Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 45

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha? Akka Isa Barbaannu Akkamitti Argisiisna?

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha? Akka Isa Barbaannu Akkamitti Argisiisna?

KADHANNAA Yesus duuka buutotasaa barsiise beektaa?— Hin beektu taanaan, Macaafa Qulqulluukee baasiitii, Maatewos 6:9-13⁠rraa waliin dubbisuu dandeenya. Kadhannaan “Yaa Abbaa Keenyaa” jedhamu kun, yaada “Mootummaan kee haa dhufu” jedhus qabateera. Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼe beektaa?—

Namni biyya ykn naannoo tokko bulchu Mootii jedhama. Bulchiinsisaammoo mootummaa jedhama. Namni biyya bulchu biyyoota tokko tokkotti pireezidaantii jedhama. Bulchaan Mootummaa Waaqayyoo hoo maal jedhama?— Mootii jedhama. Bulchiinsi Waaqayyoo Mootummaa kan jedhamu kanaafidha.

Yihowaan bulchiinsasaarratti Mootii akka taʼu eenyuun akka filate beektaa?— Ilmasaa Yesus Kiristosiin filate. Yesus, bulchaa namoonni filatan kamirrayyuu kan caalu maaliifi?— Abbaasaa Yihowaa garaadhaa waan jaallatuufidha. Kanaaf, yeroo hunda wanta sirrii taʼe raawwata.

Yesus Betlihemitti dhalachuusaa yeroo dheeraa dura, Macaafni Qulqulluun waaʼee dhaloota Yesusiifi inni Bulchaa Waaqayyo filatu akka taʼu dubbateera. Mee waaʼee kanaa Isaayaas 9:6, 7⁠rraa haa dubbisnu. Caqasichi akkas jedha: “Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa . . . angafa nagaa in jedhama. Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu.”

Yesus, Ilma Yihowaa Mootii isa hundarra caaluuti. Haataʼu malee Yihowaan, bulchiinsasaarratti waggaa kuma tokkoof akka bulchuuf Yesusiin Mootii godheera. (Mulʼata 20:6) Yesus erga cuuphamee booda, “‘Mootummaan waaqaa waan dhiʼaateef, yaada garaa keessanii geddaradhaa!’ jedhee labsuu” jalqabe.—Maatewos 4:17.

Yesus Mootummichi dhihaachuusaa kan dubbate maaliif akka taʼe beektaa?— Mootiin yeroo booda samiirratti bulchu isaan gidduu waan tureefidha. Yesus namoota sanaan, “Mootummaan Waaqayyoo gidduu keessan jira” jechaa kan ture kanaafidha. (Luqaas 17:21) Mootii Yihowaan muudetti utuu dhihaatteefi harkaan isa qabuu dandeessee sitti hin toluu?—

Mee Yesus hojii barbaachisaa akkamii hojjechuuf gara lafaa akka dhufe natti himi.— Yesus, “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jechuudhaan deebiisaa nutti himeera. (Luqaas 4:43) Yesus hojii lallabaa kana kophaasaa raawwachuu akka hin dandeenye beeka ture. Kanaaf, maal kan godhe sitti fakkaata?—

Yesus gara lafaa kan dhufe hojii akkamii hojjechuufi?

Yesus namoota fudhatee adeemuudhaan hojiin lallabaa akkamitti akka hojjetamu isaanitti argisiise. Jalqaba namoota 12aan ergamootasaa akka taʼan filate leenjise. (Maatewos 10:5, 7) Haataʼu malee, Yesus hojii kana akka hojjetan ergamootasaa qofa leenjisee? Lakki. Macaafni Qulqulluun Yesus namoota kan biraa hedduus hojii lallabaatiif akka leenjise nutti hima. Yeroo boodammoo duuka buutota kan biraa 70 taʼan, lama lama godhee erge. Duuka buutonnisaa kun waaʼee maalii barsiisan?— Yesus, “‘Mootummaan Waaqayyoo isinitti dhiʼaateera’ jedhaa!” isaaniin jedheera. (Luqaas 10:9) Karaa kanaan, namoonni waaʼee bulchiinsa Waaqayyoo barachuu dandaʼaniiru.

Bara durii Israaʼel keessatti, mootonni haaraa taʼan ilmoo harreerra taaʼanii magaalattii keessa adeemuudhaan uummatatti of argisiisu turan. Yesusis yeroo dhumaatiif gara Yerusaalem yommuu dhaqe akkasuma godheera. Kunis, Bulchaa Mootummaa Waaqayyoo taʼuuf akka jedhu argisiisa. Namoonni garuu akka inni Mootiisaanii taʼu barbaadanii turanii?—

Yommuu ilmoo harreerra taaʼee deemu, namoonni hedduun uffatasaanii karaarra afu turan. Warri kaanimmoo damee mukaa cabsanii karaa inni adeemurra afu turan. Kana gochuudhaan, Yesus Mootiisaanii akka taʼu akka barbaadan argisiisaniiru. Sagaleesaanii guddisanii, “Mootiin ergamee maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu, galateeffamaa dha” jedhu turan. Haataʼu malee, kanatti kan gammadan namoota hunda hin turre. Geggeessitoonni amantii tokko tokkollee Yesusiin, ‘Bartoonnikee akka cal jedhan itti himi’ jedhanii turan.—Luqaas 19:28-40.

Namoonni kun jalqabarratti Yesus Mootiisaanii akka taʼu kan barbaadanii fi boodammoo yaadasaanii kan jijjiiran maaliif ture?

Guyyaa shan booda Yesus qabamee gara mana mootummaatti geeffamuudhaan bulchaa Phonxos Philaaxos jedhamu duratti dhiheeffame. Diinonnisaa Yesus ani mootiidha akka ofiin jedheefi mootummaa warra Roomaa mormaa akka jiru dubbatan. Kanaaf, Philaaxos himanni kun dhugaa taʼuusaa Yesusiin gaafate. Yesusis, mootummaa Philaaxos fudhachuu akka hin barbaanne itti hime. Philaaxosiin, “Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti” jedheen.—Yohannis 18:36.

Achiis Philaaxos gadi baʼee, Yesusirratti balleessaa tokkoyyuu akka hin arganne namoota sanatti hime. Haataʼu malee, namoonni sun Yesus Mootiisaanii akka taʼu hin barbaanne. Kanaafuu, akka gadhiifamu hin barbaanne. (Yohannis 18:37-40) Philaaxos yeroo lammataatiif erga isa haasofsiisee booda, Yesus dogoggora tokkollee akka hin raawwanne mirkaneesse. Dhumarrattis Philaaxos Yesusiin gadi baasee namoota sanaan, “Ilaa mootii keessan” jedheen. Isaan garuu, “Balleessi, balleessi, isa fannisi!” jedhanii itti iyyan.

Philaaxos, “Mootii keessan fannisuu ree?” jedhee isaan gaafate. Angafoonni lubootaas, “Nuyi Qeesaar mootii warra Roomaa malee mootii hin qabnu” jedhanii deebisaniif. Gochisaanii kun baayʼee nama hin gaddisiisuu? Luboonni hamoo taʼan kun namoonni kaan Yesusirratti akka kaʼan gochuu dandaʼaniiru!—Yohannis 19:1-16.

Haalli amma jirus haala yeroo sanaa wajjin wal fakkaata. Namoonni hedduun, Yesus Mootiisaanii akka taʼu hin barbaadan. Tarii Waaqayyotti akka amanan kan dubbatan yoo taʼeyyuu, Waaqayyo ykn Kiristos maal gochuu akka qaban akka isaanitti himan hin barbaadan. Kanaa mannaa bulchitootasaanii warra lafarra jiran qofa dhagaʼuu barbaadu.

Nutoo waaʼee kanaa maaltu nutti dhagaʼama? Waaʼee Mootummaa Waaqayyoofi wantoota gaggaarii mootummaan kun nuu godhu barachuun keenya, waaʼee Waaqayyoo maaltu akka nutti dhagaʼamu gochuu qaba?— Waaqayyoon ni jaallanna mitii?— Maarree akka isa jaallannuufi Mootummaasaa jalatti buluu akka barbaannu akkamitti argisiisuu dandeenya?—

Yesus kan cuuphame maaliifi? Waaqayyohoo, Yesus cuuphamuusaatti akka gammade kan argisiise akkamitti?

Fakkeenya Yesus hordofuudhaan, wanta nutti dhagaʼamu Waaqayyoof ibsuu dandeenya. Yesus Yihowaa akka jaallatu argisiisuuf maal godhe?— ‘Ani yeroo hundumaa wanta isa gammachiisun hojjedha’ jedheera. (Yohannis 8:29) Eeyyee, Yesus gara lafaa kan dhufe, ‘fedha Waaqayyoo raawwachuufi’ ‘hojiisaa raawwachuufidha.’ (Ibroota 10:7; Yohannis 4:34) Yesus hojii lallabaa jalqabuusaa dura maal akka godhe ilaali.

Yesus, gara Laga Yordaanos bakka Yohannis Cuuphaan jiru dhaqe. Bishaan keessa erga seenanii booda, Yohannis, Yesusiin guutummaatti bishaan keessa cuuphee baase. Yohannis, Yesusiin kan cuuphe maaliif akka taʼe beektaa?—

Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namootatti himuu kan dandeenyu eessa faʼitti?

Kana akka godhu kan isa gaafate Yesusidha. Haataʼu malee Waaqayyo, Yesus akka cuuphamu kan barbaadu taʼuusaa akkamitti beekna?— Yeroo Yesus bishaan keessaa baʼu, Waaqayyo samii keessaa, “Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama” waan jedheef kana beekuu dandeenya. Waaqayyo hafuurri qulqulluun bifa gugeetiin Yesusirra akka buʼus godheera. Kanaaf, Yesus cuuphamuudhaan umriisaa guutuu jechuunis barabaraaf Yihowaa tajaajiluu akka barbaadu argisiiseera.—Maarqos 1:9-11.

Ati amma mucaa xinnoodha. Garuu yeroo guddattu maal gochuu barbaadda?— Akkuma Yesus ni cuuphamtaa?— Macaafni Qulqulluun Yesus, ‘faana isaa duukaa akka buutu fakkeenya’ siif kaaʼuusaa waan dubbatuuf akkas gochuu qabda. (1 Phexros 2:21) Yeroo cuuphamtu, Mootummaan Waaqayyoo akka si bulchu akka barbaaddu argisiista. Haataʼu malee, cuuphamuun qofti gaʼaa miti.

Wanta Yesus nu barsiise hunda hojiirra oolchuu qabna. Yesus, nuyi ‘kan biyya lafaa taʼuu akka hin qabne’ dubbateera. Dhimmawwan biyya lafaa keessa yoo galle, isaaf abboomamaa jirra jechuu dandeenyaa? Yesusiifi ergamoonnisaa wantoota akkasiirraa fagaataniiru. (Yohannis 17:14) Haataʼu malee hojii akkamiirratti hirmaachaa turan?— Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namootatti himaa turan. Jireenyasaanii keessatti hojii kanaaf bakka guddaa kennu turan. Nuhoo akkas gochuu qabnaa?— Eeyyee, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu garaadhaa kan kadhannu yoo taʼe, nuyis hojii kana hojjechuu qabna.

Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu kan barbaannu yoo taʼe maal gochuu akka qabnu, Maatewos 6:24-33; 24:14; 1 Yohannis 2:15-17 fi 5:3⁠rraa ilaali.