Faarfannaa 122:1-9
Faarfannaa Ol Baʼuu. Faarfannaa Daawit.
122 “Gara mana Yihowaa haa dhaqnu!”
Yommuu naan jedhan nan gammade.+
2 Ammas yaa Yerusaalem,Miilli keenya karrawwan kee keessa dhaabbateera.+
3 Yerusaalem akka magaalaa wal qabatteeTokko taateetti ijaaramteetti.+
4 Gosoonni, gosoonni Yaah,*Akka yaadachiisa Israaʼeliif kennameetti,Maqaa Yihowaatiif galata galchuuf,Gara ishiitti ol baʼaniiru.+
5 Sababiin isaas, teessoowwan murtii,Teessoowwan mana Daawit+ achi dhaabamaniiru.+
6 Nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa.+
Yaa magaalaa nana, warri si jaallatan tasgabbii argatu.
7 Yeroo hunda nagaan dallaawwan ittisaa kee* keessa,Tasgabbiinis masaraawwan kee warra ciccimoo taʼan keessa haa jiraatu.
8 Ani obboloota koo fi michoota kootiif jedhee,“Nagaan si keessa haa jiraatu” nan jedha.
9 Mana Waaqa keenya Yihowaatiif jedhee,+Wanta gaarii siif nan hawwa.
Miiljaleewwan
^ Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
^ Ykn., “dallaawwan kee warra jajjaboo.”