Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 10

Yesus Hafuurota Hamoorratti Aangoo Qaba

Yesus Hafuurota Hamoorratti Aangoo Qaba

ERGAMOOTA Waaqayyoo keessaa inni tokko maaliif Seexana akka taʼe beektaa?— Waaqayyorratti akka kaʼu kan isa godhe, ofittummaadhaan kakaʼee waaqeffatamuu barbaaduusaati. Ergamoonni garabiraanoo Seexana duukaa buʼaniiruu?— Eeyyee, isa duukaa buʼaniiru. Macaafni Qulqulluun qaamonni kun, ‘ergamoota Seexanaa’ ykn hafuurota hamoo akka jedhaman dubbata.—Mulʼata 12:9.

Ergamoonni gadheen ykn hafuuronni hamoon kun Waaqayyotti ni amanuu?— Macaafni Qulqulluun, ‘hafuuronni hamoon Waaqayyo akka jiru ni amanu’ jedha. (Yaaqoob 2:19) Yeroo ammaatti garuu hafuuronni hamoon sodaa keessa jiru. Sababiinsaas, wanta gadhee raawwataniif Waaqayyo akka isaan adabu waan beekaniifidha. Wanti gadheen isaan raawwatan maalidha?—

Macaafni Qulqulluun, ergamoonni kun nama taʼanii jiraachuuf bakka jireenyaasaanii, jechuunis samii dhiisanii gara lafaatti akka dhufan dubbata. Kanas kan godhan, dubartoota ilmaan namootaa mimmiidhagoo taʼanii wajjin saalqunnamtii raawwachuu waan barbaadaniif ture. (Uumama 6:1, 2; Yihudaa 6) Waaʼee saalqunnamtii waan beektu qabdaa?—

Saalqunnamtii jechuun, dhiirriifi durbi tokko karaa baayʼee adda taʼeen walitti dhufeenya qabaachuusaanii kan argisiisudha. Sana booda, mucaan garaa haadhaa keessatti guddachuu jalqaba. Haataʼu malee, ergamoonni saalqunnamtii raawwachuunsaanii dogoggora ture. Waaqayyo dhiirriifi dubartiin wal fuudhan qofti saalqunnamtii akka raawwatan barbaada. Karaa kanaan mucaan yoo dhalate, abbaafi haatisaa mucaa kana guddisuu dandaʼu.

Ergamoonni kun wanta gadhee akkamii raawwatan?

Ergamoonni qaama foonii uffatanii dubartoota lafarratti argamanii wajjin saalqunnamtii raawwachuudhaan ijoolleen isaan godhatan, hojjaafi humnaan baayʼee kan nama caalan turan. Ijoolleen kun baayʼee gara jabeeyyiifi namoota kaanirratti miidhaa kan geessisan turan. Kanaaf, Waaqayyo bishaan badiisaa fiduudhaan ilmaan ergamootaa kanaafi namoota hamoo hunda balleesse. Haataʼu malee Waaqayyo, Nohi markaba ykn bidiruu guddaa akka hojjetu gochuudhaan namoonni wanta gaarii hojjetan muraasni akka oolan godheera. Barsiisaa Guddichi, wanta yeroo Bishaan Badiisaatti raawwatame yaadachuun barbaachisaa taʼuusaa dubbateera.—Uumama 6:3, 4, 13, 14; Luqaas 17:26, 27.

Yeroo Bishaan Badiisaa gaʼe, ergamoonni kun maal akka godhan beektaa?— Qaama foonii uffatanii turan sana dhiisanii gara samiitti deebiʼan. Taʼus, sana booda ergamoota Waaqayyoo taʼuu waan hin dandeenyeef, ergamoota Seexanaa ykn hafuurota hamoo taʼan. Ilmaan ergamoota kanaahoo akkam taʼan?— Bishaan Badiisaatiin balleeffaman. Yeroo kanatti, namoonni Waaqayyoof hin abboomamne kaan hundis isaanii wajjin balleeffamaniiru.

Yeroo ammaatti haala kanaan dura taʼee hin beekneen, lafarratti rakkinni kan baayʼate maaliifi?

Waaqayyo, Bishaan Badiisaa booda, hafuuronni hamoon kun lammata qaama foonii akka hin uffanne godhe. Ergamoota kana ijaan arguu baannus, namoonni wanta gadhee taʼe akka raawwatan gochaa jiru. Haala kanaan dura argamee hin beekneen wanti gadheen akka raawwatamu gochaa jiru. Kanas kan godhan, samiirraa gara lafaatti waan darbatamaniifidha.

Hafuurota hamoo arguu kan hin dandeenye maaliif akka taʼe beektaa?— Ijaan kan hin argamne waan taʼaniifidha. Haataʼu malee, hafuuronni hamoon akka jiran mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun, Seexanni ‘namoota biyya lafaarratti argaman hunda akka wallaalchisu,’ hafuuronni hamoonimmoo akka isa gargaaran dubbata.—Mulʼata 12:9, 12.

Seexanniifi hafuuronni hamoon, nuunoo nu dogoggorsuu ykn nu wallaalchisuu dandaʼuu?— Of eeggannoo gochuu baannaan nu gowwoomsuu dandaʼu. Taʼus, isaan sodaachuu hin qabnu. Barsiisaa Guddichi, ‘Seexanni anarratti aboo hin qabu’ jechuudhaan dubbateera. Waaqayyotti dhihaannee yoo jiraanne, inni Seexanaafi hafuurota hamoorraa nu eega.—Yohannis 14:30.

Hafuuronni hamoon, wantoota gadhee akkamii akka raawwannu gochuuf akka yaalan hubachuun keenya barbaachisaadha. Mee dhimma kanarratti yaadi. Hafuuronni hamoon yommuu gara lafaa dhufan wantoota gadhee akkamii raawwatan?— Bishaan Badiisaa dura, dubartootaa wajjin saalqunnamtii kan raawwatan siʼa taʼu, kunimmoo wanta isaan gochuu hin qabne ture. Yeroo ammaattis, hafuuronni hamoon kun namoonni seera Waaqayyo saalqunnamtii ilaalchisee baaseef yommuu ajajamuu didan ni gammadu. Mee gaaffii tokkon si gaafadha, saalqunnamtii raawwachuu kan qaban namoota akkamiiti?— Eeyyee, namoota wal fuudhan qofadha.

Yeroo ammaatti dardarriifi shamarran tokko tokko saalqunnamtii kan raawwatan yoo taʼaniyyuu, kana gochuunsaanii dogoggoradha. Macaafni Qulqulluun qaama saalaa dhiiraafi durbaa kan uume Waaqayyo akka taʼe ibsa. Yihowaan qaamota kana kan uume, namoonni wal fuudhan qofti kaayyoo adda taʼeef akka itti fayyadamaniifidha. Hafuuronni hamoon, namoonni wanta Yihowaan dhowwe yommuu raawwatan ni gammadu. Fakkeenyaaf, dhiirriifi durbi tokko qaama saalaa walii yommuu tuttuqan hafuuronni hamoon ni gammadu. Nuyi garuu hafuurota hamoo gammachiisuu hin barbaannu mitii?—

Wanti hafuuronni hamoon itti gammadan, Yihowaan garuu itti hin gammadne garabiraanis jira. Wanti kun maal akka taʼe beektaa?— Humnaan namarratti kaʼuudha. (Faarfannaa 11:5) Humnaan namarratti kaʼuun, namootarratti wanta hamaa raawwachuufi isaan miidhuu kan argisiisudha. Wanti ilmaan ergamootaa warri hamoon sun raawwatanis kana akka taʼe yaadadhu.

Hafuuronni hamoon namoota sossodaachisuunis isaan gammachiisa. Yeroo tokko tokko namoota duʼan fakkaatanii mulʼatu. Sagalee namoota duʼanii fakkeessaniis ni dubbatu. Akka kanaan hafuuronni hamoon, namoonni duʼan lubbuudhaan jiru, namootaa wajjin dubbachuus ni dandaʼu jedhanii akka amanan gochuudhaan namoota hedduu gowwoomsu. Eeyyee, hafuuronni hamoon namoonni hedduun ekeraa namoota duʼaniitti akka amanan godhu.

Kanaaf, Seexanniifi hafuuronni hamoon akka nu hin gowwoomsine of eeggachuu qabna. Macaafni Qulqulluun, ‘Seexanni ergamaa gaarii fakkaachuuf yaalii kan godhuufi tajaajiltoonnisaas akkasuma gochuuf yaalii akka godhan’ dubbata. (2 Qorontos 11:14, 15) Dhugaasaa dubbachuuf garuu qaamonni hafuuraa kun hamootadha. Nuyis akkumasaanii akka taanu gochuuf yaalii akkamii akka godhan haa ilaallu.

Namoonni waaʼee walirratti kaʼuu, waaʼee saalqunnamtii seeraan ala taʼee, waaʼee uumamawwan hafuuraafi waaʼee ekeraa namoota duʼanii wanta baayʼee eessaa baratu?— Sagantaawwan televijiinii tokko tokko ilaaluurraa, taphawwan kompiitarii ykn viidiyoo tokko tokkorraa, Intarneetii ilaaluufi kitaabota namoota kolfisiisuuf qophaaʼan dubbisuudhaan mitii? Wantoota akkasii gochuun keenya, Waaqayyottimoo, Seexanaafi hafuurota hamootti kan nu dhiheessu sitti fakkaata?—

Wantoota namarratti kaʼuu babalʼisan ilaaluun miidhaa qabaa?

Wantoota gadhee akka dhaggeeffannuufi akka ilaallu kan barbaadan eenyufaʼi jettee yaadda?— Eeyyee, Seexanaafi hafuurota hamoodha. Anis taʼe ati maal gochuun nu barbaachisaree?— Wantoota faayidaa nuuf argamsiisaniifi Yihowaa tajaajiluuf nu gargaaran dubbisuu, dhaggeeffachuufi ilaaluu qabna. Wantoota gaggaarii gochuu dandeenyu kana keessaa tokko tokko maalfaa akka taʼan beektaa?—

Wantoota faayidaa nuuf argamsiisan akkamii gochuu qabna?

Wanta gaarii kan raawwannu yoo taʼe, sababii hafuurota hamoo itti sodaannuuf hin qabnu. Yesus isaan caalaa humna guddaa kan qabu siʼa taʼu, isaanis isa ni sodaatu. Gaaf tokko hafuuronni hamoon, “Nu balleessuu yaaddee dhuftee?” jedhanii Yesusitti iyyanii turan. (Maarqos 1:24) Nutoo, Yesus Seexanaafi hafuurota hamoo guutummaatti yeroo itti balleessutti hin gammannuu?— Hammasitti garuu, isaafi Abbaasaa isa samiitti dhihaannee yoo jiraanne, Yesus eegumsa akka nuu godhu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

Hafuurota hamoofi Seexanarraa of eeguuf maal gochuun akka nu barbaachisu hubachuuf 1 Phexros 5:8, 9 fi Yaaqoob 4:7, 8 haa dubbisnu.