’+Dhagaadhaanis, ‘Situ na daʼe’ jedhu.
Anatti garuu fuula isaanii utuu hin taʼin dugda isaanii garagalchu.+
Yeroo rakkinni isaan irra gaʼutti immoo,‘Kaʼiitii nu oolchi!’ jedhu.+
28 Waaqoliin kee warri ofiif tolfatte eessa jiru?+
Yaa Yihudaa, waaqoliin kee akkuma magaalota keetti hedduu waan taʼaniif,Mee yoo dandaʼan kaʼanii yeroo rakkina keetti si haa oolchan.+
29 ‘Yeroo hundumaa kan na morkattan maaliifi?
Hundi keessan na irratti kan finciltan maaliifi?’+ jedha Yihowaan.
30 Ani akkanumaanan ilmaan keessan rukute.+
Isaan homaa adaba hin fudhanne;+Akkuma leenca riphee eeggatuuttiGoraadeen keessan raajota keessan ni nyaate.+
31 Yaa dhaloota nana, ofuma keessaniif dubbii Yihowaa qoradhaa.
Ani Israaʼelitti akka lafa onaaYookiin akka biyya dukkana nama dhiphisu qabuu taʼeeraa?
Sabni koo kun, ‘Gara barbaanne deemna.
Kana booda gara kee hin dhufnu’ kan jedhan maaliifi?+
32 Durbi faayawwan ishii,Misirroonis sabbata ishii isa miidhagfame* ni irraanfattii?
Sabni koo garuu guyyoota hammana hin jedhamneef na irraanfateera.+
33 Yaa dubartii nana, ati jaalala barbaacha of eeggannoodhaan daandii kee qopheeffatteetta!
Daandiiwwan hamminaa irra deemuuf of leenjisteetta.+
34 Uffanni kee dhiiga namoota hiyyeeyyii* balleessaa hin qabneetiin xuraaʼeera;+Yommuu isaan mana kee cabsanii seenan kanan hin argine taʼus,Dhiiga isaanii uffata kee hundumaa irratti argaan jira.+
35 Ati garuu, ‘Ani qulqulluu dha.
Dheekkamsi isaa dhugumaan na irraa deebiʼeera’ jetta.
Ati, ‘Ani cubbuu hin raawwanne’ waan jettuuf,Amma ani si irratti murtii nan dabarsa.
36 Ati daandii kee isa jijijjiiramu kana akka laayyootti kan ilaaltu maaliifi?
Akkuma warri Asoor si qaanessanitti,+Warri Gibxiis si qaanessu.+
37 Kanaan kan kaʼes adda kee qabattee gad baata,+Sababiin isaas, Yihowaan warra itti amanamte sana tuffateera;Isaan milkaaʼina siif hin argamsiisan.”
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Jaalala amanamaa.”
^ Ykn., “odolawwan.”
^ Ykn., “bocanii baasaniiru” tarii qarsaa keessaa.
^ Ykn., “Memfiis.”
^ Jechuunis, laga Laga Abbayyaa irraa yaaʼu.
^ Jechuunis, Efraaxis.
^ Jechuunis, harqoota, qambara.
^ Ykn., “alkaalaayiidhaan.”
^ Ykn., “dharraa lubbuu ishiitii.”
^ Kal., “Jiʼa.”
^ Ykn., “waaqolii biyya ormaatiin.”
^ Ykn., “sabbata guyyaa cidha ishii.”
^ Ykn., “lubbuuwwan.”