Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 27

Eenyuun Waaqeffatta?

Eenyuun Waaqeffatta?

GAAFFIIN, ‘Eenyuun waaqeffatta?’ jedhu barbaachisaa kan taʼe maaliifi?— Namoonni wantoota hedduu waan waaqeffataniifidha. (1 Qorontos 8:5) Yihowaan, Phaawulos nama naafa ture tokko akka fayyisu yommuu humna kenneef, namoonni naannoo sanaa sagaleesaanii ol fuudhanii, “Waaqayyoliin namoota fakkaatanii gara keenyatti gad buʼaniiru” jedhan. Namoonni kun, Phaawulosiifi michuusaa Barnaabaasiin waaqeffachuu barbaadan. Kanaan kan kaʼes Phaawulosiin Hermees, Barnaabaasiinimmoo Zeʼos jedhanii kan waaman siʼa taʼu, maqaawwan kunimmoo maqaa waaqayyolii sobaa turan.

Phaawulosiifi Barnaabaas garuu namoonni kun akka isaan waaqeffatan hin heyyamne. Namoota sana gidduu galanii, ‘Wanta waaʼee hin baafne waaqessuurraa gara Waaqayyo isa jiraataatti deebiʼaa’ jedhaniin. (Hojii Ergamootaa 14:8-15) ‘Waaqni inni jiraataan’ wantoota hunda uume eenyudha?— Eeyyee, Yihowaa isa “guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru” dha. Yesus Yihowaan, “Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa” akka taʼe dubbateera. Kanaaf, waaqeffatamuu kan qabu eenyudharee?— Yihowaa qofadha.—Faarfannaa 83:18; Yohannis 17:3; Mulʼata 4:11.

Phaawulosii fi Barnaabaas namoonni akka isaaniif hin saganne kan dhowwan maaliifi?

Namoonni hedduun, “Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa” utuu hin taʼin, waaqayyolii addaddaa waaqeffatu. Wantoota mukarraa, dhagaarraa ykn sibiilarraa tolfaman waaqeffatu. (Baʼuu 32:4-7; Lewwoota 26:1; Isaayaas 44:14-17) Namoonni beekamoo taʼan yeroo tokko tokko akka waaqayyoliitti ilaalamu. Maarree wantoota akkasiitiif ulfina kennuun sirriidhaa?—

Saaʼol, Phaawulos ergamaa erga jedhamee booda, “Waaqayyicha bara siʼanaa kana taʼe, yaada warra hin amanin sanaa jaamseera” jedhee barreesseera. (2 Qorontos 4:4) Waaqayyichi kun eenyudha?— Eeyyee Seexanadha! Seexanni namoonni namootaafi wantoota hedduu akka waaqeffatan gochuu dandaʼeera.

Seexanni Yesus kufee isaaf sagaduudhaan akka isa waaqeffatu gochuuf yommuu yaalii godhe, Yesus maal jedhee deebiseef?— ‘Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfadhuu sagadi; isa duwwaas waaqeffadhu!’ jedheen. (Maatewos 4:10) Asirratti Yesus waaqeffatamuu kan qabu Yihowaa qofa akka taʼe ifa godheera. Mee amma waaʼee dargaggoota dhimma kana beekanii haa ilaallu. Maqaansaanii Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoo jedhama.

Dargaggoonni Ibrootaa kun Israaʼeloota saba Waaqayyoo taʼanirraa kan dhalatan siʼa taʼu, boojuudhaan gara biyya Baabilon geeffaman. Achittis mootiin Nebukadnezaar jedhamu bifa fakkeenyaa guddaa taʼe tokko warqeerraa hojjechiisee ture. Gaaf tokko, yeroo sagaleen muuziqaa dhagaʼamu namoonni hundi bifa fakkeenyaa sanaaf sagaduu akka qaban ajaje. Yeroo kanatti, ‘Namni hin saganne iddoo ibiddi itti bobbaʼu keessatti in darbatama’ jedhee akeekkachiisa kenne. Ati utuu achi jiraattee maal goota turte?—

Dargaggoonni kun bifa fakkeenyaa kanaaf sagaduu kan didan maaliifi?

Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoon ajaja mootichi kennu hunda ni raawwatu turan. Ajaja kana raawwachuuf garuu tole hin jenne. Maaliif akka taʼe beektaa?— Seerri Waaqayyoo, ‘Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatin! Ati bifa fakkeenyaa kanaaf hin sagadin, isaafis hin hojjetin!’ jedhee waan akeekkachiisuufidha. (Baʼuu 20:3-5) Kanaaf Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoon ajaja mootichaatiif utuu hin taʼin, seera Yihowaatiif abboomamaniiru.

Yeroo kanatti mootichi baayʼee waan aareef, yeruma sana dargaggoonni Ibrootaa kun isa duratti akka dhihaatan godhe. Achiis, ‘Dhuguma waaqayyolii kootiif hin sagannu jettaniittuu? jedhee erga isaan gaafatee booda, amma carraa tokkon isinii kenna. Yommuu sagalee muuziqaa dhageessan, gombifamtanii bifa fakkeenyaa ani qopheesseef ni sagaddu. Kana hin gootan taanaan, ibidda bobaʼu keessatti darbatamtu. Sana booda waaqa na harkaa isin oolchu nan arga’ jedheen.

Dargaggoonni kun yeroo kanatti maal godhu laata? Utuu si taʼee maal goota turte?— Isaan mootichaan, ‘Oolchuu yoo taʼe, Waaqayyo keenya inni nuyi waaqessinu nu oolchuu ni dandaʼa. Yoo nu oolchuu baateyyuu nuyi waaqayyoliikee hin waaqessinu. Bifa fakkeenyaa warqeerraa hojjechiisteefis hin sagannu’ jedhaniin.

Yeroo kanatti mootichi baayʼee waan aareef, ‘Humna ibiddichaa isa dur gubu caalaa dachaa torba gubsiisaa!’ jedhee ajaje. Achiis namoonni ciccimoon Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoo qabanii ibidda bobaʼu sana keessatti akka isaan darbatan ajaje. Ibiddichi garmalee waan bobaʼuuf, namoonni isaaniin ibiddaatti akka darbatan ajajamanillee arraba ibiddichaatiin gubatanii duʼan. Dargaggoonni sadanoo maal taʼan?

Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoon ibiddicha walakkaatti kufan. Haataʼu malee kaʼanii dhaabatan. Ibiddichi isaan hin miine. Funyoon itti hidhamanis irraa buʼeera. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti?— Mootichi gara ibiddichaa kan ilaale siʼa taʼu, wanti inni arges waan isa naasiseef, ‘Namoota sadii gara ibiddaatti darbannee hin turree?’ jedhee gaafate. Tajaajiltoonnisaas, ‘Eeyyee yaa mootii’ jedhanii deebisaniif.

Yihowaan tajaajiltootasaa ibidda bobaʼu keessaa kan oolche akkamitti?

Achiis mootichi, ‘Ani garuu namoonni afur miidhaan tokko utuu isaanirra hin gaʼin yeroo ibidda keessa asiifi achi adeeman nan arga’ jedhe. Namni arfaffaan sun eenyu akka ture beektaa?— Inni ergamaa Yihowaati. Ergamaan kun Ibroonni sadan akka hin miidhamne isaan eegeera.

Mootichis kana yommuu ilaalu, gara balbala iddoo ibiddi keessaa bobaʼuutti dhiʼaatee, “Shaadraak! Meshaak! Abed-Neegoo! Hojjetoota Waaqayyo isa hundumaa gararraa jiruu, kottaa as baʼaa!” jedheen. Yommuu achi keessaa baʼan, namoonni kaan dargaggoonni kun akka hin gubanne hubatan. Fooliin ibiddaallee isaanirra hin turre. Mootichi, ‘Hojjettoonnisaa kun Waaqayyosaanii malee waaqayyolii kan biraa hin waaqessine. Kanaan kan kaʼes inni ergamaasaa ergee hojjettootasaa kana waan oolcheef Waaqayyo inni kan Shaadraak, kan Meshaak, kan Abed-Neegoo haa jajamu!’ jedhe.—Daaniʼel, boqonnaa 3.

Yeroo ammaatti namoonni wantoota waaqayyolii tolfamoo fakkaatan akkamiitiif ulfina kennaa jiru?

Wanta yeroo sanatti raawwatame kanarraa barumsa argannu qabna. Yeroo ammaattis, namoonni waaqeffannaadhaaf fakkiiwwaniifi wantoota harkaan tolfamanitti fayyadamu. Kitaabni tokko, “Alaabaanis akkuma fannoo wanta akka qulqulluutti ilaalamudha” jedheera. (Za Insaayikilooppeediyaa Ameerikaanaan) Bifawwan fakkeenyaa mukarraa, dhagaarraa, sibiilarraa ykn carqiirraa tolfamuu dandaʼu. Bartoonni Yesus jaarraa jalqabaatti turan, mootii Roomaatiif waaqeffannaa hin dhiheessine. Akkuma barreessaa seenaa kan taʼan Daaniʼel Pii. Maaniiksi jedhanitti kana gochuun, “alaabaadhaaf ulfina addaa kennuu diduu ykn kakuu amanamummaa dhageessisuu diduu” wajjin tokko taʼuu akka dandaʼu ibsaniiru.

Kanaaf, bifawwan fakkeenyaa waaqeffannaadhaaf oolan carqiirraa, mukarraa, dhagaarraa ykn sibiilarraa hojjetamuunsaanii ilaalcha Waaqayyo wantoota kanaaf qaburratti jijjiirama kan fidu sitti fakkaataa?— Namni Yihowaa waaqeffatu tokkommoo, wantoota akkasiitiif sagaduunsaa sirriidhaa?— Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoon kana hin goone; Yihowaanis isaanitti gammadeera. Atoo fakkeenya dargaggoota kanaa hordofuu kan dandeessu akkamitti?—

Namoonni Yihowaa tajaajilan, nama ykn wanta garabiraa hin waaqeffatan. Waaʼee kanaa ilaalchisee yaada Iyaasuu 24:14, 15, 19-22; Isaayaas 42:8; 1 Yohannis 5:21 fi Mulʼata 19:10⁠rratti ibsame dubbisi.