Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 41

Ijoollee Waaqayyoon Gammachiisan

Ijoollee Waaqayyoon Gammachiisan

IJOOLLEE lafarra jiraatan keessaa hunda caalaa Yihowaa kan gammachiise eenyu akka taʼe beektaa?— Ilmasaa Yesusidha. Mee wantoota Yesus Abbaasaa isa samii gammachiisuuf raawwate haa ilaallu.

Maatiin Yesus, Yerusaalem bakka manni qulqullummaa Yihowaa inni bareedaan itti argamurraa adeemsa guyyaa sadii fagaatanii jiraatu turan. Yesus mana qulqullummaa sana “mana abbaa koo” jedhee waameera. Inniifi maatiinsaa waggaa waggaadhaan ayyaana Faasikaarratti argamuuf achi dhaqu turan.

Yommuu Yesus umriinsaa waggaa 12 ture, maatiinsaa ayyaana Faasikaa erga kabajanii booda gara manasaaniitti deebiʼuu jalqaban. Erga aduun dhihee booda iddoo bulan yommuu gaʼan, Yesus firootaafi michootasaanii gidduu akka hin jirre hubatan. Kanaaf yeruma sana Maariyaamiifi Yoseef, Yesusiin barbaacha gara Yerusaalemitti deebiʼan. Yeroo kanatti Yesus eessa kan ture sitti fakkaata?—

Mana qulqullummaa keessatti isa argatan. Achitti barsiisota dhaggeeffachaafi gaaffii isaan gaafachaa ture. Yommuu gaaffii isa gaafatanis deebii isaaniif kenna ture. Isaanis deebii gaarii inni kennutti ni dinqisiifamu turan. Waaqayyo Ilmasaatti kan gammade maaliif akka taʼe hubattee?—

Dhumarratti Maariyaamiifi Yoseef yommuu Yesusiin argatan baayʼee akka gammadan beekamaadha. Yesus garuu, manni qulqullummaa bakka gaarii akka taʼe waan beekuuf homaa hin yaaddofne. Kanaaf, “Mana abbaa koo keessatti argamuun akka ana irra jiru hin beektan turtanii?” jedhee isaan gaafate. Yesus manni qulqullummaa mana Waaqayyoo akka taʼe beeka ture; iddoo kanatti argamuunis isa gammachiisa ture.

Sana booda Maariyaamiifi Yoseef ilmasaanii Yesusiin fudhatanii gara biyyasaanii Naazireetitti deebiʼan. Yesus warrasaatti amala akkamii argisiisaa kan ture sitti fakkaata?— Macaafni Qulqulluun, “Isaaniif abboomamaas jiraate” jedha. Kana jechuun maal jechuu sitti fakkaata?— Isaaniif ajajamaa ture jechuudha. Eeyyee, tarii boolla keessaa bishaan waraabuu dabalatee, wanta warrisaa isa ajajan hunda ni raawwata ture.—Luqaas 2:41-52.

Yesus ijoollummaasaatti Waaqayyoon kan gammachiise akkamitti?

Mee yaadi: Yesus mudaa kan hin qabne yoo taʼellee, warrasaa warra mudaa qabaniif ajajameera. Kana gochuunsaa Waaqayyoon gammachiiseeraa?— Macaafni Qulqulluun, “Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa!” jechuudhaan ijoollee waan gorsuuf akka isa gammachiise beekamaadha. (Efesoon 6:1) Atis akkuma Yesus warrakeetiif yoo ajajamte Waaqayyoon ni gammachiista.

Karaan Waaqayyoon gammachiisuu itti dandeessu inni kaanimmoo, waaʼeesaa namootatti himuudha. Namoonni tokko tokko, kun wanta ijoollee xixinnoon gochuu qaban miti jedhu taʼa. Bara Yesus lafarra turetti yeroo ijoollee xixinnoon akkas godhan, namoonni gurguddaan isaan dhowwuu barbaadanii turan. Yesus garuu namoota kanaan, ‘Caaffata Qulqullaaʼoo keessaa, “Mucooliinii fi daaʼimoonni afaan isaaniitiin akka si galateeffatan goote” kan jedhu takkaa hin dubbifnee ree?’ isaaniin jedheera. (Maatewos 21:16) Kanaaf, fedhii yoo qabaanne hundi keenya waaʼee Yihowaafi inni Waaqa gaarii akkamii akka taʼe namoota kaanitti himuu dandeenya. Akkas yoo goone Waaqayyoon ni gammachiisna.

Waaʼee Waaqayyoo wanta warra kaanitti himnu eessaa barachuu dandeenya?— Mana keenyatti Macaafa Qulqulluu qoʼachuudhaan barachuu dandeenya. Haataʼu malee, bakka sabni Waaqayyoo barachuuf itti walgaʼan dhaquudhaanis caalaatti barachuu dandeenya. Maarree, sabnisaa warra kam akka taʼan akkamitti beekuu dandeenya?—

Namoonni kun bakka walgaʼiisaaniitti maal godhu? Dhuguma wanta Macaafa Qulqulluu keessatti argamu barsiisuu? Macaafa Qulqulluu dubbisanii irratti ni mariʼatuu? Karaan Waaqayyoon itti dhaggeeffannu kana taʼuu qaba mitiiree?— Walgaʼii Kiristiyaanaarratti wanta Waaqayyo jedhe dhagaʼuun keenya sirrii mitii?— Haataʼu malee, namoonni kaan akka Macaafni Qulqulluun jedhutti jiraachuun si hin barbaachisu yoo siin jedhanoo? Namoonni akkasii saba Waaqayyooti jettee yaaddaa?—

Wanti irratti yaaduu qabnu garabiraanis jira. Macaafni Qulqulluun sabni Waaqayyoo, ‘saba maqaasaatiif’ taʼu akka taʼe dubbata. (Hojii Ergamootaa 15:14, hiika bara 1899) Maqaan Waaqayyoo Yihowaa waan taʼeef, Waaqnisaanii Yihowaa taʼuusaa namoota gaafachuu dandeenya. Miti yoo nuun jedhan, namoonni kun sabasaa akka hin taane hubanna. Sabni Yihowaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoos namootatti ni himu. Abboommiiwwansaa eeguudhaanis Waaqayyoon akka jaallatan argisiisu.—1 Yohannis 5:3.

12 Namoota wantoota kana hunda godhan yoo beekte, waaqeffannaadhaaf walgaʼii isaan godhanirratti argamuu qabda. Walgaʼiiwwan akkasiirratti xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuufi gaaffiiwwan gaafatamaniif deebii kennuuf yaali. Yesus yommuu mana Waaqayyoo keessa ture akkas godheera. Atis yoo akkas goote, akkuma Yesus Waaqayyoon gammachiisuu dandeessa.

Ijoollee Macaafa Qulqulluu keessatti Waaqayyoon akka gammachiisan ibsaman kan biraa beektaa?— Isaan keessaa fakkeenyi inni guddaan Ximotewosidha. Abbaansaa nama Yihowaatti hin amanne ture. Haatisaa Ewuniiqeeniifi akkoonsaa Looyis garuu Yihowaatti ni amanu turan. Ximotewos isaan dhaggeeffachuudhaan waaʼee Yihowaa barateera.

Ximotewos abbaansaa Yihowaatti kan hin amanne taʼus, maal gochuu barbaada ture?

Ximotewos yommuu guddatu, Phaawulos ergamaan gara magaalaa inni jiraatu dhaqe. Phaawulos, Ximotewos Yihowaa tajaajiluuf fedhii guddaa akka qabu hubate. Kanaaf, Phaawulos Ximotewos isaa wajjin deemee caalaatti Waaqayyoon akka tajaajilu isa afeere. Bakka dhaqan hundatti waaʼee Mootummaa Waaqayyoofi waaʼee Yesus namootatti himu turan.—Hojii Ergamootaa 16:1-5; 2 Ximotewos 1:5; 3:14, 15.

Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun waaʼee ijoollee dhiiraa Waaqayyoon gammachiisanii qofa dubbataa?— Matumaa. Intala biyya Israaʼel Waaqayyoon gammachiiste tokko akka fakkeenyaatti ilaali. Bara sanatti sabni Sooriyaafi sabni Israaʼel diinota walii turan. Gaaf tokko warri Sooriyaa Israaʼeloota waraananii, intala kana boojuudhaan gara biyyasaaniitti fudhatan. Isheenis gara mana ajajaa loltoota waraanaa Naʼamaan jedhamuutti geeffamte. Achittis hojjettuu haadha manaa Naʼamaan taate.

Naʼamaan dhukkuba qaama namaa kukkutuun qabamee ture. Ogeessi fayyaa kamiyyuu isa fayyisuu hin dandeenye. Intalli biyya Israaʼelii dhufte kun, raajiin Waaqayyoo tokko isa fayyisuu akka dandaʼu ni amanti turte. Naʼamaaniifi haati manaasaa garuu Yihowaa hin waaqeffatan turan. Maarree intalli kun wanta beektu kana isaanitti himuu qabdii? Utuu si taʼee maal goota turte?—

Intalli xinnoon biyya Israaʼel kun, Waaqayyoon kan gammachiiste akkamitti?

Intalli kun, ‘Naʼamaan gara raajicha Samaariyaa jiruu utuu dhaqee, dhukkubasaa kanarraa ni fayya ture’ jette. Naʼamaanis intalattii dhagaʼee gara raajii Yihowaa dhaqe. Wanta raajichi isatti hime yommuu godhu ni fayye. Kunis, Naʼamaan Waaqa dhugaa akka waaqeffatu isa godheera.—2 Mootota 5:1-15.

Atoo akkuma intala xinnoo sanaa, namni tokko waaʼee Yihowaafi wanta inni gochuu dandaʼu akka baratu gargaaruu ni barbaaddaa?— Eenyuunfaa gargaaruu dandeessa?— Jalqabarratti namoonni kun gargaarsi akka isaan barbaachisu itti hin dhagaʼamu taʼa. Haataʼu malee, wantoota gaggaarii Yihowaan raawwate isaanitti himuu dandeessa. Sana booda si dhaggeeffachuu dandaʼu. Kana gochuunkee Waaqayyoon akka gammachiisu beekamaadha.

Yaanni ijoolleen Waaqayyoon tajaajiluudhaan akka gammadan jajjabeessu garabiraan, Faarfannaa 122:1; 148:12, 13; Lallaba 12:1; 1 Ximotewos 4:12 fi Ibroota 10:23-25⁠rratti argama.