Wangeela Maatewos 4:1-25

  • Diyaabilos Yesuusiin qore (1-11)

  • Yesuus Galiilaatti lallabuu jalqabe (12-17)

  • Barattoonni jalqabaa ni waamaman (18-22)

  • Yesuus ni lallabe, ni barsiise, namootas ni fayyise (23-25)

4  Sana booda Yesuus Diyaabilos akka isa qoruuf+ hafuurri gara lafa onaatti isa geesse.+  Inni guyyaa 40 fi halkan 40 erga soomee booda ni beelaʼe.  Diyaabilosis isa qoruuf+ itti dhihaatee, “Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun daabboo akka taʼan ajaji” isaan jedhe.  Inni garuu, “‘Namni dubbii afaan Yihowaa* keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu’+ kan jedhu barreeffameera” jedhee deebise.  Achiis Diyaabilos gara magaalaa qulqulluutti+ isa geessee fiixee gamoo mana qulqullummaa irra isa dhaabbachiisee+  akkana isaan jedhe: “Ilma Waaqayyoo yoo taate mee gad of darbadhu; sababiin isaas, ‘Inni maleekota isaa siif ni ajaja’ akkasumas, ‘Miilli kee dhagaatti akka hin rukutamneef isaan harka isaaniitti si baatu’+ jedhamee barreeffameera.”  Yesuusis deebisee, “‘Waaqa kee Yihowaa* hin qorin’+ kan jedhus barreeffameera” isaan jedhe.  Ammas Diyaabilos gaara baayʼee dheeraa tokko irra ol isa baasee mootummoota addunyaa hundumaa fi ulfina isaanii isatti argisiise.+  Achiis, “Siʼa tokko qofa jilbeenfattee yoo na waaqeffatte wantoota kana hundumaa siif nan kenna” isaan jedhe. 10  Yeroo kanatti Yesuus, “Seexana nana, na duraa deemi! ‘Waaqa kee Yihowaa* waaqeffadhu;+ isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’+ kan jedhu barreeffameera” isaan jedhe. 11  Achiis Diyaabilos isa dhiisee deeme;+ maleekonnis dhufanii isa tajaajiluu jalqaban.+ 12  Yesuus, Yohaannis akka hidhame+ yeroo dhagaʼu gara Galiilaa deeme.+ 13  Achiis Naazireetii erga baʼee booda, gara Qifirnaahom+ dhaqee achi jiraachuu jalqabe; Qifirnaahom galaana isa koonyaawwan Zaabiloonii fi Niftaalem keessa jiru biratti argamti turte; 14  kunis kan taʼe, wanti karaa Isaayyaas raajichaa akkana jedhamee dubbatame akka raawwatamuufi: 15  “Yaa Galiilaa sabootaa, biyyi Zaabiloonii fi biyyi Niftaalem warri daandii gara galaanichaatti geessu irratti, Yordaanos gamatti argamtan nana! 16  Uummanni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa arge; warra biyya gaaddisa duʼaa keessa jiraatan irrattis ifni+ ni baʼe.”+ 17  Yesuus yeroo sanaa kaasee, “Mootummaan samii waan dhihaateef, yaada geddaradhaa”+ jedhee lallabuu jalqabe. 18  Qarqara Galaana Galiilaa utuu deemaa jiruu, obbolaa lamaan, jechuunis Simoon isa Pheexiros+ jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriyaasiin utuu isaan saaphana isaanii galaanichatti darbatanii arge; isaan qurxummii kan qaban+ turan. 19  Achiis, “Kottaa na duukaa buʼaa; ani immoo namoota kan qabdan isin nan godha”+ isaaniin jedhe. 20  Isaanis yeruma sana saaphana isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.+ 21  Bakka sanaa yeroo deemus, obbolaa lamaan, jechuunis Yaaqoob ilma Zabdewosii fi obboleessa isaa Yohaannisiin+ arge. Isaan abbaa isaanii Zabdewosii wajjin bidiruu keessa taaʼanii saaphana isaanii suphaa turan; innis isaan waame.+ 22  Isaanis yeruma sana bidiruu sanaa fi abbaa isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan. 23  Achiis inni manneen sagadaa+ isaanii keessatti barsiisaa, misiraachoo Mootummichaa lallabaa, akkasumas dhukkuba gosa hundumaa fi dhibee gosa hundumaa namoonni sun qaban fayyisaa+ guutummaa Galiilaa keessa naannaʼe.+ 24  Oduun waaʼee isaa dubbatamus guutummaa Sooriyaa keessatti babalʼate; isaanis namoota dhukkubaa fi waraansa adda addaatiin dhiphatan,+ warra jinniidhaan qabaman,+ warra gaggabdoo+ qabanii fi warra lamshaaʼan hundumaa gara isaatti fidan; innis isaan fayyise. 25  Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun Galiilaa, Dikaapoolis,* Yerusaalem, Yihudaa fi Yordaanos gama irraa dhufan isa duukaa ni buʼan.

Miiljaleewwan

Ykn., “Naannoo Magaalota Kurnanii.”