Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 30

Wantoota Sodaa Keenya Moʼuuf Nu Gargaaran

Wantoota Sodaa Keenya Moʼuuf Nu Gargaaran

YIHOWAA tajaajiluun salphaa sitti fakkaataa?— Barsiisaa Guddichi kana gochuun salphaadha hin jenne. Yesus galgala ajjeefamuusaa dura turetti ergamootasaatiin, “Biyyi lafaa yoo isin jibbe, isin dura akka ana jibbe beekaa!” jedhee ture.—Yohannis 15:18.

Yeroo kanatti Phexros Yesusiin dhiisee akka hin baqanne of jajuudhaan dubbatee ture; Yesus garuu Phexros galgaluma sana al sadii akka isa ganu itti himeera. Wanti Phexros godhes kanuma ture. (Maatewos 26:31-35, 69-75) Haataʼu malee, kun taʼuu kan dandaʼe maaliifi?— Phexrosis taʼe ergamoonni Yesus garabiraan waan sodaataniif ture.

Ergamoonni Yesus maaliif akka sodaatan beektaa?— Wanta barbaachisaa taʼe tokko utuu hin godhin waan hafaniif ture. Wanta kana beekuun keenya, namni tokko wanta fedhe yoo nuun jedhe ykn yoo nurratti raawwate sodaa malee Yihowaa tajaajilluuf nu gargaara. Jalqaba garuu, galgala Yesus yeroo dhumaatiif ergamootasaa wajjin dabarsetti wanta raawwatame ilaaluun keenya barbaachisaadha.

Yesusiifi ergamoonnisaa jalqabarratti Ayyaana Faasikaa waliin kabajan. Ayyaanni kunis, sabni Waaqayyoo waggaa waggaadhaan nyaata adda taʼe qopheessanii guyyaa garbummaa Gibxii jalaa walaba itti baʼan yaadachuuf kabajan ture. Sana booda Yesus nyaata adda taʼe kan biraa tokko qopheesse. Nyaanni kun, Yesusiin yaadachuuf akkamitti akka nu gargaaru boqonnaa gara boodaarratti baranna. Yesus ergamootasaa wajjin nyaata sana erga nyaateefi erga isaan jajjabeessee booda, gara dhaaba Getesemaaneetti isaan geesse. Yesusiifi ergamoonnisaa yeroo baayʼee iddoo kana dhaquu jaallatu turan.

Yesus kophaasaa kadhachuudhaaf dhaaba sana keessatti isaan dhiisee adeeme. Yeroo kanatti Phexros, Yaaqoobiifi Yohannisis akka kadhatan kan isaanitti hime taʼuyyuu, isaan garuu ni rafan. Yesus kophaasaa kadhachuudhaaf al sadii kan adeeme siʼa taʼu, al sadanuu yommuu deebiʼee dhufu Phexrosiifi hiriyoonnisaa kun rafanii turan. (Maatewos 26:36-47) Ergamoonni Yesus dammaqanii kadhachuu qabu turan kan jennu maaliif akka taʼe beektaa?— Mee waaʼee kanaa haa mariʼannu.

Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis dammaqanii eeguun kan isaan barbaachise maaliifi?

Yeroo kanatti Yihudaa isa nama biyya Keriyot ture dabalatee, ergamoonnisaa Yesusii wajjin Ayyaana Faasikaa kanarratti argamanii turan. Yihudaan hattuu akka taʼe ni yaadatta. Ammammoo gantuu taʼeera. Yesusiifi ergamoonnisaa yeroo baayʼee bakka dhaaba Getesemaanee kanatti akka wal gaʼan waan beekuuf, loltoota fidee Yesusiin qabsiise. Yihudaafi loltoonni sun yommuu achi gaʼan Yesus, “Eenyuun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.

Loltoonni sunis, ‘Yesusiin barbaanna’ jedhanii deebisaniif. Yeroo kanatti Yesus utuu hin sodaatin, “Innoo, ana” jedhee deebiseef. Loltoonni kun ija jabina Yesusitti naʼanii, gara duubaatti deebiʼanii kukkufan. Achiis Yesus, ‘Ana barbaaddu yoo taʼe, bartootakoo kana dhiisaa, haa deeman!’ jedheen.—Yohannis 18:1-9.

Loltoonni sun Yesusiin qabanii yommuu harkasaa hidhan, ergamoonnisaa sodaatanii baqatan. Phexrosiifi Yohannis garuu wanta raawwatamaa jiru beekuu waan barbaadaniif fagoodhaa isaan hordofaa turan. Dhumarrattis Yesus gara mana Qayyaafaa isa angafa lubootaa turetti geeffame. Angafni lubootaa kun Yohannisiin waan beekuuf, dubartiin karra manasaa eegdu inniifi Phexros akka ol galan isaaniif heyyamte.

Luboonni Yesusirratti murtoo dabarsuuf mana Qayyaafaatti wal gaʼan. Namoonni kun Yesus akka ajjeefamu gochuu barbaadu turan. Kanaaf, namoota isarratti ragaa sobaa dhiheessan qopheessan. Yeroo kanatti namoonni kaan abootteefi kaballaadhaan Yesusiin rurrukutuu jalqaban. Yeroo kana hundatti Phexros achuma ture.

Dubartiin dallaa eegduufi Phexrosiifi Yohannisiin ol galchite sun eenyummaa Phexros waan hubatteef, ‘Atis Yesus wajjin turte!’ jetteen. Phexros garuu Yesusiin beekuusaallee ni haale. Yeroo muraasa boodammoo dubartii garabiraan tokko eenyummaa Phexros kan beekte siʼa taʼu warra achi dhaabataniin, ‘Namichi kun Yesus wajjin ture’ jette. Yeroo kanattis Phexros Yesusiin akka hin beekne dubbate. Takka tureemmoo gareen namootaa tokko Phexrosiin arganii, “Ati dhuguma isaan keessaa tokko” jedhaniin. Phexrosis yeroo sadaffaadhaaf, “Namicha kana ani hin beeku” jedhee gane. Yeroo kanatti Phexros kan kakate siʼa taʼu, Yesusis garagalee isa ilaale.—Maatewos 26:57-75; Luqaas 22:54-62; Yohannis 18:15-27.

Phexros sodaatee Yesusiin hin beeku jedhee kan sobe maaliifi?

Phexros kan sobe maaliif akka ture beektaa?— Waan sodaateefidha. Garuu maaliif sodaate? Ija jabina qabaachuufhoo maal gochuu qaba ture? Mee dhimma kanarratti yaadi. Yesus ija jabina argachuuf maal godhee ture?— Kadhannaa kan dhiheesse siʼa taʼu, Waaqayyos ija jabina isaa kenneera. Yesus Phexros akka kadhatuufi dammaqee akka eegu al sadii itti himee akka tures yaadadhu. Haataʼu malee maaltu raawwatameree?—

Yeroo kana hundatti Phexros rafee waan tureef hin kadhanne; akkasumas dammaqinaan hin eegne. Kanaaf yommuu Yesus qabamu baayʼee naʼe. Achiis yeroo Yesusirratti murteessan, yeroo isa rukutaniifi akka ajjeefamu isarratti mariʼatan, Phexros baayʼee sodaate. Yesus garuu saʼaatii muraasa dura, maaltu akka isaanirra gaʼu itti himee ture?— Biyyi lafaa akkuma isa jibbe, isaaniinis akka jibbu isaanitti himeera.

Atis akkuma Phexros haalli akka sodaattu si godhu akkamii si mudachuu dandaʼa?

Mee amma wanta Phexrosirra gaʼeefi nurras gaʼuu dandaʼu tokko haa ilaallu. Fakkeenyaaf, ijoolleen kutaa keessatti namoota alaabaadhaaf ulfina addaa hin kennineefi Ayyaana Qillee hin kabajne ilaalchisee wantoota gadhee dubbachaa jiru haa jennu. Barataan tokko sitti garagalee, “Atis alaabaadhaaf ulfina adda taʼe hin kennitu jedhan, kun dhugaadhaa?” utuu siin jedhee ykn warri kaanimmoo, “Ati ayyaana Qilleellee akka hin kabajne dhageenyeerra” utuu siin jedhanii maal goota? Dhugaasaa itti himuuf ni sodaattaa?— Yookiinimmoo akkuma Phexros sobuuf ni qoramtaa?—

Sana booda garuu Phexros, Yesusiin hin beeku jedhee ganuusaatti baayʼee gaddeera. Dogoggora akkamii akka raawwate yommuu hubatu, gadi baʼee booʼuu jalqabe. Haataʼu malee, Phexros Yesusiin akka ganetti hin hafne. (Luqaas 22:32) Mee dhimma kanarratti yaadi. Nuyis akkuma Phexros sodaannee wanta inni dubbatee wajjin wal fakkaatu akka hin dubbanne maaltu nu gargaaruu dandaʼa?— Phexros kadhachuufi dammaqinaan eeguu dhiisee akka ture yaadadhu. Nutoo duuka buutota Barsiisaa Guddichaa taʼuu yoo barbaanne maal gochuu qabna jettee yaadda?—

Gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhachuu akka qabnu beekamaadha. Yesus yeroo kadhatu, Waaqayyo maal akka isaaf godhe beektaa?— Ergamaasaa ergee akka isa jajjabeessu godheera. (Luqaas 22:43) Ergamoonni Waaqayyoo nuunoo nu gargaaruu dandaʼuu?— Macaafni Qulqulluun, “Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas” jedha. (Faarfannaa 34:7) Gargaarsa Waaqayyoo argachuuf garuu, kadhannaa gochuun keenya qofti gaʼaa miti. Dabalataan maal gochuu akka qabnu beektaa?— Yesus duuka buutonnisaa dammaqinaan akka eegan itti himeera. Haataʼu malee, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti jettee yaadda?—

Yaadawwan walgaʼiirratti dhihaatan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuufi wanta Macaafa Qulqulluurraa dubbisnu qalbeeffachuu qabna. Kana malees, yeroo hunda Yihowaa kadhachuufi isa tajaajiluuf akka nu gargaaru isa gaafachuu qabna. Kana yoo goone, gargaarsa sodaa keenya moʼuuf nu gargaaru arganna. Sana booda, waaʼee Barsiisaa Guddichaafi waaʼee Abbaasaa warra kaanitti himuuf yommuu carraa argannu ni gammanna.

Caqasoonni kun namoota sodaannee wanta sirrii taʼe raawwachuurraa matumaa duubatti akka hin jenne nu gargaaruu dandaʼu: Fakkeenya 29:25; Ermiyaas 26:12-15, 20-24 fi Yohannis 12:42, 43.